Filannoo Itoophiyaa: Filannoon Caamsaa ykn Waxabajjii akka ta'u boordiin filannoo yaada dhiyeesse

Korojoo filannoo

Madda suuraa, Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa

Boordiin Filannoo Itoophiyaa filannoo biyyaalessaa marsaa 6ffaa Caamsaa ykn Waxabajjii keessa gochuuf yaada ka'umsaa dhiyeesse.

Boordichi kana kan ibse waltajjii marii guyyaa har'aa [Jimaata Onkoloolessa 30] qopheesse irratti ta'u FBC gabaase.

Baatii Caamsaa torbee lamaan xumuraa ykn Waxabajjii torbee lamaan jalqabaa keessa filannoo raawwachuuf yaada qabaaachu hime boordichi.

Filannoon Biyyaalessaa marsaa 6ffaa kun A.L.I Hagayya 23 bara 2012tti ture kan saganteeffame.

Boordiin filannoo sababa weeraa koronaavaayirasiin filannicha yeroo isaa eegee raawwachuu akka hin dandeenye erga beeksiseen duuba murtii mana maree federeeshinii Itoophiyaan yeroon isaa akka dheeratu ta'e.

Fulbaana darbe Ministeerri Fayyaa of-eeggannoon filannoo gochuun akka danda'amu erga yaada dhiyeessee booda boordichi filannoo gochuuf sochii kan eegale.

Filannoo Caamsaa ykn Waxabajjii gaggeeffamu kanaaf Mudde hanga walakkeessa Amajjiitti leenjii raawwachiiftota filannoo kennuuf, akkasumas walakkeessa Amajjii hanga Guraandhala torbee sadaffaatti ammoo galmee filattootaa gochuu akka yaadaatti dhiyeesse.

Baatii Guraandhalaa torbee lamaan jalqabaa galmee kaadhimamtootaa, walakkeessa Guraandhala hanga torbee filannootti duulli na filadaa akka gaggeefamu eerameera.

Sagantaan yeroo kun yaada ka'umsaa mariif dhiyaate yoo ta'u, qaamoleen dhimmichi isaan ilaallatu irratti erga mari'atanii booda murtaa'a jedhamee eegama.

Boordichi ifatti sagantaa yeroo filannoo ilaalchisee ibsa hinkennine.

Dabalataan boordichi Covid-19 waliin wal qabatee of-eeggannoo taasifamuu qabu irrattis yaada ka'umsaa dhiyeessee jira.

Tarkaanfiiwwan of-eeggannoo taasifamuu qabu jedhe raawwachiisuufis maallaqa dabalata birii miliyoona 1.1 gaafateera.

Hojiirra oolmaa sagantaa boordichi baasiif dhaabbileen mootummaa akka Ministeera Fayyaa, Ministeera Maallaqaa, qaamolee nageenyaafi kanneen dhimmichi isaan ilaallatu hundi tumsa akka godhan dura teessuun Boordii Filannoo Biyyaalessaa Aadde Birtukaan Miidhaksaa gaafataniiru jechuun FBC gabaaseera.