Waldhibdee Mootummaa Federaalaa fi Naannoo Tigraay furuurratti qoodni paartilee siyaasaa maali?

Madda suuraa, BBC/WOYIN/EDP/ECSJ
Walitti dhufeenyi naannoo Tigraayii fi mootummaa federaalaa Itoophiyaa jidduu jiru, yeroodhaa gara yerootti hir'achaa fi rakkoo keessa seenaa dhufeera.
Waliigaltee dhabuun kunis inni tokko kaaniin "seeraan ala" jechuu gaheera, akkasumas hariiroosaanii adda kutuus ifaan hamma himanitti isaan geesseera.
Filannoon biyyalessaa ALI bara 2012 ji'a Hagayyaa taasifamuuf karoorfamee ture sababa koronaavaayirasiin yeroo dheereffametti, naannoon Tigraay filannoo geggessuuf gaafatus boordii filannoorraa hayyama hin arganne.
Boodarratti naannichi komishiinii filannoo mataasaa hundeessuun Qaammee 4 filannoo geeggesse.
Manni Maree Federeshinii filannoon taasifamuusaa dura seeraan ala jedhus; erga filannoo taasifame bu'aan filannoo ifoome booda, filannoon akka hin raawwatamne kan laakka'amuu fi fudhatama akka hin qabaanne beeksiseera.
Kanaanis osoo hin dhaabbatiin mootummaan federaalaa fedhii misoomaa fi tajaajila barbaachisoorratti xiyyeeffachuun, bulchiinsa magaalaa fi gandaa dabalatee dhaabbilee seera qabeessa ta'an qofa waliin hariiroo akka qabaatu ibseera.
Bulchiinsi naannoo Tigraay garuu murteen kun fudhatama akka hin qabnee fi manni marichaa aangoo heera mootummaatiin ala; hiikkaa heeraa kennuun kan dheerate waan ta'eef; heera mootummaatiin ala jedheera.
Waldhibdeen qaamota lamaan kanneeniin akkamitti hiikamuu danda'a? qoodni paartilee siyaasaas maal ta'uu qaba kan jedhurratti hoggantoota paartilee adda addaa dubbisneerra.
Marii... marii... marii...

Waldhibdee mootummaa federaalaa fi naannoo Tigraay irratti dura taa'aan paartii KFO Piroofeesar Mararaa Guddinaa "waldhibdee hamaa keessa galaniiru" jechuun qaamoleen lamaan kunneen irra deebiin gara marii akka deebi'an kan eegamanii fi barbaadan ta'uu BBC'tti himaniiru.
Garaagarummaan siyaasaa mariidhaan hiikamuu qaba kan jedhan Piroofeesar Mararaan, mootummaan federaalaa fi naannoo Tigraay waldhibdeesaanii hiikuuf "filannoon jiru marii qofadha" jedhu.
Hogganaan sab-qunnamtii paartii EZEMA Obbo Naatinaa'el Fallaqqe, waldhibdeen mootummaan federaalaa fi naannoo Tigraay keessa seenan "balaaf saaxila" jedhu.
Dabalataanis adeemsi jijjiiramaa eegalamee kaasee mootummaan federaalaa TPLF bulchaa turerraa adda bahuun; boodarras Badhaadhinni yeroo hundaa'eetti qooda mootummaa federaalaa keessaa bahee naannicha bulchuutti jijjiiramuusaa kaasu.
Akka Obbo Naatinaa'eel jedhanitti murteen TPLF murteessaa dhufe akka adda of baasuu fi adeemsa jijjiiramaa biyyattii keessaa kan of baasu hordofaa jiraachuusaa himu.

Odeessaalee kanaan walfakkaatan kanneenillee dubbisuu maltan:

Waldhibdeen qaamolee lamaan kanneen jidduu jiru ummata Tigraay balaaf saaxiluu danda'a kan jedhan Obbo Naatinaa'eel "karri mariidhaan hiikuun ittiin danda'amu cufamaa, filannoowwan kanaan ala ta'an ilaaluuf kan dirqisiisan fakkaatu," jechuun dubbatu.
Mootummaa federaalaa hundaa ol wanti isaa yaachisu, heerri mootummaa kabajamuu, nageenya lammiileesaa kabajachiisuudha jechuun dhimmichi kana caalaa osoo hin hammaanne, qaamoleen lamaanuu mala gara marii ittiin dhufan mijeessuun itti gaafatamummaa qabaachuusaa himu.
EZMA'nis mootummaan federaalaa akkana godhuu qaba jedhee kan amanu ta'uusaa himuun, tarkaanfiwwan fudhataman hundi TPLF gara mariitti kan isa fidu yookiin kan dirqamsiisu ta'uu qaba jedhu.
Tarkaanfiiwwan mootummaan federaalaa fudhatu kan ummata Tigraay balaarra buusu ta'uu hin qabu jedhu Obbo Naatinaa'eel.
Filannoon biyyaalessaa dabruun isaa sirrii akka hin taaneefi naannoon Tigiraay ammo filannoo gaggeessuun isaa seera-qabeessa tahuu kan dubbatu ammoo, dura taa'aa ittaanaan Saalsaay Wayyaane Tigraay (Saawat) Alulaa Hayiluuti.
'Waldhibdeen hamaa' paartilee Badhaadhinaafi TPLF jidduu jiru hatattamaan hiikamuu qaba jedha.
''Garaagarummaa paartilee lamaan jidduu jiru, waldhibdee mootummoota federaalaa fi naannoo gochuun, hokkarri akka uumamu gochuun rakkoo cimaadha. Sadarkaa federaalaafi naannootti, mootummaafi paartiin gargar bahuu qaba,'' jechuun muddamni ka jiru paartilee gidduuttidha jedha.
Paartileen lamman kunniin, rakkoo kana ofumaan hiikachuu qabu kan jedhu Alulaan, kana gochuu dhaddabnaa garuu, karaa seeraan hiikamuu akka qabu ejjennoo paartiisaanii akka tahe dubbata.
Pireezidaantiin Paartii Dimookiraatawaa Itoophiyaa (EDP) Obbo Adaanee Taaddasee paartiilee siyaasaa biyyattii keessa jiran bira rakkoon jiraatus, biyyattiirratti rakkoo guddaa fiduu kan danda'u waldhibdee TPLF fi Badhaadhinna, mootummaa federaalaa fi naannoo Tigraay jidduu jirudha jedhanii amanu.
Paartiinsaanii kana hubachuudhaan Amajjii waggaa darberraa jalqabee ejjannoo ibsaa turuusaanii yaadachiisuun, hirmaannaa kamuu qaamolee lamaan kanneen walitti fidurratti hirmaannaan paartilee barbaachisaa yoo ta'e irratti hirmaachuuf qophii ta'uusaa ibsu.
Gama mootummaa federaalaatiin qaamni naannicha "dhiibu" gama naannoo Tigraayiin ammoo "osoo beekan rakkooleen akka babal'ataniifii dhiibuun" kan mul'atu ta'uu ibsuun, sodaa wantoonni kunneen biyya jigsuu danda'u jedhu qabaachuusaanii dubbatu.
Abbootiin amantii, jaarsoliin biyyaas balaa rakkoon kun fiduu danda'u hubachuun, furmaata fiduuf yaalii taasisuu akka qaban himu.
Murtee mana maree federashiinii fi ejjannoo TPLF
Manni maree federeshiinii murtee koree heera mootummaa qulqulleessurraa isa gahe fudhatee filannoo biyyaalessaa fi aangoo mootummaa dheeressuunsaa ni yaadatama.
Kanarraa ka'uun naannoon Tigraay filannoo geggessuu fi bakka bu'oota mana marichaa filateera.
Manni maree federeshinii filannoon naannoo Tigraay taasise akka hin raawwatamnetti laakka'ama jechuun; mootummaa naannichaa waliin hariiroo kallattii akka hin taasifamne beeksisuun; ijaarsa gadi jiru waliin wal-qunnamtiin akka taasifamu murteesseera.
Piroofeesar Mararaan mootummoonni lamaan isaan kaaniin "seeraan ala" jechuun qunnamtii qaban adda kutuun sirrii miti jedhu.
Mootummaan federaalaa bulchiinsota aanaa fi gandaa waliin hariiroo qabaadha jechuunsaa haala kamiin hojiirra oolfama kan jedhu gaaffii natti taheera jedhu piroofeesarichi.
Akka yaadasaaniitti qaamni naannicha bulchu, ijaarsa gad aanaa jiru ijaaruuf itti gaafatamummaa qaba jedhu; mootummaan federaalaa TPLF'n darbee ijaarsa gad aanaa waliin maal akka hojjatu beekamuu qaba jedhu.
Qaamni ummata bulchuu fi dhimmoota biraa guutuu adda adda ta'uunsaanii raawwiidhaafis rakkisaa akka ta'u kaasu.
Dabalataanis qaamoleen lamaan kunneen rakkoo siyaasaasaanii hamma hin hiiknetti haala kanaan waliin fufuun itti ulfaachuu akka danda'u tilmaamasaanii kaa'u Piroofeesar Maraaran.
Obbo Naatinaa'eel gamasaaniitii TPLF asiin dura Fulbaana 30 booda mootummaan hin jiru jechuun irra deddeebiin duulaa fi dubbii taasisaa turuusaa yaadachiisuun sochiinis ta'ee murteen "haala rakkisaa keesssa kan nu galchudha" jedhaniiru.
"Duulli hamaa kun akka biyyatti rakkoo hamaa keessa nu galcha jenneetu ilaalla" jedhan Obbo Naatinaa'eel.
Murteen manni maree federeshiinii ijaarsa naannichaa gad aanaa waliin qunnamtii goona jedhee murteesse sirriidha jennee fudhanna jedhaniiru.
Murteen kun garuu akkamitti qaamolee lamaan walitti fidee gara marii isaan geessa kan jedhurratti ammallee sodaa akka qaban ibsu.
Kanaaf TPLF'n akkamitti gara marii fiduuf maaltu taasifamuu qaba kan jedhu haalan itti yaadamuu qaba jedhu.
Obbo Adaaneen gamasaaniitiin adeemsi TPLF filannoo taasisee aangoosaa dheereffate kan fudhatama hin qabnedha jedhanii akka amanan ibsaniiru.
Gama kaaniis adeemsi mootummaan federaalaa aangoosaa dheereffate seeraan alaa fi heera kan faallessudha jechuun himu.
Kanaanis walitti deebiin mana maree federeshiinii fi naannoo Tigraay jiddutti seera qabeessa fakkaatanii taasifaman barbaachisaa akka hin taane dubbaataniiru.
Kanarra "seera achi qabanii; sababasaa ummanni miidhamuurraa hafee; furmaata siyaasaa" kennuun akka irra jiraatu kaasu.
Gahee paartilee mormituu
Piroofeesar Mararaan araarri fi waliigaltee biyyaalessaa akka barbaachisu waggoota lamaaf dubbataa turuusaanii yaadachiisu.
Araarrii fi waliigaltee biyyaalessaa gama hawaasaatiin, paartilee siyaasaatiin, mootummaa fi mormitoota jiddutti hamma hin jiraannetti carraan Itoophiyaa rakkisaa akka ta'u paartiinsaanii akka amanu dubbatu Piroofeesar Maraaraan.
Dabalataanis Tigraayiifis ta'ee Itoophiyaa hafteef filannoon waliigaltee biyyaalessaarratti hundaa'e geeggessuun barbaachisaa ta'uusaa himu.
Obbo Naatinaa'eel gamasaaniitii sanda waadaa mallattaa'ee yaadachuun paartiin Badhaadhinnaa fi TPLF waliigaltee mallatteessan san akka kabajaniif paartiinsaanii dhiibbaa taasisuun paartiisaaniirraa akka eegamu dubbatu.
Durataa'aa ittaanaan 'Saawat' Obbo Alulaan garuu paartileen moormituu, Badhaadhinaafi TPLF gidduutti jaarsummaa taa'uuf carraa hin argatan jedha.
''ADWUI'n wayita turetti, paartilee mormituu uumaman dadhabsiisaa tureera. Kanneen cimanii bahan jiraannaanis, adda kanaan ukkaamsamaa turan. Kanaaf har'allee carraa dhageettii argachuu qabu jedhee hin yaadu,'' jedha.
Kana malees, Badhaadhinaafi TPLF jidduu 'morkiin aangoo' waan jiruuf, paartileen biro jidduu seenanii furmaata fiduu hin danda'an jedha.
EZMA gamasaatiin waliigalteen kun akka kabajamuuf mana marichaatti dhiibbaa akka taasisu ibsuun, paartiinsaanii waliinis ta'ee dhuunfaan waldhibdee qaamolee lamaan kanaa akka hiikamuuf dhiibbaa taasisuun akka barbaachisu eeru.
Obbo Adaaneen waldhibdeen kun rakkoo TPLF fi Badhaadhinnaa qofa ta'ee akka hin hafne ibsuun; paartileen mormituu mootummaan tarkaanfii akka fudhatuuf dhiibuurra gara marii akka dhufu yaalii taasisuu akka qaban gorsu.
Mana maree paartiileen lamaan kana keessatti hirmaatan paartileen 100 ol akka jiran kan himan Obbo Adaaneen, paartileen kunneen garee tokko hundeessanii rakkoon paartileen lamaa akka hiikamuuf sochii qabatamaa taasisuuf jalqabuun isaaniirra akka jiraatu himu.


















