Dabratsiyon jaalleewwan isaaniin attamiin ibsamu? Ummanni naannichaa hoo maal irraa eegga?

Dr Dabratsiyoon

Naannoo Tigraayii keessatti gaaffiiwwan dinagdeefi bulchiinsa gaarii erga ummataan ka'uu eegalee bubuluutu himama.

Filannoo naannichi dhiheenya hayyama mootummaa Federaalaa malee addatti taasifateenis dhaabni Dr Dabratsiyoon Gabramikaa'el (TPLF) caalmaan mo'achuutuu himame.

Dursaan TPLF yeroo ammaa Dr. Dabratsiyon jaallewwan isaatiin akkamiin ilaalamu? Akka hoggannaa paartiitti qormaatawwan attamiitu naannicha keessatti isa eeggataa? BBC Tigrinyaa jaalleewwan jiraattoota naannichaa dubbiseera.

Jaalleewwan qabsoo maal jedhu?

Obbo Alamayyoo Gazaaheny hiriyyaa ijoollummaa Pirezedaantii naannoo Tigiraay Dr. Dabratsiyon Gabramikaa'el. Kana malees, qabsoo keessatti jaallewwan waliiti.

Dr. Dabratsiyoniin barnoota isaaniirratti baayyee dinqisiifatu. Garraamummaa isaanis ni jaallatuuf.

Obbo Alamaayyoon Dr. Dabratsiyoniin umuriidhaan ni caalu. Namoota akka Dr. Dabratsiyon umuriidhaan isaa gadi ta'an akka obboleessa angaaatti itti dheekkamaa, akka hiriyyaattis waliin taphataa guddachuu himu.

Barnootaan ammoo Obbo Alamayyoon afaan Amaariffaafi Ingiliffaan kan caalan ta'ullee gama Saayinsiitiin garuu 'namni hanga Dr. Dabratsiyon ga'u hin jiru' jedhu.

Bara Tigiraayitti qabsoon hidhannoo filannoo isa dhumaa turetti, leeljii lotummaa gammoojjii xumuranii yeroo deebiyan, 'namni kun dhaaba keenya teekinikaafi barnootaan osoo gargaaree wayya; jedhanii jaalleewwan isaanii waliin mariyatanii gara kutaa 055 (kan amma Masfin Industiriyaal Injiinariing) ta'e kanatti akka ramadamu kan godhan Obbo Alamayyoo ta'uu himu.

"Shireetti hanga barnoota keenya sadarkaa tokkoffaa xumurutti waliin guddanne. Haati isaanii mana nyaataa waan qabaniif achumatti fayyadamna. Yeroon waliin rafnullee ture. Waan namaa waan tokko kan hin barbaadne nama galateeffatamaadha," jechuudhaan Dr. Dabratsiyoniin yaadatu.

Dr. Dabratsiyon amala namoota umuriin isaan caalan waliin malee hiriyyoota isaa waliin waliigaluun xiqqii akka itti ulfaatu dubbatu.

"Hiriyyoonni yeroo baayyee baaltii waan baayyisaniif namoota umuriin isa caalan waliin deemu ture."

Namni yeroo ijoollummaa isaa warra isa angafan waliin dabarsaa ture, yeroo ammaa kana ammoo qabsaa'ota buleeyyiifi dargaggoota gidduutti riqicha uumuudhaaf yeroo yaalan ni mul'atu.

Jaalleewwan qabsoo isaa soorama bahan waliin yeroo walitti dhiyaatan ni mul'atu. Haasawa isaanii keessatti ammoo "dargaggoota Tigiraay" jechuu baayyisu.

Dargaggoonni Tigiraay ammoo "Jabaadhu ati ... keenya" jechuun deggaraa turaniiru. Magaalota Tigiraay gara garaa keessatti suuronni isaanii baayyinaan mamaxxanfamanii argamau.

Haata'u malee, bulchiinsi Dr. Dabretsiyon Tigiraay keessatti gumaacha akkamii taasise?

Qormaanni kanaan booda isaan mudatu maal ta'u?

'Gaggeessaa bara rakkinaa'

ALI bara 2009 keessa TPLF Itoophiyaatti rakkoo keessoo ta'uu bira darbee xiqqaafi guddaa waliin bara wal loleedha jechuun ni danda'ama.

Tigiraayittis, ummanni bulchiinsa gaarii, haqaafi carraa hojii dhabuu isaa irraa kan ka'ee, abdii kutannaarra gahee ture.

Hanga gaaddisa jalatti baqatu waan dhabe fakkaatutti lafti itti dhiphatee ture.

TPLF "Ummanni Tigiraayiifi ani tokkicha, akka saantiima tokkicha fuula lama qabuuti" jedhee osoo dhaadatuu 'inni dur hafe, waan dugdaafi garaa taaaniyyu fakkaata' ummanni jedhu xiqqaa hin turre.

Yeroon isaa biyyattii keessatti jijjiiramni haawaasummaafi siyaasaa kan itti barbaadamu waan tureef, keessattuu gaaffiin jijjiiramaa naannoo Oromiyaa keessatti finiine gara mormiitti ce'e.

TPLF 'qabeenya biyyaafi ummataa dhuunfateera' jechuun qabsoon keessaafi alaan akka aangoorraa ka'u yoo itti cimu, uleen paartii biyya bulchaa ture ADWUI irra bu'e kan addicha keessatti murteessaa ture TPLF irras bu'uun isaa dirqama ta'e.

Mormii waggoota lamaaf itti fufeen, humni siyaasa Itoophiyaa gaggeessuu bakka bu'ee booda dhumni TPLF ammoo giddu-galeessa biyyaarraa dhiibamee gara Tigiraayitti deebiyuu ta'e.

'Sa'atu ibidda dhalte . . .' akkuma jedhamu sana rakkoowwan hawaasummaafi siyaasaa baadhatee kan ture ummanni Tigiraay dhaabbaticha hammachuurraa duubatti hin deebine.

Rakkoo mirgoota namoomaafi dinagdee qaqqabeef itti-gaafatamummaan gara gaggeessitoota dhaabbatichaa tokko tokkootti kan qiyyaafatedha ilaalchi jedhu cimaa dhufnaan, miidhaan eenyummaa sabaa irratti hundaa'an darbanii darbanii yeroo dhalatanittis gaggeessitoota itti mufatanii turan gargaaruu jalqaban.

Yeroo kanatti ture Dr. Dabretsiyon Gabramikaa'el pirezedaantii Itti-anaa naannoo Tigiraay ta'uun Federaalarraa Tigiraayitti kan ramadaman.

"Yeroo muddama akkasii keessa gara Tigiraay dhufuu isaatti gaddeera," jedhu hiriyyaan isaa qabsaa'aa Alamayyoo Gazaaheny.

Dr. Dabretsiyon, yeroo dhaabni isaanii gocha farra dimokiraasummaafi gandummaadhaan xuraa'eera jechuun qalbii jijjiiradheera yeroo jedhetti, akka dura ta'aa dhaabichaatti filatamuu isaaniiti kan Obbo Alamayyoo aarse.

Kana malees, gaggeessi dhaabbatichaa tortoreera, gaaffii ummataa hin deebisu, imaanaa ummtaa nyaateera. Sababii ballessaa dhaabbatichaatiif ummanni Itoophiyaa akka na jibbuufi na miidhu taasiseera jechuun qeeqa jabaan yeroo irratti dhiyaata jirutti kan dhufan.

Dr. Dabratsiyon erga gara Tigiraay dhufanii booda socho'uudhaaf mirga seeraa kan argate dhaabbata 'Sab Hidirii' jedhamu namni gaggeessu Dr. Goyitoom Aregaawwii namoota TPLF mormuun qeeqan keessaati.

"ALI bara 2008 irraa kaasee biyyattii keessatti tasgabbiin dhibuun gara biyyaalessaatti guddachaa dhufee, paartichi waa'ee du'aatii Tagaaruu (Tigirootaa) hin dubbatiinaa jechuu jalqabee ture.

TPLF giddu-galeessa biyyaa keessatti malaammaltummaa keessa hallachaa waan tureef Tigiroonni akka ija hamaatiin ilaalamnu nu taasiseera. Sababii kanaan haleellaan sabaa tokko tokko raawwatamaa waan turaniif ummatichi miidhameera jechaa ture," jedha.

Kun eessaan nu geessisaa? Biyyi gara hokkaraatti seentii laata? Yaaddoowwan jedhan namoota hedduu biratti ka'aa turan.

Waggaa sadii dura Dr. Dabretsiyon gara naannichaa dhufuun hojmaata diriirsaniin abdii horachuu jalqabne jedha Dr. Goyitoom.

"Beektonniifi dargaggeessi Tigiraay gaggeessummaa siyaasaa qabaatuun garaa gara ta'uu isaatiin qofa 'Ati eenyudha? Eessa turte?' jedhamuun waggoota dheeraadhaaf dhiibamaa tureera.

Erga Dr. Dabratsiyon dhufanii garuu aadaa siyaasaa hammataa ta'e guddisuudhaaf yaalii taasisaniiru. Isaan yoo xiqqaate 'ati eenyu? Eessa turte? Hin jedhan," jechuun isaan ibsu.

Akka nama tokkootti, yaada naannicha fayyadu nama qabu dhaggeefachuudhaaf ulaan isaanii banaa ta'uu ni dubbatu.

Haata'u malee, jijjiiramni fidan jedhame hojiira ooleeraa? Ammallee gaaffii namoota hedduudha.

Tasgabbii dhabiinsaa siyaasaa biyyattiifi naannicha keessa jiruun walqabatee, naannichatti sabbonnummaa 'Defacto state' hundeessuu haala fakkaatuufi sadarkaa 'biyya Tigiraayi walabaa hundeessuu' fakkaatu irra gahameera.

Ammatti ammoo mootummaan Federaalaa erga filannoo naannoon Tigraay gaggeesse Manni Maree Federeshinii seeraan ala jedheera. Isaan booda, mana mareefi kaabinoota naannichi hubdeesse waliin walitti dhufeenya kamiyyuu taasisuu akka hin qabne Manni Marichaa Federeeshinii murteesseera.

Haalli walitti dhufeenya mootummoota lamaan jidduu jirutti qormaata olaanaa ta'e kunis miira siyaasaa naannichaa keessa tureetti kan dabalame ta'eera. Kanaanis dhiibbaan kun mootummaa Dr Dabratsiyoon hogganan irratti kan kufe akka ta'e baayyeen ni dubbatu.

Yeroo darbees, ''Dr Dabratsiyoon waldhabdee mootummaa Federaalaafi naannoolee waliin ture amala obsaa dhuunfaa isaatiin ogganuun naannichi hanga dandeettii cimfatuutti yeroo agrateera.

Kan ummata Tigraayiif bu'aa qabaatu hanga ta'eetti seexana waliinu ni mari'anna jedhee ture. Haaluma kananis osoo gara walitti bu'iinsaatti hin galiin har'a gaheeraa,'' jechuun ibsuu Dr Gooyitoom.

Dr Dabratsiyoon dureewwan amantaa waliin

Haata'u malee, gaaffiin bulchiinsa gaarii ummataa ammalleen hin deebiine.

Dr Gooyitoom ''Ammalleen aanga'oonni ummata boosiisaa turan bakkaa hin kaafamne. Baroota darbaniitti aangoon dhaabaafi kan mootummaa wal makuun aangoon dhaabaa kan mootummaatiin ol ta'uun turera.

Ammas lamaan adda baasuun qulqulleessuu kan qaban qulleessanii akka deeman barbaadina. Abdii godhachuu garuu hin callifnu. Ni gaafannaa, hanga nu dhagahaniittis ni arrabsina,'' jedhu.

''Anaaf gaggeessaa gadi of buusee hojjatudha''

Kana qofaas miti. Dargaggoonni naannichaa gaaffiifi yaaddoowwan hedduu qabu.

Dargaggoo Ni'iimaa Siiraaji waggoota lamaan darbaniif mootummaan Dr Dabratsiyoon hogganu akka rakkoo dargaggoo akka ishee isa guddaa kan ta'e hojii dhabdummaa hiikuuf gaafataa jirti.

''Dhiyee bari'u jechi 'mootummaa Federaalaa' jechuun quba walitti qabuu kun dhaabbatee tasgabbii akka argannuun hawwa. Sababii hojii dhabumaatiin akka obboolaawwan keenya mana hidhaa Sa'ud Arabiyaatti dararamaa jiranii sana aniis gara sana deemuuf ala lamaa sadii yaaleen ture.

…Rakkoo ta'ee malee namni dararaafi du'a dhagahaa gara sana deemuu yaadaa? Kanaafuu jaalala agrsiifnee osoo hin qabanaa'iin dafanii akka rakkoo keenyaaf fala barabbaadaniin barbaada,'' jetti.

Dr Dabratsiyon waliin kan guddate Obbo Alamaayyoon gara Tigraay dhufuutti kan gaddaniif sababii kanaanii laata? jennee gaafanneerra.

''Inni harkiisaa qulqulluu, onneensaa qajeelaadha. Isa waliin garuu hoggansi sobduufi kan hanna baran waan jiraniif attamiin bulchuu danda'a jedheen baayyee na gaddisiisa. Naannoo kana keessatti hanni dagaageera. Boodas Abiy waliin waliigalteen dhibnaan baayyeen gaddee. Namni kun waa lama jidduutti rakkata jedheen yaade,'' jedhu.

TPLF keessatti hoggantoonni qeeqaman waan jiraniif, isan waliin hojiiwwan gaaffii ummataa deebiisan hojjachuu danda'aa? Kan jedhu ammalleen gaaffiidha anaaf jedhu. Obbo Halafoom Gazaa'ii leenjiisaa hoggansaafi qorataadha.

Dhugaa qabeessuummaa guutuufi dhimmi ummata dhoksitu jiraachuu dhabuun dandeettii hoggansi ittiin madaalamu akka ta'e himu.

Naannoo Tigraay hogganaa waggoota lamaaf kan turan Dr Dabrastiyoon gama kanaan yoo madaalaman ''gahuumsa qabu jedheen amana,'' jedhu.

''Rakkoolee jiru jedhaman hunda ummatatti ni himu ture. Ummannis waan inni itti himu ni dhagaha ture. Kan biraa hafee ummanniifi paartiileen moormitootaa TPLF morma garuu isa ni kabaja,'' jechuun dubbatu.

Bu'aan kanaas kan adeemsa keessa madaalamu ta'ee keessattuu rakkoolee bulchiisaafi caasaa ummanni sadarkaa aanaafi ganda ittiin himatu haala saayinsaawaa ta'ee deebiisuu eegaluun, haala ummataaf abdii umuu ta'eera.

"Gandatti gadi bu'uun ummanni hogganaasaa akka filatu taasisuun, 'ummatatu isiin hogganaatii ummataani gorfamaa,' jechuun rakkoolee jiran hubachuuf yaaluun nama araaraa ta'anii argamuudha hoggansa gahaa jechuun. Anaaf amantaa 'hogganaa gadi bu'ee hojjetudha' jedhuun qaba.

Ta'ulleen dhaabbilee ijaaruu qofa osoo hin taanee, bu'aan jireenya ummataafi ijoollee isaanii keessatti dhufuun ilaaluun dirqama ta'a.

Sababii kanaan ammalleen qaawwiiwwan caasaa hin tuqaminiifi jijjirama hin fidiin jiraachusaanii oggeessi kun ni dubbatu.

Dr Dabratsiyoon ijoollee waliin

Dr Dabratsiyon haasawwan taateewwan garaa garaarratti taasisaniin, kan miira ummataatti fayyadamuun fudhatama argachuuf yaalan fakkaatu. Kabajawwan amantaa irratti osoo hin hafne haalli akka mootiitti ilalaman umameera jechuun kan qeeqani hin dhabamne.

Haata'u malee, Obboo Halafoom kun rakkoo miti jedhu.

''Hogganaa tajaajilaa ummataa yoo taate, ummanni kaabajaa siif qabaachuu qofa osoo hin taanee si baachu danda'a. Jaarraa kantti ammoo ummanni kan barbaadee filachuufi muuduu ni danda'a. Rakkoo kan ta'u yoo hogganaa hin hojjannee baattedha',' jechuun ibsuulleen, ammalleen rakkoolee hin sirratiin jiraachusaanii ni ibsa.

Daandii jijjiramaa inni jalqabe kun jireenyi ummataa attamiin geedara? Waan nyaatu attamiin argataa? jechuun gadi bu'uun ilaaluun ni barbaachisa kan jedhu Obbo Halafom,Yeroo ammaa kanatti dhibamuun nageenyaafi tasgabbiin waan mul'atuuf, waraana osoo hin taanee nagaa uumuuf yaalii taasisuutu irraa eegama,'' jedha.

Yeroo akkasii kanatti Dr Dabrastiyon kan akka obboleessa quxusuutti ilaalaniifi kan nahaniif, hiriyaansaanii kan amma soorama bahan Alamaayoo Gazahany dabalatee, ummata Tigraay rakkoolee siyaasaafi iyyummaa keessaa bahuuf eeggatan hogganuuf ammas pirezidaantii ta'uun mudanmaniiru.

''Hiriyyaan waliin guddadheefi jaaladhu aangoo kanarratti yoo ilaalu baayyeen gammada,'' kan jedhan Obbo Amalamaayyoon, ''Osoon argee bulchiinsa gaarii irratti xiyyeeffachuun namootan ragaa qabatamaa irratti argadheerratti tarkaanfii fudhachuuf duubatti hin deebi'iinana jedhaan ture,'' jedhu.

Wayita Dr Dabratsiyon yaadatan mudannoo baayyee isaan gaddisiftuu tokko jirti jedhu. Kunis suuraawwan yaadannoof jedhanii walitti qabatanii ture hundu jalaa gubbachusaa himu.

''Suuraawwan ijoollummaa hedduu waliin qabna ture. Wayitan qabsootti makameetti haadha kiyya birattiin dhiisee deemee ture. Guyyaa tokkos kaadireewwan Dargii sakkata'insaaf dhufanii haati kiyyaas ibidda boba'aa ture keessa buuftee daaraa ta'an.''

Tarii Dabarastiyon suurawwan kanneen kessaa tokkoolleen ni qabaataa laataa?