Tasgabbiin siyaasaa dhibamuun dinagdee Itoophiyaarratti dhiibbaa qabaachuu mala jechuun Muudis ibse

Hojjettoota paarkii indastirii

Madda suuraa, EYERUSALEM JIREGNA

Itoophiyaan filannoo biyyaalessaa dheeressuun walqabatee waliigalteen dhibame murtee invastimantii biyyattiitti taasifamuurra dhibbaa qabaachuu akka danda'u ibsame.

Kana kan ibse dhaabbata biznasiifi faayinaansii Ameerikaa Muudis jedhamudha.

Itoophiyaan sababa weerara koronaavaayirasiin filannoo yeroo biraatti dabarsitus Naannoon Tigraay addatti gaggeeffateera.

Manni Maree Federeeshinii filannoo naannichi gaggeesse '' hojiirra hin oolu, akka hin taasifamneetti lakkaa'ama'' jechuun yoo murteessu MM Abiy Ahimad ''seeraan ala'' jedhaniiru.

Muudis akka jedhetti, waggoota muraasa darban waldhibdeen rakkoon siyaasaa fide yaaddoo siyaasa Itoophiyaa guddiseera.

Baatii Caamsaa keessa dhaabbati kun qabxii Itoophiyaa B1 irraa B2'tti gadi buuseera. Kanaaf, sababni dhihaate galii sharafa alaarraa idaan caalsifachuu isaati jedheera.

Baatii Hagayyaa irratti sababa covid-19'n tilmaamni Itoophiyaaf kenname xiqqaateera.

Weerarichi damee qonnaafi tajaajilaarrati dhibbaa geessiseera, akkasumas galiin mootummaa xiqqaatee baasiin dabaluun akka sababaatti ka'e.

Itoophiyaan Masriifi Sudaan waliin waliigalteerra osoo hin gahin hidha Abbayyaa guutuu eegaluunshees ibsameera.

Dabalataan, 'of eeggannoowwan barbaachisoo osoo hin taasifamiin' hidhi Abbayyaa guutamuun invastimantiin alaa xiqqaachuu akka danda'u gochuu danda'a jedhame ibsameera.

Kanumaan walqabatee Ameerikaan deeggarsa Itoophiyaaf kennuuf turte dhorkuun ishee ifa gooteetti.

Gama kaaniin, Itoophiyaan hariiroo biyyoota lamaanii haala gaariin itti fufsiisuun ishee biyyattiitti invastimantii harkisaa jiraachuu Muudis ibseera.

Waggoota walitti aananiif damee bu'uuraalee misoomaa babal'isuun invastimantii alaa kan haawwatte Itoophiyaan, Dhaabbanni Maallaqa Addunyaa biyyoota Afrikaa diinagdeen isaanii saffisaan guddataa jira jedhe keessa jirti.

Dhaabbanni Muudis jedhamu dhimmoota faayinaansii, diinagdee, akkasumas liqiirratti qorannoo taasisuun beekama.

Dhaabbilee sadii akka addunyaatti beekkamtii qaban keessaa tokko yoo ta'u, biyyonniifi dureessonni gabaasaalee dhaabbilee akkanaa bu'uura godhachuun murteewwan ijoo dabarsu.