Itoophiyaan nootii birrii 200 haaraa ifoomsite, kaan jijjiirte

Hanga yeroo dhihootti noottiin birrii guddaa Itoophiyaan qabdu noottii birrii 100 qofa ture

Madda suuraa, PMO

Ibsa waa'ee suuraa, Hanga yeroo dhihootti noottiin birrii guddaa Itoophiyaan qabdu noottii birrii 100 qofa ture

Mootumaan Itoophiyaa nootii birrii 200 haaraa ifoomse, kaan jijjiiruu beeksise.

Ministirri Muummee Abiy Ahimad fuula tiwiitaraa isaaniirratti Wiixata ganama akka beeksisanitti nootiin birrii 10, 50 fi 100 jijjiirameera.

Itoophiyaan nooti birrii amma itti fayyadamaa jirtu waggoota 20 olif hojiirra oolaa ture.

Hanga yeroo dhihootti nootiin birrii guddaa Itoophiyaan qabdu birrii 100 ture. Har'a MM Abiy akka ifa godhanitti kana dura kan hin turreefi guddaa ta'e, nootiin birrii 200, qophaa'u beeksisan.

Qabiiyyee nootii birrii duraaniirrattis jijjiiramni taasifameera.

Kaayyoo nootii birrii jijjiiruun barbaachisef yoo ibsan wantoota seeraan alaa qarshiin deeggaru to'achuf dandeessisa jedhan.

Maxxansa X irra dabri
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X

Akka fakkenyaattis, malaammaltummaafi kontirobaandii kaasan.

Akkitti nootiin qarshii haaraa qophaa'e maallaqa fakkeeffamuun dalagamu to'achuu akka dandeessisullee ibsan.

Lammiileen Itoophiyaa hanga ji'a sadiitti birrii durii akka deebisan murtaa'eera.

Ministirri Muummee Abiy Ahimad erga gara aangootti dhufani as riiformii siyaasaafi diinagdee gaggeessaniiru.

Gama diinagdeen, akka fakkeenyaatti garri tokko dhaabbata Itiyoo Telekoom dhaabbata dhuunfaatti akka darbu murteessaniiru.

Baatii Caamsaa darbe Baankiin Biyyaalessaa Itoophiyaa baankiiwwan daldalaa biyyittii keessa jiran hanga maallaqaa callaan guyyaatti baasii gochuuf hayyaman daangessee ture.

Baankichi akka beeksisetti maallaqni baankileen guyyaatti baasii akka ta'u hayyaman nama dhuunfaaf 200,000 kaampaniiwwan yoo ta'an ammoo 300,000 akka ta'u beeksisuun ni yaadatama.

Sababoota kuni murtaa'e keessaa tokko daddabarsa maallaqaa seeraan alaa to'achuu yoo barbaachisedha jedhu hayyuun dubbisne.

Biyyi ollaa Itoophiyaa Keeniyaan waggaa dura maallaqashee jijjiiruun ni yaadatama.

Nootii birrii jijjiiruu dura Itoophiyaan maal goote?

Itoophiyaan maallaqa haaraa ifa gochuun dura hamma lamiileen baankiidhaa birrii baasan daangessuun ala sharafa maallaqaarratti murtee haaraa dabarsiteetti.

Noottiiwwaan birrii jijjiiraman

Madda suuraa, MM Abiy Ahimad/Twitter

Ibsa waa'ee suuraa, Noottiiwwaan birrii jijjiiraman

Waggoota itti-aanan sadan dhala maallaqa baankiifi sharafa alaa bilisaa akka humnoota gabaatiin murtaa'u gochuuf hojjechaa jiraachuu dhiheenya kana ibsiteetti.

Dhaabbileen maallaqaa idil-addunyaafi warren Itoophiyaaf liqeessan waggoota lamaan darban keessas cimsanii akka mootummaan Itoophiyaa sharafa alaa kana keessaa harka fudhatu gaafachaa turaniiru.

Fedhii humnoota alaa kana guutuuf Itoophiyaan sharafa alaa dhawaataan bilisa gochaa itti deemtu taasiseera. Gama biraan ammoo biyyattiinis mul'anni yeroo dheeraa qabdu gara Dinagdee gabaa bilisaatti jijjiiruu sababa biraati jedhu hayyuun dubbisne.

"Kun gara adeemsa gabaa bilisaatti tarkaanfii tokko jedheen fudhadha,'' jedhan Yunvarsiitii Finfinneetti Hayyuu Dinagdee Magaalaa kan ta'an Tashoomee Tafarraa (PhD).

Kana dura birriin yoom jijjiirame?

Itoophiyaan nootii maallaqa yoo jijjiirtu kan duraa miti.

Bara mootii H/Sillaasee eegale noottii birriirratti jijjiiramni taasifameera. Baruma mootiin H/Sillaase waggoota 40 olif Itoophiyaa bulchanitti si'a afur nootiin birrii jijjiirameera.

Bara mootiichaa jalqabee nootiin birrii 1, 5, 10, 50 fi 100 hojiirra oolaa turan. Dabalataan, bara mootii H/Sillaasee gosoota nootti birrii yeroo jalqabaaf hojiirra oolan keessaa birriin 2 fi 500 turani.

Seenaa nootii birrii biyyattii keessatti olaanaa kan ta'e birriin 500, boodarra akka hafu ta'u ragaan Baankii Biyyaalessaa agarsiisa.

Bulchiinsa fiwudaalaa aangoorraa kaasuun humni waraanaa aangoo to'ate, mootummaan Dargiimmoo, osoo hin turin ALI bara 1969 maallaqa suuraa mootichaa qaban jijjiireera.

Haaluma wal fakkaatun Dargii kuffisuun aangoo kan to'ate ADWUI'n waggoota 7'f maallaqa bara dargii ture fayyadamaa ture.

Ta'us, lola Itiyoophiyaafi Ertiraa hordofee yeroo gabaabaa keessatti nootiin maallaqaa akka jijjiiramu ta'eera.

Birriin amma Itoophiyaan itti fayyadamaa turteefi guyyaa har'aa jijjiiramu ibsame ALI bara 1990 lola Itoophiyaafi Ertiraa booda kan hojiirra ooledha.