Itoophyaa: Karoorrri sharafa Birriifi Dolaara gidduu jiru bilisa gochuu maaliif barbaachise, maal qabatee dhufa?

Madda suuraa, Getty Images
Itoophiyaan waggoota itti-aanan sadan dhala maallaqa baankiifi sharafa alaa bilisaa akka humnoota gabaatiin murtaa'u gochuuf hojjechaa jiraachuu dhiheenya kana ibsiteetti.
Tarkaanfiin kunis qaama karoora dinagdee gara gabaa bilisaatti foyyeessuuf fudhatame jedhamee yaadama.
Sharafa alaa bilisaa humna gabaatiin murtaa'u jechuun maal jechuudha? Gara shara alaa bilisaa humnoota gabaan murtaa'u kanaatti deemuun ammoo maaliif barbaachise? Maaltuu duuba jiraata? Dinagdee biyyaa keessatti miidhaafi bu'aa akkamii qabaata? Qophiin taasifamuu malu ammo maal?
Dhimmoota kanaafi kan biraa irratti Yunvarsiitii Finfinneetti Hayyuu Dinagdee Magaalaa kan ta'e Tashoomee Tafarraa (PhD) gaaffaneerra.
Biyyoonni addunyaa kanaa qofaasaanii jiraatan hin jiran waan ta'eef walitti daldaluun waanuma jiru kan jedhu Dr Tashoomeen, daldala al-ergii fi alaa galchuu keessatti biyyoonni kaffaltaa kan murteeffatan sharafa alaatiin jedha.
Fakkeenyaaf, Itoophiyaan daldala kan gaggeessitu Dolaaraan waan ta'eef Dolaarri ammoo Birriidhaan jijjiiramuu qaba jechuudha. Kun ammoo sharafa alaa jedhama.
Akaakuu sadan sharafa alaa
Haala imaammata dinagdeefi sirna bulchiisaarratti hundaa'uudhaan akaakuuwwan sharafa alaa sadii akka jiran ibsun jalqaba Dr Tashoomeen.
Isaan keessaa inni tokko sharafa alaa dhaabbataa (Fixed Exchange Rate) kan jedhamudha. Kanaaf imaammanni bara mootummaa Dargii sharafni biyya alaa dhaabbataa mootummaadhaan murtaa'aa ture akka fakkeenyaatti yaadachuun ibse.
''Bara Dargii Dolaarri tokko Birrii Itoophiyaa lamaaf saantiima torbaan jijjiirama ture. Kun humnoota gabaa ykn fedhiifi dhiyeessiidhaan osoo hin taane seeraan murtaa'e jechuudha."
Sharafni alaa dhaabbataa ykn kan mootummaan seeraan muressuu kun biyyoota Sirna Komunistii hordofan keessatti baramaadha jedhu.
Faallaan kanaa ammoo jedha Dr. Tashoomeen, kan humnoota gabaa fedhiifi dhiyeessi irratti hundaa'uudhaan murtaa'udha.
Kun ammoo sharafa alaa bilisaa (Free Exchange Rate) jedhama jechuun ibsu.
Sharafni alaa bilisaa kun biyyoota gama Dhihaa Ameerikaafi biyyoota Awurooppaa keessatti baratamaa ta'uu isaalleen hima Dr. Tashomeen.
Sharafni alaa bilisaa kun fedhiifi dhiyeessii gabaa keessa jiru irratti hundaa'uudhaan murtaa'a.
Akaakuun sharafa alaa inni sadaffaan kan sharafa alaa dhaabbataafi sharafa bilisaa kan gidduu lamaanii jirudha.
Sharafni alaa kun kan bakkuma takkaa seeraan murta'uu miti. Kan guutummaan guutuutti bilisa kan ta'es miti akka Dr. Tashoomeen ibsutti.
Akka hayyuun dinagdee kun jedhutti, gosa kana keessatti mootummaan to'annaa taasisa. Kanaaf fakkeenyi gaariin sharafa alaa Itoophiyaan yeroo ammaa hodofaa jirtu kanadha jedhan.
Kana keessatti mootummaan fedhiifi dhiyeessii ilaalee to'annaa sharfa alaa godha jedha. Gosti kun afaan Ingliziitiin 'Managed Floating Exchange' jedhama.
Kan yeroo ammaa kun akka bara Dargii sana sharafni alaa takkaa seeraan mootummaan murtaa'ee achumarra turu osoo hin taane, guyyaa guyyaan haala jiru ilaaluun jijjiirama.
Sharafa alaa isa dhaabbataafi isa bilisaa gidduu inni jiru kun baankonni 18 ta'an biyyattii keessa jiran walitti dhufanii hanga sharafa of harkaa qabaniifi haala gabaa jiru ilaaluun hanga barbaadan Baankii Biyyaalessaa waliin murteessu jedha Dr. Tashoomeen.
"Namoonni Dolaara barbaadan hunduu deemanii bitachuus ta'e gurgurachuu hin danda'an garuu gabaan xiqqoon ni jirti jechuudha."
Isa giddu-galeessa ta'e kana keessatti humnoonni gabaas mootummaanis gahee keessatti ni qabaatu.
Sharafa alaa bilisaa humnoota gabaan murtaa'u maaliif barbaachisa?
Itoophiyaan gara sharafa alaa bilisaa humna gabaan murtaa'utti deemuudhaaf kan dirqisiisan wantonni baayyeen akka jiran kan ibsu Dr. Tashoomeen, garaa garummaan daldala al-ergiifi alaa galchuu gidduu jiru hanqina guddaa agarsiisaa jira jedha.
Kan jechuun Dolaara Itoophiyaan meeshaa biyya alaatti ergitee argattu kan isheen baastu waliin wal hin simu jechuudha.
Akka Dr. Tashoomeen jedhutti hanqinni daldala al-ergii (Trade Deficit) Itoophiyaa kun waggaadhaa gara waggaatti dabalaa dhufee Dolaara Ameerikaa Bilioona 13 gaheera.
Meeshaa alatti daldaluun hangi Dolaara Itoophiyaan galchitu kun kan isheen baasu waliin yeroo ilaalamu walbuusuun isaa dinagdeen biyyattii akka rakkoo keessa galu taasisa.
Gama biraan ammoo, jaarmiyaaleen maallaqaa idil-addunyaa warri akka Baankii Addunyaafi 'IMF' yeroo baayyee mootummaa Itoophiyaa gorsaa turan jedha hayyuun dinagdeen kun.
Jaarmiyaaleen maallaqaa idil-addunyaa kun mootummaan akka jijjiirraan sharafaa alaa bilisa ta'ee humnoota gabaan murtaa'uuf akka harka keessaa fudhatuuf gaafataa turaniiru.
Dhaabbileen maallaqaa idil-addunyaafi warren Itoophiyaaf liqeessan waggoota lamaan darban keessas cimsanii akka mootummaan Itoophiyaa sharafa alaa kana keessaa harka fudhatu gaafachaa turaniiru.
Fedhii humnoota alaa kana guutuuf Itoophiyaan sharafa alaa dhawwtaan bilisa gochaa itti deemtu taasiseera. Gama biraan ammoo biyyattiinis mul'anni yeroo dheeraa qabdu gara Dinagdee gabaa bilisaatti jijjiiruu sababa biraati jedha.
"Kun gara adeemsa gabaa bilisaatti tarkaanfii tokko jedheen fudhadha."

Madda suuraa, Getty Images
Tarkaanfiin kun bu'aafi miidhaa akkamii qabaata?
Jijjiiramni kun imaammata maallaqaa ilaallatu keessatti isa guddaadha bu'aas miidhaas qabaachuu mala akka Dr. Tashoomeen ibsutti.
Bu'aa jijjiiramni kun qabu fakkeenyaan yeroo ibsu, meeshaa Itoophiyaan gara alaatti ergitu rakasa godha jedha. Kun ammoo omisha biyya alaatti ergamu jajjabeessa jedhamee yaadama.
"Garuu kun akka cimu gochuudhaaf ammoo dandeettiin omishuu biyyattii cimuu qaba."
Lamaffaan ammoo haala amma jiruun Birriin Itoophiyaa gatii guddaa isaaf hin malle ykn gatii sobaa qabatee qabatee jira waan ta'eef jedha humnoonni gabaa ykn fedhiifi dhiyeessi akka murteessuuf bilisa gochuun Birriin gatii isa dhugaa argachuu danda'a jedha hayyuun kun.
"Gatii Birrii isa sirrii argachudhaaf fedhiifi dhiyeessi gabaa keessa jiru akka murteessu bilisa gochuu qabna."
Sharafni alaa fedhiifi dhiyeessa gabaatiin akka murtaa'u bilisa gochuun rakkoo maalii fida?
Akka Dr. Tashoomeen jedhutti, rakkoon cimaan akka sharafni alaa fedhiifi dhiyeessa gabaatiin murtaa'uuf bilisa gochuu qaala'insa jireenyaa qaqqabsiisa.
Qaala'insi jireenyaa yeroo ammaa kana %20 ol darbeera kan jedhu hayyuun Dinagdee Dr. Tashoomeen, dijiitii lamaa ol darbee jennaan rakkoo ta'uu hima.
Kanaaf, rakkoon qaala'insa jireenyaa yeroo akka kana hammaatee jirutti gabaa sharafa alaa kana bilisa gochuun ammoo daran rakkinicha hammeessa jedha.
"Kun ammoo gara sadarkaa rakkoo siyaasaattillee ni guddata."
Qophii maaltu barbaachisa?
Jijjiirraan imaammataa kamiyyu rakkoos bu'aas qabaachuu waan maluuf haala rakkoo gadi hir'isuun bu'aa inni qabu ammoo ol guddisuun tolfamuu feesisa jedha Dr. Tashoomeen.
Miidhaa inni qabu hir'isuudhaaf ammoo gama mootummaadhaan wantonni hojjetamuu qaban hedduudha.
"Fakkeenyaaf, gabaa sharafa alaa yoo bilisa goone meeshaa alatti erginu ol kaasuu danda'a. Kana yeroo ta'utti ammoo humna omishuu biyyattii ol kaasuu qabna jechuudha."
Wantota beekamoo biyyattiin alatti ergitu buna, warqee, beeyladaafaarratti xiyyeefachuun akka al-ergiin biyyattii waggoota sadan dhufan keessatti dabalu irratti hojjechuu feesisa jedha.
Qophiin biraan barbaachisaa dhiibbaa qaala'insa jireenyaa ittiin hir'isuun danda'amu irratti hojjechuudha.
Sharafa alaa bilisa gochuun rakkoo qaala'insa jireenyaa waan fiduuf akka rakkoowwan qaala'insi jireenyaa sababoota birootiin hin dhufne irratti hojjechuu barbaachisa.

















