Dinagdee Itoophiyaa: Maallaqni biyyattiin dhaabbilee idil-addunyaarraa argatte maal jijjiira?

Doolaara Ameerikaa

Madda suuraa, SOPA Images

Fandii Maallaqaa Idil-addunyaa (IMF), Baankii Addunyaa (WB) fi dhaabbilee idil-addunyaa biroo irraa Itoophiyaan maallaqa guddaa bifa liqaafi deeggarsaan argachaa jirti.

Fandii Maallaqaa Idil-addunyaa (IMF) doolaara bil. 2.9, Baankiin Addunyaa (WB) doolaara bil. 3, dhaabbanni Garee Deeggarsa Misoomaa (DAG) jedhamus akkasuma doolaara bil. 3 liqii fi deeggarsaan kennaniiru.

Kanaan alatti Chaayinaa fi Ameerikaa dabalatee mootummoonni biyyoota lixaa fi biyyoota Arabaas maallaqa guddaa bifa deeggarsa fi liqaatiin Itoophiyaaf kennuutti jiru.

Maallaqni kun 'Haaromsa/Riifoormii diinagdee biyyaa keessaa biqile' mootummaan Itoophiyaa dhiyeenya hojiirra akka olchu beeksise deeggaruuf akka ta'e himameera.

Akka mootummaan Itoophiyaa jedhutti haaromsi diinagdee kun waggoota sadan dhufan keessatti kan hojiirra oolu yoo ta'u hojiirra oolmaan isaa doolaara Ameerikaa biliyoona 10 barbaada.

Maallaqi kun argamuun oduu gaariidha?

Dhaabbileen akka IMF fi WB dhaabbilee liqiiti kan jedhan ogeessi diingdee Dr Ayyalaa Galaan, dhaabbileen kunneen liqii Itoophiyaaf kennuun isaan akka waan oduu nama mirqaansuutti ilaalamuu hin qabu jedhu.

Itoophiyaan ammaan dura kuufama liqii guddatu irra jira kan jedhan ogeessi kun kuufama liqii duraan jiru irratti liqii dabalataa fudhachuun yaaddoo dabalataati jedhu.

line

Oduu kana waliin walitti dhiyaatan biroof ammoo:

line

Gama kaaniin sababni liqaan maallaqaa kanaa barbaachiseef kan mootummaan hime amansiisaa miti jedhu.

Haaromsa diinagdee hojiirra oolchuuf maallaqni hagana gahu maaliif barbaachise jechuun gaafatu Dr Ayyalaan.

Qaama haaromsa diinagdee kanaa akka ta'e kan himame inni guddaan dhaabbilee gurguddaa harka mootummaa jiran gara dhuunfaatti dabarsuudha jedhu Dr Ayyalaan.

"Kun mataan isaa yoo ilaallu kan horii fidudha malee kan horiin itti bahu miti" jedhu.

Ogeessa diinagdee fi Waajjira MM Itoophiyaatti gorsaa diinagdee kan ta'an Dr Namarraa Maammoo ammoo maallaqi argame kun biyyattiif carraa guddaadha jedhu.

Rakkoolee diinagdee jajjaboo Itoophiyaan qabdu keessaa tokko hanqina doolaaraati kan jedhan Dr Namarraan, "rakkoo gama kanaan jiru furuuf gargaarsa guddaa godha" jedhu.

Omishaa fi omishtummaa dameelee diinagdee adda addaa akka dabalu gochuun utubaalee haaromsa diinagdee sadi keessa isa tokkodha kan jedhan aanga'aan kun, carraa hojii babal'isaa adeemuun lammileen akka fayyadaman gochuuf akka hojjetamu gubbatu.

Dabalataan nisoomawwan bu'uraa eegalamanii jiran xumursiisuuf akkasumas hojiilee gurguddoo haaromsa diinagdee jalatti hojjetamuuf jedhaniif maallaqni argame kun deeggarsa guddaa godha jedhu.

Kuufama liqii ilaalchisuun, maallaqni amma argamaa jiru hedduun isaa deeggarsaan kan argamedha jedhu Dr Namarraan.

Kan Baankii Addunyaa fi IMF irraa argames liqii yeroo dheraa keessatti deebi'uufi dhala hin qabne yookin dhala baay'ee xiqqaa qabu 'Concessional loan' jedhamudha.

Maallaqa argame kanaan omishaafi omishtummaa dabaluun gara gabaa addunyaatti erguun sharafa alaa argamsiisuun yoo danda'ame liqaa jiru kafaluun akka danda'amu dubbatu.

Rakkoon Itoophiyaa humna kafaluu dhabuu 'debt stress' malee liqiin garmalee baay'achuu akka hin taanes ni dubbatu.

IMF, WB maaliif fuula gara Itoophiyaa deebifatan?

Dhaabbileen akka Baankii Addunyaa fi IMF sababa liqaatiin biyyoota Afrikaa harka micciiranii fedhii isaanii raawwachiisu jedhamuun komatamu.

Mootummaan Itoophiyaa duraan ture yaada diinagdee dhaabbileen kunneen ittiin adeeman guutummaatti waan hin deeggarreef Itoophiyaa waliin hariiroo gaarii akka hin qabne himamullee amma duras Itoophiyaaf maallaqa liqeessaa turan.

Haa ta'u malee maallaqni amma argame kan ammaan dura argamee waliin fardaafi lafoodha.

Doolaara Ameerikaa

Madda suuraa, SOPA Images

Ibsa waa'ee suuraa, "Liqaan Itoophiyaarra jiru kan biyya alaa qofti doolaara biliyoona 28 ta'a" - Dr Namarraa Maammoo

Maaltu jijjiiramnaan maallaqa hagana guddatu Itoophiyaaf kennuuf hayyamamoo ta'an jennee ogeeyyii kanaaf haaffii kaasneerra.

Gorsaan diinagdee MM Itoophiyaa Dr Namarraan sababota gurguddoo lama kaasu.

Kan duraa, dhaabbileen liqiis ta'e gargaarsaa idil-addunyaa jijjiirama siyaas-diinagdee biyya keessatti ta'aa jirurraa gammachuu qabaachuu isaaniiti jedhu.

Keessaahuu haaromsi gama diinagdeen taasifamaa jirurraa amantaa qabaachuu fi jijjiirama waaraa akka ta'u deeggaruuf fedhii horachuu irraa akka madde dubbatu Dr Namarraan.

Kan lammataa hojii dippiloomasii MM Abiy Ahimad addunyaarratti hojjechaa jiraniin kan dhufe akka ta'e dubbatu.

Kana keessatti badhaasa Noobeelii injfachuufi maqaan gaariin isaan horatan qooda akka qabus ni himu.

Ogeessi diinagdee Dr Ayyalaa Galaan garuu sababa mootummaan Itoophiyaa yaada diinagdee dhaabbileen kunneen ittiin adeeman fudhataniif ta'uu danda'a jedhu.

Dhaabbileen gurguddaa akka telekoom, humna ibsaa, baankilee fi kkf harka mootummaa jiran gara abbootii qabeenyaa dhunfaatti akka dabarfaman IMF fi WB yeroo dheeraaf mootummaa Itoophiyaa irratti dhiibbaa gochaa turani jedhu Dr Ayyalaan.

Mootummaan duraanii didaa ture, amma ammoo mootummaan waan kana gochuuf hayyamamaa taanaan dhaabbileen kunneen fedhii horachuu himu.

"Biyyi akka Itophiyaa qabeenyi guddaan harka mootummaatti kuufame jiru addunyaa kanarratti hedduu miti" jedhu.

Kanaaf jecha abbootiin qabeenyaa addunyaa IMF fi WB duubaan mootummaan gara kanatti akka galu dhiibbaa gochuu dubbatu.

Liqiin dhaabbilee gurguddaa akka IMF fi WB irraa argamu yeroo hedduu haal-duree waliin dhufu kan jedhan Dr Namarraan liqiin amma dhaabbileen kunneen Itoophiyaaf kennan garuu akkas miti jedhu.

Haaromsi diinagdee amma mootummaan Itoophiyaa hojiirra oolchaa jiru yaadi isaa jalqabaa biyya keessaati kan madde jedhu Dr Namarraan.

Rakkoo keenya yaadama siyaas-diinagdee biyya keessaatiin ofuma keenyaa furachuu qabna yaada jedhuun haaromsa kana kan fidedha mootummaadha jedhu.

Dhaabbileen gurguddoon gara namoota dhunfaatti akka darban murtaa'uu fi tarsiimoo sharafa alaa yeroo gabaabaafi dheeraa mootummaan baaserraa dhaabbileen kunneen fedhii qabaachuu danda'u jedhu.

Haa ta'u malee haal dureen liqiin kun ittiin kennames ta'e sababa liqii kanaan harka micciirraan mootummaarra gahu tokkollee hin jiru jedhu.

Yaaddoon jiru maali?

Sababni maallaqni kun liqeeffatameef dimshaashumatti haaromsa diinagdee deeggaruufi jedhamuun isaa yaaddoodha jedhu Dr Ayyalaan.

"Ifatti jiruu qonnaan bultootaa geeddaruufi, omishtummaa dabaluufi jedhamee yoo himame, itti gaafatamummaan waan jiraatuuf sana jalaa bahuufi" jedhu.

Itoophiyaan amman duras liqiiwwan gurguddaa liqeeffataa turte kan jedhan Dr Ayyalaan, maalirra akka oole osoo hin beekamiin biyyarratti kuufame jedhu.

Liqiin ammas akkuma kanaan duraa akka hin taane yaaddoo qabu.

Haa ta'u malee horiin liqeeffatame waa omishuu guddaarra yoo ole jirenya lammilee biyyattii hedduu akkasumas diinagdee biyyaa jijjiiruu akka danda'u carraa guddaadha jedhan.

Mootummaan Itoophiyaa ammaan dura ture liqii argatu irra caalaa hojii ijaarsa misoomawwan bu'uuraa gurguddaa irratti baasii gochaa ture malee oomishaa fi omishtummaa dabaluu hin turre jedhu Dr Namarraan.

Maallaqni ammaa garuu oomishaa fi omishtummaa dabaluu irratti kan fuulleffatu waan ta'eef salphaatti maallaqicha deebisuun ni danda'ama jedhu.

Rakkoo guddaan duraan ture caasaan mootummaa ykn birookiraasiin jabaa ta'e jiraachuu dhabuufi malaammaltummaadha jedhu Dr Namarraan.

Malaammaltummaaf karra guddaa banee kan ture dhaabbileen gurguddaan harka mootummaa jiraachuu fi mootummaan diinagdee keessaa qooda guddaa qabaachuudha jedhu.

Dhaabbilee kanneen gara dhunfaatti dabarsuufi qoodni mootummaan diinagdee keessatti qabu xiqqaachaa akka deemu taasifamuun sanaaf furmaata akka ta'us himu.

Caasaa mootummaa jabaa ta'e ijaaruuf kutannoon jirus gaarii ta'uu himu.