Itoophiyaan garee G-20 Compact jedhamanitti dabalamte

Madda suuraa, Getty Images
Gareen biyyoota addunyaa 20 hammatu kunis G-20 ykn ammoo Garee 20 jedhamuun waamama.
Biyyoota guddatan kan akka Ameerikaa, Chaayinaa fi Jarman dabalatee biyyoonni Awuroppaafi kan biraa 16 miseensa garee kanaati.
Gareen bara 2008 tti biyyoota Awuroppaatiin hundeeffame kunis baankiiwwan jiddugala biyyoota waltaasisuun cimina diinagdeetiif kan hojjatudha.
Biyyoonni kunnenis ofiirra darbuun guddina dinagdee biyyootaatiif ni hojjana jedhu.
Kaanaadaa, Ameerikaan, Meksiikoo, Arjantiinaa, Biraazil, Laatiin Ameerikaa, Chaayinaa, Indoneshiyaa, Hindii, Jaappaan, Koriyaan Kibbaa, Ishiiyaa, Faransaay, Turki, Jarmanii, Xaaliyaan Awurooppaa waliin; akkasumas bakka buutuun Afriikaa kan qofaa Afriikaan Kibbaa fi Awustiraaliyaan miseensa garee kanaati.
Biyyoonni ummanni addunyaa hedduun keessa jiraatu kunneenis, omishni addunyaa parsantaa 85 akkasumas daldalli parsantaa 80 kan qabaniidha.
Itoophiyaa fi G-20
Itoophiyaa fi G-20 walitti dhufeenyi isaanii fageenya irra ture. Itoophiyaanis darbee darbee kessuminaan hirmaachun alatti gahee hinqabdu turte.
Walgahiin bara kanaa Jarman Barliiniitti gaggeeffameenis miseensa garee kanaatiif yaadni tokko ifeefiira. Innis maaliif G-20 damee Afrikaa hinhundeessinu kan jedhu ture.

Madda suuraa, Fitsum Arega/Twitter
Yaadni Chaansilarii Jarma Angeela Merkeliin dhiyaate kunis, G-20 Compact for Africa jedhameera.
Kaayyoon isaas invastimantii dhuunfaa gara ardii Afriikaa keessatti cimsuu fi beeksisuudha.
Kunis yoo Afriikaa keessatti daldalli dhuunfaa jajjabaatee fi dhaabbileen maallaqaa ofiisaanii danda'an geeddarumsi olaanaan ni argama amantaa jedhu kan qabate ka'eedha.
Biyyoonni Afriikaa jijjirama fiduuf kutatanii ka'anis kunis kan daandii miseensoota G-20 isa mummee waliin walitti hidhama dinagdee akka ta'u amanama.
Itoophiyaa, Beeniin, Kotdiivaar, Masirii, Gaanaa, Morokkoo, Ruwaandaa, Seeneegaal, Togoo fi Tuniziyaan miseensoota damee kanaa duraa ta'aniiru.
Ministirri Mummee Awurooppaatti
Ministirri Mummee Dr Abiy Ahimad Awurooppaatti argamanis dowwannaa isaanii Faransaayi akkuma xumuraniin gara Jarmaniitti qajeelan. Achiinis sirna hundeessa damee kanaratti qooda fudhatan.
''Nutis gosa invastimantii biyyoota G-20 keessa jiru sana arguu barbaanna. Dameen kunis gama kanaan gahee olaanaa qabaata jenneen amannas,'' jedhaniiru sirnicharratti haasaa taasisaniin.
Itti gaafatamaan waajjira ministira muummee Obbo Fitsum Aragaa akka ergaa Tiwiitara irratti maxxansaniiru.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X
Sirna baniinsaa dhaabbileen gurguddoon akka IMF fi Baankii Addunyaa irratti argaman kanarrattis Itoophiyaan invastmantiidhaaf maal dhiyeessuu akka dandeessu dhiyeessuu ishee barameera.
''Itoophiyaan filmaata invastimantii dorgomaa ta'e qabdi. Carraa kanatti fayyadamunis filannoowwan tarsimowaa ta'an isiiniif dhiyeessuun barbaada,'' jedhaniiru Dr Abiyi.
Bu'aalee invastimantii damee garee kanaa irra argaman keessaa, biyyoonni miseensa G-20 dursa argatu.
Akkasumas dhaabbileen maallaqaa IMF yeroo hundumaa deeggarsa teknikaatiif isaan waliin ta'uun ifatti kaa'ameera.
Biyyoota 20 kanneen keessaayis invasti gochuuf gara biyyoota 11 kanneenii akka deemaniif akka jajjabeeffaman hubatameera.
Garee damee bara 2017'tti hundeeffame kunis hanga ammaatti jijjirama hangas jedhamu fidu baatulleen, cimina diinagdee biyyootaatiif gahee akka qabaatu itti amanameera.













