Maallaqaa baankii baasan daangessuun maaliif, dhiibbaa akkamii qaba?

Birrii Itoophiyaa

Madda suuraa, FBC

Baankiin Biyyaalessaa Itoophiyaa baankiiwwan daldalaa biyyittii keessa jiran hanga maallaqaa callaan guyyatti baasii gochuuf hayyaman daangesse.

Baankichi akka beeksisetti maallaqni baankileen guyyaatti baasii akka ta'u hayyaman nama dhuunfaaf 200,000 kaampaniiwwan yoo ta'an ammoo 300,000 akka ta'u beeksiseera.

Ji'a tokko keessatti maqaa nama dhuunfaan hangi maallaqaa baasii gochuuf hayyamamu miiliyoona tokko, maqaa kaampanii ykn dhaabbataan yoo ta'e ammoo miiliyoona 2.5.

Qajeelfamni haaraan kun baankilee daldalaaf dhaabbilee faayinaansii biyyattii keessa jiran hundumaa keessatti hojiirra kan oolu ta'uu bulchaan Baankii Biyyaalessaa Itoophiyaa Dr. Yinnaager Dasee ibsuu isaanii EBC irraa iyyaafanne.

Qajeelfamni haaraan kun maallaqa callaan bahuun alatti daddabarsa maallaqaa gama cheekiifi karaalee biroon raawwatamaniin hin ilaallatu.

Murtee kana murteessuun kan barbaachiseef daddabarsa maallaqaa seeraan alaa to'achuufi dhoksaa gibira mootummaarratti raawwatu hambisuufi jedhan aanga'aan kun.

Baankileen daldalaa yeroo garaagaratti hanga maallaqa dheedhii baasii gochuun danda'amurratti daangaan akka kaahamu gaafachaa akka turanillee Dr. Yinnaager ibsaniiru.

Qajeelfamni haaraan kun dhiibbaa akkamii qabaata?

Dhimma kanarratti yaaada dabalataa akka nuu kennan kan dubbisne Ogeessi diinagdee Dr Guutuu Teessoo tarkaanfichi diinagdee biyyattii weerara koronaavaayirasii jala jiruuf miidhaa qabaachuu danda'a jedhu.

Sochiin dingdee biyya tokkoo, sochii maallaqa sosocho'uu wajjiin walgituu qabaa kan jedhan Dr. Guutuun sun ta'uu dhabuun qaalayinsa jireenyaaf sababa ta'uu danda'aa jedhu.

Yeroo hedduu hanga maallaqaa baankii jiru baasuuf daangaan kan kaahamu sochiin maallaqaa kan dingdeen biyyaa baachuu danda'uun ol yoo ta'uudha jedhu ogeessi kun.

Sababni biraan biyyootni hanga maallaqaa Baankii keessa jiru baasurratti daangaa kaahan daddabarsa maallaqaa seeraan alaa to'achuu yoo fedhaniidha.

Sababa weerara Covid-19'n sochiin namaa daanga'uun walqabatee namni maallaqa kana karaa baankii sochoosuuf kan yaalu waan ta'eef sababa kanaan sochii dadddabarsitoota seeraan alaa to'achuunis ni danda'ama ta'a jedhu Dr. Guutuun.

''Sababa weerara kanaan fedhiin waa bitanii fayyadamuu hawaasa idila addunyaa akkaan gadi bu'ee yeroo itti argamnudha'' kan jedhan ogeessi kun, ''sirumasaa namni waan qabu baasee akka itti hin fayyadamne daangaa kaahuun falmisiisaa ta'uu danda'aa'' jedhu.

Daangaan kaahame kun dhaabilee akka hoteelota fi seektara Manufaaktariingiirra jiran ''cirumasaa lafa jiranirraa hidhamanii akka lafa taa'an gochuudhas'' jedhu.

Galtee bituufi kanneen omisha jumlaan bitanii raabsaniis ni danqaa jechuun qajeelfama haaraa kanaan dhiibbaa gaarii hin taane uumamuu malus ibsu.

Yeroo itti namni filannoo biiznasaa haaraa yaadaa jiru kanatti sochii maallaqa callaarratti daangaan kaahame dinagdee biyyaa akkaan miidhu danda'aas jedhu.

Daangaan kaahame kun hanga fayyadu caala miidhaa geessisuu danda'a jechuun yaada isaanii guduunfa.