Shilingiin Keeniyaa biiliyoonni torba hojii ala ta'e

Baankiin jidduugala Keeniyaa akka beeksiiseetti biyyattiin nootii maallaqashee jijjiruun walqabatee shilingiin abbaa kumaa harki 95 haarawaan bakka bu'eera.
Haa ta'u malee jiddu adeemsa jijjirraa kanatti maallaqni osoo hingeeddaramiin hafe jiraachu himame.
"Kana jechuunis shilingiin biyyattii biliiyoona torba ta'u hojiin ala ta'eera. Kana boodas akka waraqaatti ilaalama,'' jechuun ture bulchaan baankichaa Paatiriik Injorgee gaazexessitootaaf kan ibsan.
Baankichi akka beeksiiseetti labsiin nootii maallaqa haaraa kan beeksiifame Waxabajjii tokko irraa kaasee yoo ta'u, guyyaa sanaa kaasee kan daddabarfamaa ture shilingiin biiliyoona 217 ta'u argameera.
Baatii Onkololeessa 1 bara 2019 irraa eegalees nootiin moofaan tajaajilaa ala taasifameera.
Wayita kanattis jijjirraawwan shakkisiisaa ta'an kuma sadii ol kan gabaafaman yoo ta'u, qaama mootummaa dhimmisa ilaalatuun qorannoon akka irratti gaggeefamu Mr Injioorogeen ibsaniiru.
Geeddaraan maallaqichaas malaamaltummaa fi daddabarsa maallaqaa seeraan alaa biyyattii keessatti baballate to'achuuf akka dandeessisu amanama jechuun baankichi ergaa tiwiitaraa barreesseera.










