Lammiin Keeniyaa 'kondomii tarsa'aaf' mootummaa himate

Madda suuraa, MANAN VATSYAYANA
Keeniyaatti namichi maqaan isaa akka heeramu hin barbaanne tokko kondomii zuum jedhamu kan "sobaa" yeroo saalqunnamtii taasisaa turetti tarsa'ee jedhuuf dhaabbileen 'Beta Healthcare'fi Kenya Bureau of Standard (KEBS) jedhaman himate.
Kondomii sadarkaa isaa hin eegganne kana gabaarraa bitee yeroo saalqunnamtii namni kun ittiin taasisu tarsa'uu isaatiinis dhukkuboota saalqunnamtiin daddarbaniifi saaxilamee haadha warraa isaallee dhukkuba kanaan akka qabamtu taasisuu dubbata himataan kun.
Lammiin Keeniyaa himannaa bane kun miidhaa isarra ga'eef qaamota sadarkaa qulqullina omishaa biyyattii to'atan kan akka abbaa taayitaa, galiiwwaniifi kubbaaniyaa daawaa 'Beta Healthcare' irraa beenyaa barbaadaa jira.
Beenyaan kun kondomii sadarkaa qulqullina isaa hin eeggannee fayyadamuu isaarraa kan ka'een dhukkuba saal-qunnamtiin daddarbaniif waan saaxilameef akka ta'e miidiyaaleen biyyattii gabaasaniiru.
Himataan kun akka jedhutti dhaabbileen kun kondomii zuum jedhamu osoo kan sadarkaa qulqullinaa barbaachisu hin guunne mallattoo mirkaneeffannaa qulqullinaa kennuufiin dabarsuun fayyadamtootaaf eegumsa taasisuu hin dandeenye.
Gabaasni jiru yaada dhaabbilee himannaan irratti banamee hin qabanne.
Namichi akka jedhutti osoo kondomii sadarkaa qulqullina isaa eeggate fayyadameera ta'ee kan uumamuu hin malleedha garuu boodarra dhukkuba kana haadha warraa isaatti dabarseera.
Namichi kondomii kana guyyoota gara garaa Amajjiifi Onkoloolessa bara 2014 gidduutti kutaa biyyattii gara garaa irraa bitatee itti fayyadame.
Ragaa himannaa dhiyaateen akka jedhutti, gaafa Onkoloolessa 13, 2014 mallattoo qaama hormaataa isaa ooksisuufi dhukkubbii yeroo fincaanii isa mudatee ture.
"Yeroo sanatti baayyee dhiphuun na qabee akkan guyyoota sagal dura kondomii tarsa'aa fayyadamen yaadadhe. Yeroodhuma sana gara wallaansa aadaa deemuun daawaa naaf kennameen dhukkubiin natti salphate," jedhe namichi kun akka Gaazexaan Istaar gabaasetti.
Miidhaa sammuun irra ga'uufi boodarraa dhugduu alkoolii ta'uus dubbata namichi kun. Haalli isaa kun boodarra sadarkaa hojiifi maatii isaa dhabuurraan isa ga'eera.












