Dinagdee Itoophiyaa: 'Maallaqa tasa jijjiiruun balaas gaarummaas qaba' - ogeessa diinagdee

Noottiiwwan Birrii Itoophiyaa haaraa

Madda suuraa, PM Abiy Ahmed Ali twiter

Sharafni maallaqaa biyya tokkoo gad bu'uun, qaalayinsi gatii humnaa ol ta'uun, maallaqni heeddun seeraan alaafi baankiin ala kan socho'an ta'uufi sababa malaammaltummana maallaqni mootummaa samame yoo jiraate, biyyi tokko maallaqa jijjiiruuf dirqamuu dandeessii jedhu ogeessi Diinagdee Guutuu Teessoo (PhD).

Sharafni maallaqa Itoophiyaa kan biyya alaa wajjiin jiru hedduu gadi bu’uun, dandeetti maallaqaa biyyattii gadi buusuun diinagdee waan miidhuuf maallaqa haaraa baasuun rakkoo kana bayyanachiisuun barbaachisaa ta’aa jedhu.

''Kan biraan ammoo maallaqni hedduun baankiidhaan alatti gabaa gurraachaan sosocho’a yoo ta’edha,'' jedhu.

Kanas maallaqa haaraa maxxansuun maallaqa seeraan ala socho’u gara gabaatti seeraan deebisuuf dandeessisaa jedhan.

''Namni tokko tokko karaadhuma seeraa maallaqa isaa baankii osoo hin geessiin manuma kaawwachuu danda’a kaan ammoo seeraan ala osoo socho’uu qabama,'' kan jedhan ogeessi kun maallaqni baankiin ala socho’u gabaa jeeqaa jedhan.

''Maallaqni biyya kanaa harka 50 ol kan ta’u baankiidhaan ala akka jiru amanama, ' kan jedhan Dr. Guutuun, rakkoo akka kanaa furuuf noottiin jijjiiramuu danda’aa jedhan.

Maallaqni foorjidiin ykn fakkeefamee maxxanfame baayyachuunillee noottii jijjiiruf sababa ta’uu danda’aa jedhan.

Qaalayinsa gatii mudachunis sababa biroo biyyi tokko maallaqa ishee jijiiruuf itti dirqamtu ta’uu dubbatan.

Hayyuun kun biyyi tokko birrii haarawaa maxxansuu isheen dura hojiileen dursitee hojjechuu qabdu jiruu jedhu.

Kan jalqabaa tarsiimoo maallaqaa fi faayinaansii waaraa ta’e diriirsuun ta'uu Dr. Guutuun ni himu. Kana gochuun sirna faayinaansii jabaafii murannoo mootummaa gaafataa jedhan.

Kan lammataa ammoo maxxansi maallaqa haaraa mataa isaatii baasii guddaa waan gaafatuuf qophii gahaa gochuu barbaadaa jedhan.

Maallaqa haaraa maxxanfamee akki itti gara gabaatti galchaniis of eeggannoo barbaadaa jedhan.

'Maallaqni jijjiiramuu tasa ibsuun balaas gaarummaas qaba'

Hanga yeroo dhihootti noottiin birrii guddaa Itoophiyaan qabdu noottii birrii 100 qofa ture

Madda suuraa, PMO

Ibsa waa'ee suuraa, Hanga yeroo dhihootti noottiin birrii guddaa Itoophiyaan qabdu noottii birrii 100 qofa ture

Gaarummaan maallaqa biyyaa tasa jijjiiru qabu keessaa inni tokkoffaan ''namootni maallaqa seeraan ala mana tuulaa turan dursanii akka doolaaratti hin jijjiirre ykn dursanii irratti hin malanne godhaa'' jedhan.

Gama kaaniin tasa jijjiiruun uummata biratti shakkii maal ta’e mootummaan, maal ta’e baankiin gaaffii jedhu kaasisaa jedhan.

''Uummatni biyya keenyaa hubannoon faayinaansii isaa gad aanaa ta’e maaltu dhufaa jira jedhee yaadda’uu danda’a, maallaqa haaraa irraa amantaa dhabuu danda’a darbees maallaqa isan duriitiin walirraa bituuf gurguuruufis amantaa dhabuu danda’aa'' jedhan.

Itoophiyaan maaliif amma jijjiiruun ishee barbaachise?

Noottii maallaqaa jijjiiruun diinagdee biyyaa wayyeessuu keessatti filannoo isa dhumaati kan jedhan ogeessi kun haala diinagdee fi siyaasa biyyatti amma jiruun’’ rifannaan siyaasaa amma jiru rifannaa diinagdee uumeeraa’’ jedhan.

MM Abiy Ahimad sababni ijoon jijjiiramuu maallaqaa "cabiinsa diinagdee" biyyattii mudate ta'uu himan.

Kaayyoon jijjiiramuu maallaqaa kun maallaqa hatame fashaleessuu akka ta'es MM Abiy dubbataniiru.

Bulchaan Baankii Biyyaalessaa Itoophiyaa Dr Yinnaagar Dassee "maallaqni guddaan baankiin alatti socho'aa jira. Kun immoo hojiileen seeraan alaa kanneen akka malaammaltummaa fi kontirobaandii akka babal'atu gargaarera," jedhan.

Kana malees biyyattii keessatti maallaqni baankiiwwanin alatti baay'innaan faca'ee kan jiru ta'uusaatin, jijjiiraan maallaqaa amma taasifame baankootni hanqinni maallaqa dheedhii akka isaan hin mudanne kan taasisu akka ta'es himameera.

Kaayyoon maallaqa kana jijjiiruu inni guddaan maallaqni baankiin ala kuufame gara baankiitti akka galu gochuu akka ta’e kan dubbatan ogeessi diinagdee Dr. Guutuun, kana gochuun qaalayinsa gatii meeshaalee bu’uura jireenyaa fooyyessuurratti gaheen inni bahu na shakkisiisaa jedhu.

Meeshaaleen bu’uuraa kan jireenyaa hedduun sharafa maallaaqaan biyyaa alaatii osoo galuu tarkaanfiin maallaqni gara baankiitti akka deebi’u gochuu hedduu bu'a qabeessa akka isa hin goone himan.

Baankiiwwan maallaqa guddaa Investimantiif akka gadhiisan karaa banuufillee yoo jedhame maallaqa gadhiisuun qofti Investimantiin hin babal’atuu jedhu.

''Kanaaf kanneen gumaachan nageenya waaraa, daldala sulula’aa fi hidhata jabaa gabaa addunyaa'' ta’uus himaniiru.

Sababa Koronaavaayirasiitiinis inveestimentiin biyyoota addunyaa hundaa laafaa ta’uu kan kaasan Dr. Guutuun, kun Itoophiyaa keesattis maallaqa Baankiitti galee suuta investimeentiif gadhiifamuun diinagdee bayyanachiisuuf yaadame kan jedhu yaadessaadha jedhaniiru.

''Tasgabbiin xiinsammuu hawaasaa, tasgabbiin diinagdee fi siyaasaa rakkisaa ta’ee wayita jirutti'' maallaqa jijjiiruun hangam bu’a qabeessa ta’a kan jedhus akka isaan shakkisiisu dubbataniiru.

Haalli yeroo ammaa biyyattiin keessa jirtu kanatti jijjiiramni kun dhufuun ''xiqqoo jarjarameera jedhee akkan yaadu na godha'' jedhan.

Qarshii abbaa dhibba lamaa maxxansuun maala akeeka?

Hanga qarshii (denomination) dabaluun diinagdeen wayyaa’uu, galiin uummataa dabaluu miindaan fa’a dabaluu wajjiin deemaa jedhu Dr. Guutuun.

''Noottii birrii ol kaasuun gatii maxxansaa maallaqaa xiqqeessa. Birrii abbaa dhibbaa miiliyoona dhibba maxxansuurra, birrii abbaa dhibba lamaa miiliyoona shantama maxxansuun gatiifis bulchiinsa isaafis ni salphata.’’

Nootii birrii dabaluun kan fayyaduuf inni lammataan ammoo yeroo sharafni maallaqaa biyya tokko gadi bu’u jedhu. Birrii dhibba hedduun doolaara ykn Yuuroo bituun rakkisaa ta’uu waan danda’uuf sana fooyyessaa jedhan.

Biyyootni akka Gaanaa fi Zimbaabwee qarshii abbaa kuma dhibbaa hanga maxxansuutti gahuus akka fakkeenyaatti kaasaniiru.

Ta’uus tarkaanfiin akkasii biyyoota hedduu keessati hedduu hin milkoofnee jedhan.

Motummaan maaliif maallaqa amma jijiiruun barbaachisaa akka ta’e uummataaf ibsee hanga jijjiirraan kun hojiirra oolittis kan duriitiin walitti gurguruuf bituun akka jiraatu bariisuu qaba jedhan Dr. Guutuun.

Hawaasni baadiyyaa fagoo jiru maallaqa kana akka jijjiiratu karaa adda addaan beeksisuunis ni barbaachisa jedhan.

Maallaqni haaraan ifa godhame kanneen manatti kuufatan refaasisee baankii akka galchan gochuu kaayyeefate yoo ta’eef hanga siyaasni tasgabbaa’ee waliigalteen biyyaaleessaa uumamutti osoo hojiirra hin oolu ta’ee gaariidhas jedhaniiru.