Riifoormiin Diinagdee Itoophiyaa haaraan maal of keessaa qaba?

Madda suuraa, PM Office Ethiopia
"Rifoormiin kun riiqicha gara misoomaatti nu geessu ta'uusaa nan amana" jedhan ministirri mummee Abiy Ahimad.
Mootummaan Itoophiyaa fooyya'iinsa diinagdee biyya keessaa madde waggoota kudhan itti aananitti hojiirra oolchuuf jiru guddina diinagdee biyyattiif galaa cimaa akka ta'u abdata.
Biyyattii keessatti kanaan dura fooyya'iinsawwan diinagdee dhaabbilee michuu yookiin dhaabbilee faayinaansii idil-addunyaan wixineeffaman hojiirra oolaa tuan.
Amma garuu biyyattiin rifoormii diinagdee ofiisheetin qopheessitee fi dhaabbilee faayinaansii fi arjoomtota idil-addunyaan jajame hojiirra oolchuf jirti.
Riifoormiin kun shoora dhaabbilee dhuunfaa kan guddisu, carraa hojii bal'aa akka uumu fi omishtummaa biyyattii keessaa kan guddisu akka ta'e himameera.
Guyyaa har'aas fooyya'iinsi diinagdee kun dhaabbilee faayinaansii, dhaabbilee gargaarsaa idil addunyaa, ambaasaaddaroota biyyaalee garagaraa fi dhaabbilee michuu birootiif dhiyaatee irratti mari'atameera.
Dameelee Ijoo Sadi…
Fooyya'iinsi diinagdee biyya keessaa madde dameelee ijoo sadi irratti jijjiiramoota fiduun diinagdee biyyattii guddisuuf karoorfata.
Isaanis fooyya'iinsa damee diinagdee waliigalaa (Macro-economic reform), fooyya'iinsa caaseffamaa fi fooyya'iinsa dameelee garaagaraati.
Fooyya'iinsi damee diinagdee waliigalaa (Macro-economic reform) qaala'iinsa gatii to'achuu, galii biyya keessaa guddisuu, proojektota eegalaman xummuruu of keessaa qaba jedhan.
Dabalataan karoora dhaabbilee tajaajilaa gurguddoo irratti damee dhuunfaa hirmaachisuu hojiirra oolchuu, rakkoo sharafa biyya alaan walqababtee jiru furuu, liqaa biyyattiirra jiru to'achuu fi baankii daldala Itoophiyaa fi baankii misoomaa Itoophiyaa ammayyeessuun sirni faayinaansii akka tasgabbaa'u taasisuu of keessatti qabata.
Rakkoon sharafa biyya alaa diinagdee biyyattii miidhaa jiru sababoota lamarraa akka maddu kan himan minister di'eetaan maallaqaa Dr Iyyob Takkaaliny "hanqina sharafa biyya alaa furuu fi sharafa biyya alaa jiru haalaan itti fayyadamuu barbaachisa" jedhan.
Kana malees lammiileen biyyattii biyyaalee biroo jiran maallaqa isaanii biyya keessatti akka qusatan jajjabeessuu, damee tuurizimii fi al-ergii cimsuunis dhimmoota xiyyeeffannoon itti kennamu keessaa muraasa akka ta'an dubbatan.
Rakkooleen kennaa tajaajilaa fi hojimaata dhaabbilee mootummaa keessa jiran dhimmoota guddina diinagdee biyyattiif gufuu ta'an keessatti akka argaman dookumantiin riifoormii diinagdee Itoophiyaa agarsiisa.
Kanaafis rakkooleen hojimaataa furamanii tajaajilli si'ataa ta'e akka kennamuf akkasumas hooggansi dhaabbilee mootummaa akka fooyya'uuf ni hojjetama jedha.
Gama biraatin dameeleen diinagdee shan qonna, omisha, albuuda, tuurizimii fi tekinooloojii quunnamtii fi odeeffannoo (ICT) riiffoormii diinagdee biyya keessaa madde kanaan ciminaan irratti akka hojjetamu deetaan ministiraa Dr Iyyob Takkaaliny himu.
Gama qonnaatin "hanqina galteewwanii fi tajaajila qonnaa furuun omishni qonnaa akka guddatu taasifama" jedhan.
Damee omishaa (manufacturing) keessatti immoo imaammatni indaastrii irra deebin akka sakkata'amu fi dhaabbileen omishaalee biyya alaatii galan bakka bu'an omishan haalaan akka jajjabeeffaman himan.
Qabeenyi albuudaa sharafa biyya alaa fiduu danda'u heddu biyyattii keessa jiraatullee Itoophiyaan damee kanarraa hanga barbaaddamu hin fayyadamne jedhama.
Kanaafis damee kanarratti hanqinoota gama dandeettii teknikaan jiran furuu, seerota walitti dhufeenyi dhaabbilee albuuda omishan fi jirattoota naannoo ittin hogganamu qophessuu fi dhimma gatii albuudotaa irratti hojjechuun galii damee albuudaarraa argamu guddisuuf akka yaadame Dr Iyyoob himaniiru.
Galmoota Waggoota Kudhanii…
Hiyyummaa hammaataa (extreme poverty) dhabamsiisun galmoota ijoo mootummaan Itoophiyaa waggoota kudhan itti aanan keessatti dhugoomsuuf karoorfate keessaa isa tokko.
Haaluma kanaan waggoota torba itti aanan keessatti giddugaleessa galii namni tokko wagga tokko keessatti argatu kan yeroo ammaa doolaara 865 irra jiru gara doolaara 2,219ti guddisuuf karoorfatameera.
Humna namaa biyyattii guddachaa jiruuf carraa hojii uumuu fi guddina diinagdee saffisaa akkasumas kutaalee hawaasaa hunda hirmaachise fiduunis kaayyoowwan riifoormichaa keessatti argamu.
Dabalataan damee dhuunfaa, magaalummaa, omisha qonnaa fi indaastrii guddisuun diinagdee galii giddugaleessaa ijaarunis dhimmoota mootummaan Itoophiyaa waggoota kudhan itti aananitti milkeessuuf karoorfate keessatti argamu.
Dhaabbileen Faayinaansii fi Arjoomtotni Idil-addunyaa Maal Jedhan?
Dhaabbileen michuu hojiirra oolmaa riifoormichaaf deeggarsa akka taasisan kan gaafatan ministirri mummee Abiy Ahimad lammiileen biyyattii hundi fooyya'iinsa diinagdee kanarraa fayyadamoo akka ta'anif mootummaan isaanii cimee akka hojjetu waadaa seenan.
Dhaabbileen michuu maricharratti argaman iftoomina mootummaan Itoophiyaa riifoormicha beeksisuun taasiseef baay'ee galateeffatan.
Mootummoota gamtomanitti barreesituun olaantuu komishinii diinagdee Afriikaa (UNECA) Vera Songiwe karoorichi hawwataa fi galma gahuu kan danda'u ta'u himan.
Fakkeenya biyyaalee sadi Chaayinaa, Veetinaam fi Laa'os kaasun kan dubbatan Ms Vera Songwe "riifoormichi akka milkaa'uf Itoophiyaan damee invstimantii waggaa waggaan doolaara Ameerikaa biiliyoona jahaan guddisuu qabdi, hammeentaan qusannaa biyyattii omisha waliigalaa keessaa gara 30% guddachuu qaba" jedhan.
Kana malees mootummaan galiisaa guddisuu akka qabu fi uwwisni elektriikii yeroo dhibbeentaa 44 irra jiru fooyya'uu akka qabu dhaaman.
Gama biraatin "fooyya'iinsi diinagdee akka barbaachisu nuyis ni amanna" kan jedhan Baankii Addunyaatti daayrektarri damee Itoophiyaa Kaarolin Tark hojiirra oolmaa riifoormii kanaaf dhaabbatni isaanii gama maallaqaatinis ta'e gama investimantii fiduutin deeggarsa akka godhu himan.
Fedhiin jijjiiramaa mootummaa biraa dhufuu akka qabu kan himan Kaarolin Tark riifoormichi biyyuma keessaa kan madde ta'uunsaa akka ciminaatti kan ka'u ta'u dubbatan.
Bakka bu'ootni dhaabbilee michuus hojiiwwan riifoormicha keessatti hojjetaman gadi fageenyaan ibsamuu akka qaban fi milkaa'ina karoorichaaf mootummaan dhimma nageenyaa fi dhimmoota hawwaasummaa biroo irrattis xiyyeeffachuu akka qabu himan.

















