MM Abiy Ahimed Pirezidaantii Kooriyaa Kibbaa waliin mari'atan

Madda suuraa, FBC
MM Abiy Ahimed daawannaa Kooriyaa Kibbaatti taasisaniin pirezidaantii Biyyattii Muun Jey In waliin mari'achuun waliigalteewwan garaagaraa walii mallatteessan.
Eegumsa naannoo, Saayinsii fi teeknoloojii,fi dhimmootni hariiroo alaa waliigaltee isaanii keessatti argamu. Hariiroon biyyota lameeniis kana caalaa bifa qindaa'aa taheen akka guddachuu qabu MM Abiy fedha isaanii dubbataniiru.
Dabalataan bara waraana Kooriyaawwanii loltoota Itoophiyaa hirmaatanii lubbuu dhaban yaadachuuf MM Abiy Ahimed bakka awwalcha biyyaalessaa biyyattitti habaaboo kaa'an.
Abiy erga pirezidaantiin Kooriyaa Kibbaa Moon Jey In bara 2017 muudameen as gaggeessittota Afrikaa keessa kan jalqaba Kooriyaa Kibbaa Daawwatan tahaniiru.
MM Abiy fi jilli isaanii daawwannaa isaanii Kooriyaa Kibbaan yeroo waraana Kooriyaa lamaanii loltoota Itoophiyaa aarsaa tahan yaadachuuf bakka awwaalchaa magaalaa Sehul jirutti habaaboo kaa'aniiru.
Hariiroon Itiyoophiyaa fi Kooriyaa bara 1940 keessa bara bulchiiinsa Haayilesillaasee irraa eegalee kan turedha.
Haayilesillaaseen yeroo sana loltoota isaanii Kibur Zabanyaa jedhaman bara waraana Kooriyaa lamaanii gara Kooriyaa Kibbaatti erguun akka loltoota Dhaabbata Mootummota Gamtoomaniitti makamuun waraanicha irratti akka hirmaatan taasisanii ture.

Madda suuraa, Fuula Feesbuukii Waajira Ministira Muummee
Dabalataan daawannaa isaanii har'aan Abiy Ahimed pirezidaantii Baankii Rippublika Kooriyaa EXIM waliin wal arguun mari'ataniiru.
Lamaan isaanii deeggarsa Itiyoophiyaaf godhamaa tureefi deeggarsa haaraa taasifamau irratti waliin mari'ataniiru.
Baankiin EXIM [Export-Import Bank of Korea] pirojeektota amma hojjetamaa jiraniif deeggarsa Doolaara miliyoona 600 kan taasisaa jiru yoo tahu isa keessaa Doolaara miliyoona 300 kan tahu karaa fandii deeggarsa misooma dinagdee Itiyoo- Kooriyaa bara 2019/2020 jalatti mallattaa'eera.
Baankichi dinagdee Kooriyaa Kibbaa al-ergee irratti hundaa'e kan deeggaru yoo tahu pirojektota gurguddoofis liqii kennuun deeggarsa taasisa.
Dabalataan deeggarsa misoomaa Kooriyaa Kibbaa biyyoota garaagaraa jiraniifis tumsa taasisa.
Abiy Ahimed Inistitiyuutii Saayinsii fi Teeknoloojii Kooriyaa Kibbaas daawwataniiru. Ijaarsa dinagdee Kooriyaa cimaa tahe ijaaruu keessatti qooda inistitiyyutichi bahate irrattis ibsi kennameeraaf.
Dhaabbatichi amma ministeera Saayinsii fi Dhaabbilee Barnootaa Ol-aanoo fi Yuunvarsiitii Adaamaa waliin hojjechaa kan jiru yoo tahu MM Abiy dhaabbata akka KIST Itiyoophiyaatti hundeessuuf deeggarsa akka barbaadan himaniiru.














