Waliigalatee Nageenyaa Sudaan: MM Abiy Ahimad mootii Sawudii waliin bilbilaan mari'atan

Madda suuraa, Anadolu Agency
Ministirri Muummee Abiy Ahimad (PhD) mootii Saawud Arabiyaa Mohaammad Biin Saalmaan Biin Abdulaaziiz waliin bilbilaan mari'atan.
Mootichi Sawudii Mohaammad bin Saalmaan ministirri muummee Abiy Ahimad humnootiin Sudaan karaa nagaa mari'atanii gara nageenya buusutti akka dhufaniif qooda olaanaa Itiyoophiyaan bahatteef dinqisiifataniiru.
Naannoon Baha Afrikaa akka tasgabbaa'uuf hojii Itiyoophiyaan hojjettu Saawud Arabiyaan akka deeggartu mootichi ibsaniiru.
Humnootiin Sudaan Sanbata darbe waliigaltee dhumaa aangoo qooddachuu isaan dandeessisu magaalaa Kaartuumitti mallatteessun isaanii ni yaadatama.
Bulchiinsa Abiy Ahimed jalatti Itiyoophiyaan Sawudii waliin hariiroo gaarii kan qabdu yoo tahu, kanaan duras mootichi MM Abiyyiin gara biyya isaaniitti affeeranii dhimmota garaagaraa irratti waliigaluu himamaa ture.
''Waliigaltee Jiddaa'' jedhamee kan waamamaa tures Sawudiitti bakka Mohaammad bin Saalmaan, Isaayas Afawarqii fi Abiy Ahimed jiranitti mallattaa'ee ture.

Madda suuraa, Anadolu Agency
MM Abiy Ahimed dabalatee dura taa'aan Komishinii Gamtaa Afrikaa Muusaa Faakii Mahamat fi gaggeesitootni Afrikaa kaanis argamaniiru.
Manni maree walabaa humnoota quuqamtoota Sudaan hundeeffamuu hordofees lammiileen Sudaan hedduun Dr Abiy Ahimed galateeffataniiru.
MM Abiy Ahimed waltajjicharratti ummanni Sudaan tasgabbiin dimokiraasii ijaaruurratti akka xiyyeeffatu dhaamaniiru.
MM Abiy yeroo gara biyyaatti deebi'anis lammiilee Itiyoophiyaa Sudaanitti hidhamaa turanii gadhiifamanii yeroodhaaf Imbaasii Itiyoophiyaa Kaartum jiru keessa turan 100 ol fudhatanii gara biyyaatti deebi'aniiru.














