Itoophiyaa fi Eertiraan waliigaltee nagaa haaraa mallatteessan

Madda suuraa, Getty Images
Itoophiyaa fi Eertiraan waliigaltee nagaa bakka Mootichi Saalmaan jiranitti Sawudii Arabiyaatti walii mallatteessan.
Waliigalteen Fulbaana 16, 2018 taasifame kun hariiroo isaan tolfachuu jalqaban caalaa jabeessas jedhameera.
Waliigalteen Ministira Muummee Dr. Abiy Ahimadii fi Pirezedaanti Isaayyaas Afawarqiitiin mallattaa'e kun ifatti tokko tokkoon waanti beekame dhibullee Ministeerri Dhimma Alaa "Waliigaltee abbaa qabxii torbaa" qofa jedheera.
"Waliigaltee Jiddaa" jedhamuun waamamu kana ilaalchistee Sawudiin ibsa baasteen "haala walitti dhufeenya teessuma lafaa, seenaa fi aadaa biyyoota lamaan gidduu jiruun waliigalteen nagaa kun gaggeesitoota lamaan gidduutti hariiroon haala idilee ta'een akka uumamu taasisa," jedha.
Gaggeessitoonni biyyoota lamaanii waliigaltee kana magaalaa Jiddaatti yeroo walii mallatteessanitti Mootii Salmaan, Ilma Mootichaa Mohaammed Biin Salmaan, Ministira Dhimma Alaa Yunaayitid Arab Imireetis, Sheek Abdulaahi Biin Zaayid Al-Naahiyaanii fi Barreessaa Ol-Aanaa Mootummoota Gamoomanii Antooniyoo Guteeres irratti argamaniiru.
"Naannoo Gaanfa Afirikaatti qilleensi abdii namatti horu qilleensa'aa jira" jechuudhaan Guteerees sirna mallattoo kanaan booda ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin dubbataniiru.
Waliigaltee nagaa taasifametti aansuudhaan Mootichi Salmaan gaggeessitoota Ioophiyaa fi Ertiraatiif medaaliyaa biyyattii ol-aanaadha jedhame Abdulhaaziiz Al Sawudii jedhamu badhaaseera.
Gaggeessitoonni kunneen yeroo darbes badhaasa kabajaa walfakkaatu Yunaayitid Arab Imireetis irraa argataniiru.
Ministirri Muummee Dr. Abiy Ahimedii fi Pirezedaanti Isaayyaas Afwarqii, Adoolessa darbe hariiroo nagaa fi jaalalaa abbaa qabxii shanii Asmaraatti walII mallateessuun diinummaa waggaa digdamaaf ture akka dhaabatu taasisaniiru.














