Miseensonni kongirasii US jaha Itoophiyaarraa deeggarsi cituu morman

Madda suuraa, Getty Images
Miseensonni koongirasii Ameerikaa jahaa dhimma hidha haaromsaan wal qabatee Itoophiyaarraa deeggarsi cituu mormuun aanga'oota biyyattiif xalayaa barreessan.
Miseensonni kunneen "Ameerikaan Itoophiyaarra deeggarsa kutuun nu yaaddesseera" jedhanii Ministira haajaa alaa Maayik Pompewoo fi Ministira maallaqa Istiiv Muunshiniif xalayaa kan barreessan.
"Deeggarsi kun adda cituun biyya michuu keenya taate waliin hariiroo qabnu laaffisuun cinaatti, marii dhimma hidha haaromsaa Itoophiyaa, Masrii fi Sudaan jidduu jiru keessatti Ameerikaan loogirraa bilisa ta'uushee gaaffii keessa buusa" jedhan.
Miseensonni jahaan xalayaa kana barreessan Jeesan Kiroow, Ilhaan Omaar, Koniin Alreed, Joon Giraameendii, Jooyis Beetii fi Jeerald Koonlii jedhamu.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X
Dhimma hidha haaromsaan wal qabatee Ameerikaan Itoophiyaarra deggarsa doolaara miliyoona 130 kutuun ishee kan gabaafame torbee darbee kana keessa ture.
Ameerikaatti ambaasaaddarri Itoophiyaa Obbo Fitsum Araggaa dhimma kanarratti mootummaa Ameerikaa irraa ibsa gaafatanii, 'deeggarsichi kan adda cite yeroof akka ta'e' natti himameera jedhanii turan.
Miseensonni xalayicha barreessan "hidhi haaromsaa Itoophiyaa maallaqa lammilee biyyattiin ijaaramaa jira, piroojektichi lammileen Itoophiyaa kan ittiin boonanidha" jedhan.
Hidhi kun guddina diinagdee naannichaaf ni gumaacha, lammilee Itoophiyaa miliyoona hedduufis elektiriikii kan argamsiisudha jechuun barreessan.
Ameerikaa fi Itoophiyaan hariiroo waggoota 100 olii akka qaban kan eeru xalayichi, itti dabaluun dhalattoonni Itoophiyaa nuusa miliyoonaa ta'an Ameerikaa keessa jiraachaa jiru jedheera.
Kanaan alatti Itoophiyaan Baha Afrikaatti michuu nageenyaa Ameerikaa jabduu ta'uu himanii, gareelee shororkeessitootaa akka al-Shabaab loluu keessatti tumsa olaanaa qabdi jedhan.
Deeggarsichi adda cituun hariiroo biyyoota lamaanii baroota dheera miidhuun alatti faalaa fedhii Ameerikaan naannicharraa qabduuti jedhan.
Kanaaf deeggarsi Itoophiyaaf kennamu adda cituu hin qabu jedhanii, marii dhimma hidha haaromsaa irrattis Ameerikaan loogii irraa bilisa taatee akka hirmaattu gaafataniiru.












