'US deggersi maallaqaa Itoophiyaaf akka hin kennamne kan dhorkite yeroodhaaf'

Ameerikaan deggersa maallaqaa Itoophiyaaf kennuuf turte akka hin kennamne kan dhorkite 'yeroodhaaf' jedhan Ameerikaatti Ambaasaaddarri Itoophiyaa Ambaasaaddar Fitsum Araggaa.
Ambaasaaddar Fitsum tuwiitarii isaaniirratti akka barreessanitti deggersi maallaqaa US Itoophiyaarraa dhaabde tarkaanfii yeroo gabaabaaf fudhatameedha malee kan waaraa akka hin taane aanga'oota biyyattii irraa hubachuusaanii ibsan.
Ambaasaaddarichi tarkaanfii US deggersa maallaqaa doolaara miliyoona 130 Itoophiyaarraa dhaabuuf fudhatterratti ibsa erga gaafatanii booda, tarkaanfichi yeroof ta'uusaa kan hubatan ta'uu ibsan.
Tarkaanfiin US jaarsummaa dhimma marii Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa waliin akka wal qabatus hubanneerra jedhan Ambaasaaddar Fitsum.
Tarkaanfii US Itoophiyaarratti fudhatte kanaaf ibsa bal'aa kan gaafattee turte Itoophiyaa, akkaatuma kanaan qondaaltota mootummaa biyyattiirraa ibsi arganne, maallaqi deggersaa kun yeroo murtaa'eef akka qabameedha jedhan Ambaasaaddar Fitsum.
Qondaalli mootummaa Itoophiyaa kun garuu tarkaanfiin US fudhatte kan yeroof murtaa'e ta'uu hubanneerra jechuurra darbee ibsa bal'aa hin kennine.
Akka gabaasa torbee darbe barruun 'Foreign Policy' jedhamu baasetti, Ministirri Haajaa Alaa US Maayik Poompewoon deggersa maallaqaa doolaara Ameerikaa miiliyoona 130 Itoophiyaarraa dhaabuuf murteessaniiru.
Ministirri Dhimma Alaa Poompewoon Itoophiyaan dhimma Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaarratti Masrii waliin akka wal taatuuf dhiibbaa uumuuf akka tarkaanfii kana fudhatan barruun kun gabaasa isaa keessatti eereera.
Ameerikaan kanaan dura wayita atakaaroo dhimma hidha haaromsaa kanaaf araara buusuuf jaarsummaaf gidduu seentee turtetti, Itoophiyaan hanga Masrii waliin walii galteerra geessutti bishaan kuusuu akka hin eegalle akeekkachiistee turte.
Itoophiyaan garuu dubbiin Ameerikaa kun keessa seentummaadha jechuun yaadicha akka hin fudhanne ibsitee turte.
Ameerikaanis ejjennooshee kana akka sirreessitu, Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa akeekkachiisee ture.
Dhimma kanaan mufattee kan jirtu Ameerikaan, baajata Itoophiyaaf kennitu doolaara miiliyoona 130 dhaabuuf murteessiteetti.
Itoophiyaafi Masriin hidha laga Abbayyaarratti waggoota hedduuf walii galteerra gahuu hin dandeenye.
Masriin dhiheessii bishaanii biyyattiif laga Abbayyaarratti kan hirkatte yoo ta'u, hammi bishaanii isheen kana booda argachuuf taaturratti wabii barbaaddi.
Masriifi Sudaan waliin ta'uun hamma bishaanii isaan gahuu malu irratti mari'ataa jiru.
Ameerikatti ambaasaaddarri Itoophiyaa Fiitsuum Araggaa Ameerikaan hir'atuu fandii waliin walqabatee ibsa ni kenniti jechuun fuula Tiwiitaraasaaniirratti maxxansaniiru.
Ta'us garuu fandii jedhamu hir'atuusaa wanti mirkanaa'e hin jiru.
Hidhni laga Abbayyaa waqtii gannaa waliin walqabatee bishaan kiiyubiik meetirii biiliyoona 4.9 kuusee argama.

















