Itoophiyaa: "Hidha haaromsaa ijaaruufi bishaan guutuun waan 'wal maddii deemu"

Hidha Haaromsa Itoophiyaa

Madda suuraa, MAXAR TECHNOLOGIES VIA REUTERS

Hidha Haaromsaa ijaaruufi bishaan guutuun wanna wal maddii raawwaatamaa deemudha jechuun Itoophiyaan beeksifte.

Roobii miidiyaan biyyaalessaa EBC'n Ministira Bishaan, Jallisiifi Iinarjii Dr Silashii Baqqalaa eeruun Itoophiyaan ifatti Hidha kana bishaan guutuu eegalte jechuun gabaasee ture.

Haata'u malee, daqiiqaa muraasa booda 'akki itti ibsame dogoggora' jechuun sirreeffama baaseera.

Dr. Silashii Baqqalaa erga oduun EBC sun gadhiifamee booda BBC'tti yoo himan, 'gabaasa dogoggoraati' jedhan.

Ta'us garuu ol ka'iinsi hidha kan bara darbe meetira 525 ture bara kana ijaarsa dabalataa hojjetameen meetira 560 gaheera jedhan Dr Silashiin.

Haguma ol ka'iinsi hidhichaa dabalaa adeemuu hidhichi bishaan qabataa akka adeemus Dr Silashiin himaniiru.

Itti dabalauun bara darbes yoona kana sababa rooba waqtii gannaan bishaan hidha kanaan ittifame ol ka'ee akka ture himaniiru.

Suuraawwan Waxabajjii 27 hanga Adoolessa 9 jidduu kaafaman irratti hammi bishaanii Hidha Haaromsaan duubatti qabamee jiru ol ka'uun sirrii ta'uu Dr Silashiin mirkaneessaniiru.

Masriifi Sudaan maal jedhan?

EBC'n Itoophiyaan Hidha haaromsaa ifatti bishaan guutuu eegalte jechuu hordofuun miidiyaaleen idil-addunyaa hedduun kana gaabsaniiru.

Kana hordofuunis Masriin Itoophiyaan bishaan guutuu eegaluufi eegaluu dhiisuu ifa akka gootu mootummaa Itoophiyaaa ibsa gaafattee jirti.

Sudaan gama isheetiin hammi bishaan laga Abbayyaa/Naayil guyyaatti ishee gahu kuubik meetirii miliyoona 90n hir'ateera jette.

Kanarraa ka'uun Sudaanis, qaama kamiinuu 'tarkaanfiin dhuunfaan fudhatamu sirrii miti' jette.

Itoophiyaan hammi bishaanii Hidha Haaromsaa keessatti walitti qabamaa jiru dabaluu malee karra hidhichaa cuftee bishaan guutuu eegaluu ifatti hin labsine.

Hojjetaa ijaarsaa hidha haaromsaa

Madda suuraa, Getty Images

Waliigalteen biyyoota sadan jidduutti waggoota 10 oliif deemaa ture waliigalteen hin goolabamne.

Mariin tibbana jaarsummaa Gamtaa Afrikaan eegalamee tures fiixa hin baane.

Mariin miilanaa milkaa'uu dhabuuf sababiin Masriin ejjennoo hin jijjiiramne qabachuu fi fedhii hedduu dabalataan isheeniifi Sudaanillee agarsiisaa jiranirraa kan ka'e ta'uu Itoophiyaan ibsiteetti.

Ministirri Bishaan, Jallisiifi Iinarjii Itoophiyaa Dr Silashiin ammallee mariin akka itti fufu himanii, Itoophiyaan dhimmicha marii fi waliigalteen xumuruuf ejjennoo jabaa qabdi jedhan.

Mariin dhimma Hidha kanaarratti godhamu fedha dhaloota kanaa qofa osoo hin taane kan dhaloota hegeree bu’uura godhachuuni jechuun dubbataniiru.

Itoophiyaan bara kana ji'a Waxabajjii keessa hidha kana bishaaniin guutuuf karoora qabattee akka ture ni beekama.

Dhimma kana ilaalchisees Sudaaniii Masriin karoora Itoophiyaa kana mariifi waliigaltee malee hidha kana bishaaniin guutuun akka hin eegalamne xalayaa mana maree nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti erganii turaniin gafachaa turan.

Itoophiyaan gama isheen ejjennoo ishee kana akka hin jijjiirre ibsaa turte.