Suuraawwan saatalaayitii bishaan Hidha Haaromsaa keessatti dabalaa jiraachuu mul'isan

Suuraa saatalaayitii hidha haaromsaa Itoophiyaa

Madda suuraa, Benjamin Strick

Suuraawwan saatalaayitii haaraan Hidhai Haaromsaa Guddichi Itoophiyaa keessatti bishaan dabalaa deemuu agarsiisan.

Suuraawwan Waxabajjii 27 hanga Adoolessa 9 jidduu kaafaman kanarratti hammi bishaanii hidha haaromsaan duubatti qabamee jiru ol ka'uu agarsiisu.

Mootummaan Itoophiyaa garuu Hidha Haaromsaa Laga Abbayaa kana guutaa jiraachuu isaa gaaffii BBCn gaafate hin mirkaneessineef.

Haata'u malee, yeroo roobni waqtii Gannaa kun jalqabu akka Hidhicha guutuu jalqabu yeroo hunda dubbata.

Gaazexeessaan BBC suraalee saatalaayitii kana xiinxalaa ture Benjaamiin Istiriik amma duralle waqtii Gannaa hammi bishaanii ol ka'ee mul'ataa ture jedheera.

Ogeessa qonna naannichaa irraa qulqulleeffachuun akka hubachuun danda'ametti bakka Hidhi Haaromsaa itti argamu Beneshaangul Gumuz, Gubaa keessa roobni cimaan waqtii Gannaa roobaa jira.

Maxxansa X irra dabri
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X

Gaazexaan beekamaa Masirii Ahraam jedhamu ammoo suuraawwan Dhaabbta Ispeesii Awurooppaatiin kaafaman eeruudhaan akka gabaasetti Hidhi Haaromsaa bishaan qabachuu kan jalqabe yoo ta'u, kun garuu rooba cimaa waqtii Gannaa ta'uu akka danda'u xiinxalaa Kiraayisiis Giruup Wiiliyaam Daaviinsaniin waabeffatee ibseera.

Mariin hidha haaromsa jaarsummaa Gamtaa Afrikaan Itoophiyaa, Masrii fi Sudaan jidduutti eegalame ture waliigaltee malee xumurameera.

Mariin guyyoota 11f bakka taajjabdoonni 11 fi ogeeyyiin jiranitti gaggeeffame kun Wiixata galgala sa'aatii sadiitti waliigaltee malee xumurameera jedhan Ministirri Bishaan, Jallisii fi Iinarjii Dr Silashii Baqqalaa.

Gamtaa Afrikaa jaarsummaan marii kanaaf haala mijeesseef gabaasa barreessaa jirra jedhan.

Mariin miilanaa haala Hidhichi bishaan guutamuufi yeroo gogiinsaa hamma bishaanii gadhiifamuu qaburratti ture kan fuulleffate.

Torban darbe Itoophiyaan dhimmootni irratti walii hin galamne gara yeroo biraatti haa darban jechuunshee gama Masiriin fudhatama dhabuu miidiyaaleen Masrii gabaasaa turan.

Ministeerri Dhimma Alaa Masirii tibbana ibsa miidiyaalee biyya keessaaf kenneen marichi bu'aa argamsiise akka hin qabne ibsee ture.

Dhimmoota irratti walii hin galamne kan hordofuu koreen tokko hundaa'ee akka qorannoofi marii itti fufu, dhimmoota irratti waliigalame irratti ammoo waliigalteen akka mallattaa'u Itoophiyaan yaada dhiyeessitus fudhatama hin arganne.

Dhimmi Hidha Haaromsaa kun mana maree nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniif erga dhiyaatee booda Gamtaan Afrikaa dhimmicha akka duuka bu'u jedhame.

Jaarsummaa Gamtaa Afrikaan biyyoonni sadan torbee lama keessatti waliigalteerra akka gahan ture kan yaadame.

Itoophiyaan waliigalteerra gahamus gahamuu baatus hidha kana bishaan guutuu akka eegaltu himtee turte.

Erga biyyoonni sadan waliigalteerra gahuu dhabanii as tarkaanfiin itti aanu maal akka ta'e hin baramne.