Hidha Abbayyaa: Itoophiyaan xalayaa dhimma Abbayyaarratti UN'tti barreessiteen maal jette?

Madda suuraa, AFP
Mariin Hidha Guddicha Abbayyaa biyyoota sadan jidduutti gaggeeffamaa ture osoo hinxumuramiin Masriin jidduutti Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (UN)'f gaafa Jimaataa xalayaa barreessite turtee.
Kaayyoon xalayichaas hidhi Itoophiyaan ijaartu 'nageenyaafi waliigaltee idil-addunyaaf yaaddoodha' jechuun Manni Maree Nageenyaa marii Abbayyaa gidduu akka seenu kan gaafatudha.
Itoophiyaan immoo adeemsa Masrii kana komachuun, 'Masriin Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (UN) dogongorsuf socho'aa jirti' jechuun xalayaa barreessiteen himatteetti.
Xalayaa Itoophiyaan guyyaa kaleessa UN'tti ergiteen, hidhi Abbayyaa Itoophiyaan ijaaraa jirtu nageenyaafi waliigaltee idil- addunyaatiif yaaddoo miti jechuun ibsiteetti.
Kana malees, ijaarsi hidha kanaa Sudaaniifi Masrii akka hin miine ibsuun, yeroo lammataaf xalayaa kana Mana Maree Nageenyaaf barreessiteetti.
Xalayaa Ministirri Dhimma Alaa Itoophiyaa Gadduu Andaargaachaw Pirezidaantii Mana Maree Nageenyaa UN Nikolaas Di Riviyeeretti barreessaniin Masrii qeeqaniiru.
Torban muraasa keessatti Masriin yeroo lammataaf dhimma hidha Abbayyaa gara UN'tti kan geessite yoo ta'u, Itoophiyaanis yeroo lammataatif ejjennoo ishee xalayaa ergiteen ibsiteetti.
Obbo Gadduun maal jedhan?
Masriin xalayaa UN'tti barreessiteen hidhi Itoophiyaan ijaartu kuni nageenyaafi waliigaltee idil-addunyaaf yaaddessaadha jechuun ibsiteetti.
Ministirri Dhimma alaa Itoophiyaa Obbo Gadduun xalayaa Masriin ergiteen kanaaf deebii kannuuf barreessuuf dirqamuu himan.
Masriin dhimmicha gara UN geessuun ajaa'iba nutti hin taane kan jedhan Obbo Gadduun, galma ga'iinsa marii biyyoota sadiif Masriin gumaachuu hin feetu jechuun ibsan.
Mariicha sadarkaa idil - addunyaatti geessuu isheefis qeeqaniiru.
Obbo Gadduun mariin biyyoota sadanii keessumaa dhimma teknikaa irratti torban muraasa darban fooyya'aa akka dhufe kaasu. Kunis, carraaqqii Itoophiyaan akka raawwate ibsani.
Itoophiyaan mariitti iitti fufuu barbaaddi kan jedhan Obbo Gadduun, inumaa mariin kanarra akka saffisu barbaanna ture garuu 'mirga itti fayyadama' Masriin kaasteetu duubatti nu harkisa jechuun ibsan.
Haa ta'u malee, Masriin waliigaltee bara 1959 Sudaan waliin bishaan Abbayyaa qooddachuuf waliigalan xalayaa Jimaata darbe UN'tti ergite keessatti hin ibsine.
Kana kan qeeqan Obbo Gadduun, sababni ijoo biyyoonni sadan itti waliigaluu dhaban dhimma waliigaltee kanaati jechuun Itoophiyaan waliigaltee waggoota 60 dura ture keessa akka hin jirre ibsaniiru.
Mariin taasifamaa jirus kan qoodinsa bishaanii osoo hin taane dhimma yaaddoo ijaarsa hidha qofaarratti kan xiyyeeffate akka ta'e xalayaa keessatti katabaniiru.
Masriin maaliif gara UN dhaqxe?
Masriin marii biyyoota sadanii irratti hirmaachaa dhimmichas gara Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii geessiti. Itoophiyaan immoo 'adeemsa lamaan Masrii' kana ni qeeqxi.
'Asiin marii biyyoota sadii irratti hirmaachaa gama kaaniin immoo dhiibbaa siyaasaafi dippilomaatikiii bu'aa hin qabne Itoophiyaarraan gahuuf dhimmicha Mana Maree Nageenyaatti geessiti,' jechuun ibsan.
''Yaaliin kuni hundi Mana Maree Nageenyaa dogongorsuuf kan kaayyeffatedha,'' jechuun Obbo Gadduun barreessaniiru.
Dabalataan, rakkoo Afrikaa Afrikaanotaan hiikuun osoo danda'amu gara Niiw Yoork geessuun sirrii miti jechuun Qajeelfama biyyoonni sadan bara 2015 waliigalan ni cabsa jechuun barreessan.
Masriin Itoophiyaan marii malee murteessaa jirti jechuun himatti. Akka fakkeenyaattis, waliigalteerra osoo hin gahamiin isa Itoophiyaan bishaan guutuuf yaadde kaasti.
Obbo Gadduun Masriin yeroo hidha Aswaan ijaarte Itoophiyaa yoom mariisiste jedhanii gaafatu. Isa booda mormii yeroo garaa garaatti Itoophiyaan dhiheessite Masriin akka gurra itti kennu dhabdellee eeran.
Maree malee hin murteessine kan jettu Itophiyaan, ammallee mariidhaan akka furamu xalayaa Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti ergiteen ibsiteetti.
Dhimma seeraa hin xumuramne
Erga baatii Guraandhalaa jaarsummaa US fi Baankii Addunyaan Itoophiyaan mufattee marii keessaa baate as torban lama dura eegalee garuu biyyoonni sadan gama viidiyoon marii gaggeessaa turan.
Kanaanis, marsaa jalqabaa hidha waggaa 9 dura eegale guutuuf biyyoonni sadan dhimma teknikaa irratti akka waliigalan Itoophiyaan ibsiteetti.
Dhimma teknikaa irratti biyyoonni akka waliigalteerra gahan Itoophiyaan ibsitus dhimma seeraa irratti garuu ammallee waliigalteen hin gahamne.
Sababni biroo Masriin kaastu Itoophiyaan hidha kana yoo ijaarte hammi bishaan Abbayyaa Sudaaniifi Masrii gahu ni xiqqaata kan jedhudha.
Itoophiyaan xalayaa ejjennoo ishee itti ibsiteen bishaan kuni tarbaayinii rukute akka darbuufi hiyyummaa hawaasni keessa jiru furuuf hidha kana ijaaraa akka jirtu ibsiteetti.
''Masriin kana sirriitti beekti. Garuu dhimmicha bifa siyaasaa akka qabaatu gochuun bishaan abbayyaa irratti olaantummaa qabachuu barbaaddi. Bara amma jirruttimmoo kuni hin ta'u,'' jedhan Obbo Gadduun.
''Nageenyaafi tasgabbiin walqabatee yaaddoon hidha haaromsaa irra yoo jira jiraate, maddi yaaddoo sanaa Masriidha,'' jechuun biyyattiin waraanatti dhaadachuu ishee Obbo Gadduun kaasan.
Haa ta'u malee, biyyoonni lamaan gama dippilomaasiitiin mariin kuni xumura akka argatu himanis yerootti waraanaafis ta'u qophii akka ta'an ibsan ni jira.
Gaaffii Masriin Mana Maree nageenyaaf dhiheessites manni marichi akka hin fudhanne abdii akka qaban akkasumas 'Masriitin akka hin dogongorre' Itoophiyaan Mana Maree Nageenyaa UN gaafatteetti.
Masriifi Sudaan maal jedhan?
Waggoota saddeet darbaniif Sudaan Itoophiyaa bira dhaabbattus booda kana garuu ejjennoo duriirra hin jirtu.
Xinxaltoonni kana rakkina diinagdee biyyattiin keessa jirtu furuuf adeemsa eegalte waliin akka walqabatuufi fedhii Ameerikaa galma geessisuuf ejjennoo akka jijjiirte himu.
Gama kaaniin, Masriin waliigalteerra akka hin gahamne Itoophiyaatu danqe jettus guyyaa Wiixataa akka ibsitetti taanaan Itoophiyaan hidhaa kana yoo guutuu dhabde mariitti akka deebitu himte.
Manni Maree Nageenyaas gidduu seenee Itoophiyaan bishaan akka hin guunne dhiibbaa akka taasisu Masriin ni barbaaddi.
Waliigaltee malee bishaan guutuun Masriif ''yaaddoo guddaadha'' jechuun Ministirri Dhimma Alaa Masrii Saameh Shukrii gaafa Wiixataa AP'tti himaniiru.
Bishaan Masriin dhimmoota garaa garaaf fayyadamtuuf %90 Abbayyaa irratti hundoofti.
Itoophiyaan immoo waliigalteerra gahames gahamuu baates marsaa jalqabaan baatii Adoolessa keessa bishaan akka guuttu ibsite.
Waliigaltee malee bishaan guutuun qajeelfama biyyoonni sadan bara 2015 mallatteessan cabsa kan jettu Masriin, UN itoophiyaa irratti tarkaanfii akka fudhatu osoo hin taane mariitti akka deebitu dhiibbaa akka godhu barbaaddi.
Itoophiyaan immoo mariin kan adda cites Sudaan MM biyyattii waliin mari'achuuf yaada waan dhiheessitef malee mariin akka itti fufu kaasti.
Asirratti , xalayaa Itoophiyaan kaleessa barreessite keessatti guyyaa bishaan itti guutamu hin kaafne.
Itoophiyaafi Masriin waliigaluu danda'uu?
Itoophiyaan daangaa koo keessatti bishaan kiyyaan hidha ijaaree ummata miiliyoona hedduu hiyyuummaa keessaa baasuu akka barbaaddu himti.
Masriin immoo waliigalteen bara 1959 kabajamuu qaba. Dhimma laga abbayyaa irratti eeyyamni Masrii akka barbaachisu himti.
Sababoonni kunneen lamaan waliirraa fagoo waan ta'anif waliigaluun baay'ee isaan rakkisa jedhu yunivarsiitii Finfinnee irraa Pirofeesar Tasfaaye Taaffasaa.
Dabalataan, sababoota kaan alatti, Masriin adeemsa Itoophiyaaf hiika siyaasaa kennuun olaantummaa siyaasaaf morkataa jirti jechuun dubbatu.
Hidhi Abbayyaa yeroodhaan xumuramuu dhabuu isaatti Itoophiyaan silaa elektirikiin gurguramee waggaatti dolaara biiliyoona 1 argachuuf yaadde dhabaa akka jirtu MM Abiy Ahimad dhihoo ibsuun isaanii ni yaadatama.














