Hidha Haaromsa Abbay: Biyyoonni sadan akkaataa sadarkaan jalqabaa bishaan itti guutamurratti wal-hubannoorra gahan

Madda suuraa, EDUARDO SOTERAS
Itoophiyaa, Masiriifi Sudaan akkaataa Hidhi Haaromsaa Abbaay bishaan sadarkaa jalqabaa itti guutamuu, hanga bishaan naankaluurra yaa'uufi adeemsa akkamiin goginsi to'atamuu akka qabburratti walhubannoorra gahuu isaanii Ministeerri Bishaan, Jallisiifi Inarjii Itoophiyaa beeksise.
Ministeerichi ibsa har'a (Waxabajji 14, 2020) mariin biyyoota sadanii maalirra akka jiru ilaalchisee baaseen, danbiiwwan nageenya Hidhichaa, qorannoowwan dhibbaa naannoofi hawwaasummaa ilaalu gaggeessuu, akkasumas akkamitti akka qajeelfamawwaniifi danbiiwwan hojiirra itti oolfamuu qabanirratti walhubannoorra gahameera.
Marii dura bu'ummaa Sudaaniin gaggeefamaa jiru kanaan, biyyoonni sadeenuu Dilabata harraa qajeelfamwaaniifi danbiiwwan bu'aawwan marii gaggeeffamee wal jijjiiru jedhamee eegama.
Ministeerichi ibsa isaa kanaan dabaluunis, marii milkaa'aa guyyoota darban keessa taasifamaniif beekamtii kennaa, Itoophiyaan qabxiiwwan shanan asiin gadiitti tarreeffaman xiyyeeffannoon akka ilaaltu ibsiteetti.
Tokkofaa, mariin taasifamaa jiru akkaataa bishaan Laga Abbaayyaa qooddachuurratti miti.
Lamaffaa, Itoophiyaan akkaataa bishaan sadarkaa jalqabaa ittiin guutamuufi opperssehiniin Hidha Haaromsaa waggaadhaan akkam ta'uu akka qaurratti qajeelfmootafi danbiiwwn biyyoota lamaan waliin mallatteessite hojiirra oolchiti.
Sadaffaa, waliigalteen akkasii kun labsii ulaagaaee Bitootessa 2015 ture kan ulaalgaalee idil-addunyaa pirojektii Hidha Haromsa kanaaf ni hojjetu jedhamaniin ni qajeelfama.
Afraffa, yaaliin hawaasa addunyaa burjajessuuf taasifamu kamiyyu ykn ammoo duullii dhiibbaa cimaa uumuun akka Itoophiyaan waliigaltee bara sirna bittaa kaa'amee ture fudhachuun bishaan Abayyaa irraa kan isheef malu akka hin fayyadamne taasisuu fudhatama hin qabaatu.
Shanaffaa, waliigaltee gama hundaaf bu'aa buusuun (win-win) ta'een xumuruuf mariin qajeelaafi haqa qabeessi wal amanuufi iftoomina qaburratti hunda'e barbaachisaa akka ta'e Itoophiyaan cimsitee ni hubachiifti.
Haata'u malee, ibsa dubbii himaan Ministeera Qabeenya Bishaaniifi Jallisii Masirii Waxabajji 13, 2020 baasee ture kan nama gaddisiisudha jedha Ministeerri Bishaanii, Jallisiifi Inarjii Itoophiyaa.
Dubbi himaan sun "Mariin waliigalteef taasifamu sababii Itoophiyaatiif masiisaa ta'aa jira" jedhus dhugaan jiru garuu jijjiirama argamsiifneerra. Hanqinni yoo jiraatees sababii Masiriin waliigaltee durii kan bara sirna bittaa keessaatiin dhuunfattee qofaa itti fayyadamtu sanarratti cichuusheetiin ta'a jedheera ibsi kun.
Gara fuula duraattis, biyyoonni bu'aa marii waliigalteef taasisaa jiran kan ol kaayyachuun, dhimmoota hafan irratti waliigaluu barabaachisuuratti irratti mariyachuun itti fufuu jedha ibsi Ministeera Bishaanii, Jallisiifi Inarjii Itoophiyaa kun.
Mariin karaa viidiyoo konferaansiin taasifamaa jiru kun Wiixata Waxabajjii 15, 200 akka itti fufee gaggeeffamu Ministeerichi dabaluun beeksiseera.
















