Hidhaa Laga Abbayyaa: Sudaan Hidha Haaromsaarratti ejjennoo qabatte Mana Maree Nageenyaaf beeksifte

Hidha Haaromsa Itoophiyaa

Madda suuraa, EDUARDO SOTERAS

Sudaan dhimma Hidha Haaromsaa Guddicha ilalaalchisee xalayaalee jalqaba Itoophiyaan achiis Masriin Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniif barreesaniif xalayaa ejjennoo ishee ibsu ergite.

Xalayaan fuula 15 Ministeerri Haajaa Alaa Sudaan Mana Maree Nageenyaaf erge kun ejjennoo biyyattiin Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaan ijaaraa jirturratti qabdu ibseera.

Xalayaa kanaan Sudaan hidhi kun bu’uura jireenya lammiilee biyyattii miiliyoona 40 ta’uufi hojiilee qonna jallisii dhibbeentaa 70 ta’uu akka ta’e ibsiteetti.

Hidhi kun Sudaaniif fayidaas miidhaas akka qabus ibseera. Fayidaa Sudaan hidha kanarraa argattu keessa ijoon hanga biyaanii waggaatti argattu tasgabbeessuun dhiibbaa lolaan waqxii gannaatti uumu hir’isuudha.

Kun sirna jallisii ishee akka to’attu ishee gargaara.

Gama kaaniin hangi bishaanii fi ijaarsi hidhichaa akka ta’utti irratti waliigalamu baatee yoo itti fufe kanneen jireenyi isaanii yaa’a lagaa kanarratti bu’uureffamee kan miidhu ta’uu isaati.

Bu’uura kanaan mirga Itoophiyaan qabeenya uumamaa isheetti fayyadamuuf qabdu deeggaraa, dhiibbaa hin malle hidhi kun biyyoota yaa’a oliirratti qabaachuu danda’u irratti kanneen isaan ilaallatu waliin mariyachuu qabdi jedha xalayaan kun.

Dhimma bishaan guutuu

Ejjennoo hidha kanatti bishaan guutuu eegaluu waliigaltee biyyoota sadeenii jechuunis Itoophiyaa, Masriifi Sudaanii alatti akka hin taane ejjennoo qabachuu ishees Dhaabbata Biyyoota Gamtoonattii xalayaa kanaan beeksifteetti.

Mariin biyyoota sadeenii Guraandhala bara kanaa adda cite itti fufee, waliigalteen xumuraa, hunda hammataafi haqa qabeessa ta’e akka mallataa’uu tattaafachaa akka jirtus xalayaan kun ni ibsa.

Fuula Xalayaa Sudaan UNtti galchite

Ministirri Muummee Sudaan biyyootni lameen gara mariitti akka deebi’an hooggantoota Sudaaniifi Masrii waliin mariyachuunis ibsameera.

Sudaan dhimmi hidha kanaa marii fi waliigaltee qaamolee sadiin akka xumuramu fedha qabduun Manni Maree Nageenyaa qaamoleen hundi kophaa murteessanii akka itti hin fufne jajjabeessuu qabaa dhaamsa jedhu dabarsiteetti.

Itti dabaluunis Manni Maree Nageenyaa ejjennoo Sudaan deeggaruun biyyootni sadan marii waliigaltee xumuraan isaan gahutti akka deebi’an akka tumsu gaafatteetti.

Itoophiyaan xalayaa Eebla 10 Mana Maree nageenyaa Dhabbata Biyyoota Gamtoomaniif ergitee turteen marsaa jalqabaan hidha kanatti bishaan guutuu ji’oota booda akka eegaltuufi kuniis waggaa lama akka fudhatu ibsitee ture.

Hojiin kun hidha kana sirrii galaanaa irraa asii ol meetira 595’n akka gahu, kuusaaleen bishaanii ishees Kiyuubiik Meetira biiliyoona 18.4 akka qabatan kan gudhu ta’uu ibsitee turte.

Karoora ji’a kanarraa eegalee hidha kanatti bishaan guutuuf qabatteen kan itti fuftu ta’uu Mana Maree kanaaf mirkaneessitee ture.

Hidha kanatti marsaa duraan bishaan guutuuf Masrii irraa hayyama argachuuf dirqama seeraa hin qabus jechuun ibsiteetti.

Masriin Manni Maree kun adeemsa fi ejjennoo Itoophiyaa akka dhaabsisu ture kan gaafatte.