Hidha Haaromsaa Itoophiyaa: 'Biyyootni sadeen wal dhabdee dhimma hidha laga Abbayyaa karaa nagaa hiikuu qabu'

Madda suuraa, AFP
Barreessaa ol-aanaan UN Antooniyoo Guuteeres biyyootni sadeen Itoophiyaa Masiriifi Sudaan akkaataa waliigaltee bara 2015 taa'een karaa nagaa wal dhabdee Hidha Haaromsaa Itoophiyaa hiikkachuu qabu jedhan.
Guuteeres biyyootni sadeen wal dhabdee kamiyyuu akkaataadhuma michummaa isaanii duraan tureen walitti dhufanii hiikkachuu qabu jedhan.
Dhimma hidha laga Abbayyaa kana Guuteeres itti dhiyeenyaan akka hordofaa jirus dubbii himaan dhaabbatichaa ibsaniiru.
Marii Itoophiyaa, Masiriifi Sudaan gaggeessaa turanis haala gaariin adeemaa akka ture Guuteeres hubachuu isaaniii ibseera.
Antooniyoo Guuteeres akkaataa waliigaltee dhimma Hidha Haaromsaa bara 2015 taa'een hojjechuun furmaata fida jedhan.
Akkaataa Waliigaltichaatti biyyootni sadeen wal hubannaa, faayidaa waloo, wal amantaa gaariifi karaa seera idila-adunyaa kabajeen hojjechuuf walii mallateessaniiru.
Akkaataa waliiigaltee bara 2015tti hidhichi bishaaniin guutamuu ilaalchisee biyyootni sadeen yaada koreen teeknikaa biyyoota sadeeniifi idila- adunyaa dhiyeessan fudhatanii wal deeggaruun irratti hojjechuu qabu.
Kunis ijaarsi hidhichaa akkuma itti fufetti cinaatti ammoo akkaataa bishaniin guutamuu qaburratti waliigalteerra akka gahaniif akka isaan gargaaru ibsa.
Faayidaa waloo ilaalchisee humni ibsaa hidhicharraa argamu kan Itoophiyaan gurgurtu yoo tahu, dursa argachuu kan qaban biyyoota sadeen tahuus eera.
Waliigalticha keessatti itti fayyadamni bishaan Naayil biyya tokkorratti miidhaa yoo fide biyyi miidhaa kana dhaqabsiise karaa itti furuu qaburratti hojjechuu akka qabus ni eera.
Biyyootni sadeen irra deddeebiin haala hidhicha bishaaniin guutuun danda'amurratti marii gaggeessaa turanis, waliigaltee xumuraarra hin geenye.
Baankii Adunyaafi Ameerikaanis gidduugaluun akka biyyootni sadeen mariidhaan waliigaltee tokkorra gahan gochaa turaniiru.
Marii xumura kana taasisaniin garuu waliigaltee xumuraarra hin geenye. Ji'a Guraandhalaa keessa wixinee waliigaltee Ameerikaan qopheesite Itoophiyaan osoo hin mallatteessiin hafte.
Sudaaniifi Masiriin ammoo waliigaltee gar-tokkee guutinsa bishaanii hidhichaa qofa ilaallatu kan Itoophiyaan Ebla 10 qopheessite fudhachuu didan.
Itoophiyaan waliigaltee biyyoota sadeenii xumuraa malee hidhicha bishaaniin guutuu jalqabuu hin qabdu jechuun morman.
Waliigaltee jalqabaa Itoophiyaan akka mallatteesituuf Sudaaniif ergite MM Abdallaa Hamdok hin fudhanne.
Kana hordofee gaafa Caamsaa 1, 2020 Masiriin waldhabdee haala guutinsa hidhichaarratti biyyoota sadeen mudateef Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniif xalayaa ergiteetti.
Xalayicha keessatti Masiriin sadarakaa marii keessa darbaa turte ibsuun amma seera idila-adunyaa itti fayyadama bishaanii kan daangaa ce'u ilaalchisee jiruun akka ilaalamuuf akka barbaaddudha kan ibsame.
Caamsaa 11 Itoophiyaan ji'a Adoolessaa keessa hidha guddicha bishaaniin guutuu akka jalqabdu ibsiteeetti. Bara 2021 keessa humna ibsaa jalqabaa maddisiisuuf akka hojjetaa jirtus himuunshee ni yaadatama.
Xalayaa fuula 22 qabuun Itoophiyaan hidha biyyashee keessatti hojjechaa jirtu kana bishaaniin guutuuf Masiriirraa hayyama akka gaafachuu qabdu seerri dirqisiisu akka hin jirre ibsuun, Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniif ergiteetti.
Yuunvarsiitii Kaayirootti pirofesera seeraa kan tahan Mohaammad Samee Amiir, Itoophiyaan murtoo mataasheen qofa akka hidhicha hin guutneef seerri Idila-adunyaa ni dirqisiisa jedhan.
Mohaammad Samee Amir waggoota shanan darbaniif Masiriin karaa marii waliigalteerra gahuuf yaalii guddaa taasisaa turte jedhan.
Lagni Naayil hidda dhiigaa isa guddaa Masirii qofa osoo hin taane madda dinagdeefi tasgabbii hawwaasaatis jedhan.
Kanaaf, dhimma kanaaf seera ifa tahe hin keenyu taanaan Masirii keessattis tahe Baha Afrikaatti tasgabbiin hin jiraatu jechuu isaanii barruu 'Egypt Today' jedhu gabaase.
Sudaan gamasheen waliigaltee jalqabaa mallateessuu haa didduyyu malee tibba kana jilli tokko Finfinneetti dhimma hidha haaromsaa, rakkoo nageenya naannoo daanga fi ittisa COVID-19 irratti mari'ataniiru.
Marii marsaa 2ffaan ammoo Walakkeessa Waxabajjii keessa magaalaa Kaartumitti gaggeeffama.















