Itoophiyaa: Mariin dhimma Hidha Haaromsaa laga Abbayyaa deebi'ee itti fufuuf

Madda suuraa, Twitter/Abiy Ahmed Ali
Itophiyaa, Sudaan fi Masriin marii dhimma hidha haaromsaa guddicha Itoophiyaa itti fufuun mari'achuuf jedhu.
Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahmad fuula Twitter isaaniirratti akka barreessanitti, ministiroonni bishaanii biyyoota sadanii mariidhaan furmaata hunda fayyadurra ga'uu danda'u jedhan.
Dhiheenya daangaa Itoophiyaa fi Sudaan irratti hojjetamaa kan jiru pirojektiin kun, madda atakaaroo ta'aa yoona ga'eera.
Jireenyishee harka 90 bishaan Naayil irratti kan bu'uureffate Masiriin pirojektii kana akka gufuu jireenya lammiileesheetti ilaalti.
Kananis yeroo garaagaraatti yaada pirojekticha gufachiisu kaasuun beekamti.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X
Bitootessa darbe keessa Itoophiyaan jaarsummaa US diduun marii dhimma pirojektichaa keessaa of baaste.
Isa US osoo walii hin galamin Itoophiyaan bishaan guutuu hin eegaltu jettes komatte.
Gama kaaniin Itoophiyaa bira dhaabbachaa kan turte biyyi ollaa Itoophiyaa, Sudaan waliigaltee jalqabaa Itoophiyaan akka mallatteesituuf ergite MM Abdallaa Hamdok hin fudhanne ture.
Sudaan waliigaltee jalqabaa mallatteessuu haa didduyyu malee, tibba kana jilli tokko Finfinneetti dhimma hidha haaromsaa, rakkoo nageenya naannoo daangaa fi ittisa Covid-19 irratti mari'ataniiru.
Marii marsaa 2ffaan ammoo Walakkeessa Waxabajjii keessa magaalaa Kaartumitti gaggeeffama.
Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii maal jedhe?

Madda suuraa, YouTube/Bereket Tesfaye
Barreessaa ol-aanaan UN Antooniyoo Guuteeres biyyootni sadeen Itoophiyaa Masiriifi Sudaan akkaataa waliigaltee bara 2015 taa'een karaa nagaa wal dhabdee Hidha Haaromsaa Itoophiyaa hiikkachuu qabu jedhan.
Guuteeres biyyootni sadeen wal dhabdee kamiyyuu akkaataadhuma michummaa isaanii duraan tureen walitti dhufanii hiikkachuu qabu jedhan.
Dhimma hidha laga Abbayyaa kana Guuteeres itti dhiyeenyaan akka hordofaa jiran dubbii himaan dhaabbatichaa ibsaniiru.
Marii Itoophiyaa, Masiriifi Sudaan gaggeessaa turanis haala gaariin adeemaa akka ture Guuteeres hubachuu isaaniii ibseera.














