Itoophiyaa, Sudaaniifi Masriin dhimma Hidha Haaromasaarratti mari'atan

Madda suuraa, Getty Images
Itoophiyaa, Sudaan fi Masriin marii hidha haaromsaa adda citee turetti deebi'an.
Ministiroonni bishaanii biyyoota sadanii Kibxata, Waxabajjii 09 bara 2020 bakka taajjabdoonni argamanitti gama viidiyoon wal arganii mari'achuu Ministeerri Bishaan, Jallisii fi Inarjii Itoophiyaa beeksiseera.
Marichi hidha bishaan guutuu fi hamma bishaanii waggaa waggaan gadi dhiifamurratti kan fuulleeffate ture jedha ibsi kun.
Taajjabdoonni marii kanarratti argaman Afrikaa Kibbaa, Gamtaa Awurooppaa fi Ameerikaa akka ta'anis dabalee himeera.
Biyyoonni sadan arma dura taajjabdummaa Ameerikaa fi Baankii Addunyaatiin marii eegalanii waliigalteerra gahuu dhabuun adda kutuun isaanii ni yaadatama.
Itoophiyaan wanti akka irratti waliigaamuuf dhiyaate faayidaa biyyaalessaa ishee kan miidhu jechuun ture sanada waliigaltee qophaa'e kan mallatteessuu didde.
Marii ammaan maal mari'atan?
Akka ibsi Ministeera Bishaan, Jallisii fi Inarjii Itoophiyaa jedhutti, biyyoonni sadan sirnaa fi adeemsa marii, dhimma taajjabdootaa fi dhimmoota marii amma dura xumura hin argatiin irratti waliin dubbataniiru.
Biyyoonni sadanuu dhimmoota irratti mari'atamuu qaba jedhan kan dhiyeeffatan yoo ta'u, guyyoota itti aanan itti fufiinsaan mari'achuuf waliigalaniiru.

Madda suuraa, ASHRAF SHAZLY
Haa ta'u malee gahee fi hirmaannaan taajjabdootaa maal ta'uu akka qabu waliigalteerra hin gahamne jedhe ibsi kun.
Mariin kun guyyaa har'aas itti fufee kan mari'atamu ta'uus himeera.
Mariin ammaa kun hidhicha bishaan guutuu fi hamma bishaanii waggaa waggaan gadi dhiifamu qofarratti kan daangeffame ta'a jedha.
Itoophiyaan akkuma gaaf kaanii dhimma hidha haaromsaa mariin furuuf ejjennoo jabaa qabdi jedha ibsi Ministeera Bishaan, Jallisii fi Inarjii Itoophiyaa kun.
"Kadhaan nu nuffisiiseera"
Wiixata darbe gaaffii miseensota paarlamaarraa dhiyaateef deebii yeroo kennanitti Ministirri Muummee Abiy Ahmad boodatti harkifachuun pirojektii kanaa biyyattii baasii hin malleef saaxilaa jira jedhan.
Mormiin gama Masiriifi Sudaaniin dhiyaataa jiru jiraatullee Itoophiyaan ijaarsa Hidha Haaromsa Itoophiyaa xumuruuf jirtis jedhanii turan.
Piroojektiin kun yoo xumuramu akka Afriikaatti hidhaa humna ibsaa maddisiisu isa guddaa ta'a. Ijaarsi pirojektichaa bara 2011 ture kan eegalame.
"Kadhachuun nu nuffisiiseera. Fedhiin guddinaaf qabnu biyyoota biroo kaayyoo miidhuu qabaachuu jechuu miti," jechuun dubbatan.
Hidhaan Haaromsaa Itoophiyaa kun hariiroon dippilomaasii Masiriifi Sudaan waliin qabnu akka hammaatuuf pirojektii uumame mitis jedhanii ture.













