Hidha Haaromsaa: 'Masiriin Hidhi Abbayyaa waan miidhuuf osoo hin taane ol-aantummaa siyaasaaf mormiti'

Hidha Guddicha Abbayyaa Itoophiyaa

Madda suuraa, Ministeera Dhimma Alaa Itoophiyaa

Ibsa waa'ee suuraa, Hidha Guddicha Abbayyaa Itoophiyaa

Itoophiyaafi Masiriin haala amma jiruun dhimma hidha guddicha Abbayyaa irratti waliigaluun baay'ee ulfaataa tahuu danda'a jedhan Yuunvarsiitii Finfinnee kolleejjii Saayinsii Hawwaasaatti Dhaabbata qorannoo Afrikaa keessa kan hojjatan pirofeesar Tesfaayee Taaffasaa.

Itoophiyaa, Masirii fi Sudaan itti fayyadama bishaan laga Abbayyaa fi dhimma hidha Haaromsaa guddichaa irratti erga marii jalqabanii waggootni torbaa ol darbaniiru.

Itoophiyaan hidhi guddichi lammiilee Itoophiyaan hojjetamaa jiru kun Masirii irratti miidhaa fidu hin qabu jetti. Masiriin garuu tasumaa yaadichatti walii hin galtu.

Itoophiyaan gama isheen akkaataa seeraa idila adunyaa bishaan daangaa ce'ee deemu ilaalchisee jiruun karaa sirrii taheen qabeenya uumamaa koo waan taheef akka biyya tokkootti mirga guutuun qaba jechuun mormiti.

Biyyootni sadeen hidhi kun miidhaa qabaachuu danda'u irratti irra deddeebiin qorannoon akka gaggeeffamu taasisaniiru.

Haa tahu malee marii dhiyeenya gaggeessaa jiran irratti bu'aan qorannichaa akka waliigalaniif dhiibbaa yeroo taasisu himamaa hin jiru.

Yuunivarsiitii Finfinnee irraa pirofeserTesfaayee Taaffasaa ejjennoon Masiriin qabattee deemaa jirtu baay'ee cimaa waan taheef biyyotni kunneen marii kana irratti waliigaluu dhiisuu danda'u jedhan.

Masiriin laga Abbayyaa waliin hidhata seenaa fi uumamaa qabna; hanga ammaattis nutu itti fayyadamaa ture waan taheef nageenyi fi faayidaan keenya yoo nuuf hin mirkanoofne fayyadamuu hin dandeessan kan jedhu ejjennoo isaanii isa cimaadha jedhu Pirofeser Tasfaayeen.

Kun ammoo Itoophiyaafis waan hin liqimfamneef fudhatama hin qabu jedhu.

'Yeroo hidhichi guutamu irratti Itoophiyaan ejjennoo ishee jijjiiruu hin qabdu'

Itoophiyan hidha Abbayyaa waggoota shan keessatti guuttee xumuruu barbaaddi. Haa tahu malee kun marii jalqabaa irraa eegalee hanga ammaatti Masiriif hin fudhatamne.

Itoophiyaan karoora baaste kana dhiistee yaada Masirii fudhannaan dhaloota itti aanullee gatii kaffalchiisuu kan danda'udha jedhu Pirofeser Tasfayeen.

Ejennoon Masirii hidhi kun suuta suuta waggoota 11- 21 gidduutti guutamuu qaba kan jedhuufi yeroo gogiinsi uumamu ammoo bishaanuma kuufamee jiru irraallee Itoophiyaan akka gadi dhiistu kan jedhudha.

Pirofeser Tasfaayeen kun birmadummaa Itoophiyaan akka biyyaatti qabdu akka tuquuti dha jedhu.

Goginsa yeroo gabaabaas tahe yeroo dheeraa waan uumamaan mudachuu danda'udha malee waan Itoophiyaan Masiriitti fiddu miti jedhanii, kanaaf dhimma Itoophiyaan rakkina isaanii baattuufiif hin qabdu jedhan.

Ministira Bishaan, Jallisii fi Inarjii Dr Injinar Silashii Baqqalaa marii Kaartuum irratti

Madda suuraa, ASHRAF SHAZLY

Ibsa waa'ee suuraa, Ministira Bishaan, Jallisii fi Inarjii Dr Injinar Silashii Baqqalaa marii Kaartuumitti taasifame irratti

Masiriin hidha guddaa bishaan meetir kuubii biiliyoona 170 qabatu Aswaan qabdi. Hidhi guddicha Itoophiyaa garuu bishaan meetir kuubii biliyoona 74 qabata.

Kanaaf yaaddoo goginsaa kan qaban yoo tahe yeroo Itoophiyaan waggoota shan keessatti hidhicha guuttu hanqina bishaanii xiqqoo uumamuu danda'u sana hidha isaanii irraa gadhiisanii fayyadamuu danda'u jedhan.

Pirofeser Tasfaayeen hidhi kun erga bishaaniin guutamee yaa'i bishaanii akkuma duraanii tarbaayinii rukutee waan darbuuf Masiriif yaaddoo uumu hin qabu jedhu.

Dabalataan hidhichi kan guutamu yeroo waqtii gannaa roobni gahaan jiru waan taheef Masiriif waan yaaddoo uumu miti jedhan.

Itoophiyaan maatii hiyyeessaa irraa osoo hin hafiin humna qabduun hidha kana hojjettee bu'aa isaa arguuf waggoota hamma kana eeguu hin qabdu jedhan.

Nageenya Hidhichaa....

Hidhi Guddicha Itoophiyaa baajataanis tahu humna namaan lammiilee Itoophiyaan hojjetama jedhamee eegalame.

Ogeesonni ijaarsa isaa irrattis hirmaatan lammiilee Itoophiyaa qofa waan turaniif bifa tuffiin ilaalaa turan. Beekumsiifi muuxannoon Mahaandisoota Itoophiyaa gadi bu'aa waan taheef nageenyi hidhichaa nu yaaddessa jedhanii akka sababaatti Masiriin akka kaastus himu.

Haa tahu malee hidhichi qulqullina guddaan hojjetamaa jiraachuu isaa osoo beekanii falmiif itti fayyadamu jedhan.

Ogeesonni idil-adunyaa haala ijaarsa isaa kanaan dura ilaalanii qulqullina isaa dinqisiifataniiru.

Dabalataan ministeerri bishaanii Sudaan hidhi haaromsaa Itoophiyaa hidha Sudaan keessa jiruufi Aswaan kan Masirii keessaa jiru caalaa qulqullina qaba jedhanii ragaa bahuu isaanii piroofeser Tasfaayen dubbatu.

Masirin garuu hidhichi ijaaramee osoo hin xumuramiinis bishaaniin guutuun jalqabuu hin qabu jedhu. Sobaan yaaddoo guddaadha jechuun lammiilee Sudaanis yaaddessuun akka mootummaan Sudaan isaan cina dhaabbatu gochaa jiru jedhu.

Hidhi Abbayyaa kun rakkoo xiqqaa godhatee osoo bishaan gadhiifame ykn hidhichi cabe jalqaba balaa kanaan kan rukutamtu Sudaan waan taheef akka yaaddootti kaasanii falmiif itti fayyadamu jedhan.

Hidhi haaromsaa amma ijaarsi isaa 70% ol irra gahe qulqullina gaariin hojjetamaa jiraachuu isaa hojii gaggeessaan hidhichaa injiiner Kiflee Horroo yeroo garaagaraatti ibsaa turaniiru.

Masiriin ol-aantummaa siyaasaaf mormaa jirti

Pirofeser Tasfaayeen qondaalonni Masirii uummata isaaniis osoo hin sobin hin hafne jedhan. Lammiileen Masirii akka qabeenya guddatti waan ilaalaniif akka callisanii hin ilaalle uummata isaaniif waadaa galanii booda bakka galan waan dhaban fakkatu jedhu.

Dabalataan hidha kana callisanii ilaaluun akka waan mo'amaniitti fudhachuu danda'u.

Masiriin Biyyoota Afrikaa keessaa humna guddaa akka qabdutti ilaalamaa turte. Ol aantummaa siyaasaa waggoota dheeraaf qaban irraa ka'uun Itoophiyaa tuffataa turaniiru.

Hidha haaromsaa guddicha Itoophiyaa

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Hidhi haaromsaa amma ijaarsi isaa 70% ol xumuramee jira

Amma garuu haalli waan jijjiramaa dhufeef ol aantummaa siyaasaa qaban ture sana tursiifachuu barbaadu waan taheef callisuu hin barbaanne jedhu Pirofesr Tasfaayee Taaffasaa.

''Ulfina keenyatti bu'ame jedhanii yaadu. Sodaatamuu qabna ture, '' yaada jedhu yeroo baay'ee qabu jedhan.

Dhimmi hidha Abbayyaa kun siyaasa Baha Afrikaa keessaa jijjiiruu danda'a jedhu. Itoophiyaan hidha kana yoo xumurtu kallattii hundaan biyya dhaggeettii gudddaa kana caalaa qabdu tahuu malti.

Dabalataanis lageen kaan irratti hidha gara biraafi jallisii hojjechuu dandeessi jechuun sodaa qabu jedhan.

Masiriin yoo hidha kana callisnee ilaalle biyyootni akka Keeniyaa, Ruwaandaa, Ugaandaa fi kaanis akkasuma ka'anii bishaan kanatti fayyadamuu qabna jedhanii ka'uu waan danda'aniif ammuma cimsinee morminee waa argachuu qabna jedhanii hojjechaa jiru jedheen akka ogeessa tokkootti yaada jedhan Pirofeser Tasfaaayeen.

Jaarsummaa fi Taajjabdoota

Baankiin Adunyaafi Ameerikaan marii biyyoota sadeenii gidduu galuun walitti fiduuf yaalaa turaniiru. Haa tahu malee Ameerikaan wixineen dhiyeessite fedha Itoophiyaa waan miidhu ture jedhamuun waliigaltee malee mariin Waashingitanitti taasifamaa ture xumurame.

Guraandhala 27-28 bulchiinsi Doonaaldi Tiraampi yeroo 5ffaaf marii ministeerota biyyoota sadeenii waaman irratti Itoophiyaan osoo hin hirmaatiin hafte.

Masirii fi Sudaan maricha irratti hirmaataniiru. Wixinee Ameerikaan yeroo sana qopheessitee akka Itoophiyaan mallatteessitu gaafatte qabxiilee gurguddoo sadii of keessaa qaba jedha gabaasni Aljaazeera yero sana bahe.

Waliigaltee xumuraa malee hidhichi guutamuu akka hin qabne, kan 2ffaa erga mariin xumuraa gaggeeffamee waliigaltee Ameerikaan Baankii Adunyaa waliin tahuun qopheessite mallatteessuu fi kan xumuraa tarkaanfiiwwan nageenya hidhichaaf gargaaran hundaa akkaataa seera idila adunyaan raawwachuu qabdi kan jedhudha.

Itopphiyaan garuu ijaarsa isaan cinatti bishaan guutuu akka jalqabdu ibsiteetti. Kunis ji'a Hagayya Fuuldura keenya jiru keessatti akka jalqabdu ibsitee lafa kanaaf tahus qulqulleessuu jalqabaa jirti.

Masrii amma biyyootni sadeen gaggeessaa turan kan taajjaban ammoo Gamtaa Awurooppaa fi Afrikaa Kibbaati. Pirofeser Tasfaayeen Gamtaan Afrikaa dhiimma kana giduu galuun osoo mariisiseera tahee gaarii taha jedheen amana jedhu.

Taajjabdootas tahe qaamonni hirmaatan kaan Afrikaa irraa tahuu qabu yaada jedhu qabu.

Ameerikaan kan gidduu galtuuf dhimmichi bu'aa siyaasaa waan isheef qabuufidha jedhu. Ameerikaan siyaasa naannoo baha gidduugaleessaa kan to'achuu dandeessu karaa Masiriiti.

Dabalataan Doonaaldi Tiraampi Israa'el ilaalchisee ejjennoo qaban karaa Masirii raawwachuu barbaadu. Kanaas fedha Masirii eeganii gammachiisuuf waan hojjetaniif fedha Itoophiyaan qabdu irratti dhiibbaa taasisuu barbaadu jedhu pirofeser Tasfayeen.

Biyyootni sadeen tibbanas mariitti kan turan yoo tahu Masiriin bishaanicha qofaatti fayyadamuu waan barbaadduuf waliigalteerra gahamaa akka hin jirre ibsameera.

Itopphiyaan marii kana keessaa Masiriin kan baatu yoo tahe isheenis deebitee akka marichatti hin galle ibsiteetti. Biyyootni sadeen waliigaltee irra gahuu dhabuun yaaddoo dippilomaasii Baha Afrikaa keessatti uumuu danda'as jedhu hayyootni siyaasaa.