Hidha Haaromsaa: Hidha laga Abbayyaa Masrii fi Itoophiyaa jidduu dhibdee uume

Madda suuraa, Getty Images
Wal diddaa Masri fi Itoophiyaa jidduu jiru furuuf marii fi hojileen dippiloomasii hojjetamaa jiranillee aanga'oonni biyyoota lamaanii jechootaa walitti daddarbachuu irraa booddeetti hin jenne.
Dhiyeenya kana manni maree nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomani (UN) hidha haaromsa Itoophiyaa irratti viidiyoon wal gahee bakka aanga'ooti biyyoota lamaanii argamanitti mari'ateera.
Hidhi Haaromsaa kan laga Abbayyaa (Naayil) irratti ijaaramaa jiru, biyya yaa'a gadi kan taatee fi bishaan laga kanaarratti irkattee kan jiraattu Masriif yaaddoo guddaa uumeera.
Hidhichi Itoophiyaan yaa'a bishaanichaa guutummaatti akka to'attu ishee taasisa jetti Masriin.
Madda jireenya lammilee Masrii miliyoona 100 olii tuquun, balaa jiraachuu dhabuun wal madaaludha.

Afrikaa keessatti hidha bishaan irraa elektiriikii maddisiisu isa guddicha kan ta'e hidhi Haaromsaa lammilee Itoophiyaa miliyoona 65 ol dukkana keessaa baasa abdii jedhuutu gama Itoophiyaan jira.
Ijaarsi hidhichaa bara 2011 eegale gara xumuramuu jala gaheera.
Aanga'oota Itoophiyaa fi Masrii marii mana maree nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniirratti hirmaataniif egereen biyyoota lamaaniii rakkoo keessa jira.
"Madda jireenya lammilee Masrii miliyoona 100 olii kan tuqu waan ta'eef, balaa jiraachuu dhabuun wal madaalu kan biyya keenyatti aggamame" jedhan Ministirri Haajaa Alaa Masrii Saamii Shuukrii.
UN'tti ambaasaaddara Itoophiyaa kan ta'an Taayyee Atsqasillaasees jechoota wal fakkaataa fayyadaman: "Itoophiyaafis qabeenya bishaanishee fayyadamuun filannoo osoo hin taane, dhimma jiraachuuti" jedhan.
Hiidhicha bishaan guutuu
Biyyoonni lamaan dhimmoota teeknikaa hedduurratti waliigalanis ammatti dubbiin ijoo falmisiisaa ta'e hidhicha yoomii fi akkamiin bishaan haa guutamu kan jedhudha.
MAriin Sudaan dabalatee biyyoota lamaan jidduutti ganna hedduuf deemaa ture kanaaf fala hin fidne.
Itoophiyaan waliigalteen gahamus gahamuu dhabus hidhicha bishaan guutuu eegaluuf jetti. Guutummaatti bishaan guutuun hanga ganna torba fudhachuu mala.

Madda suuraa, Getty Images
Itoophiyaan ijaarsa hidhichaa fi bishaan guutuu gargar baastee hin ilaaltu.
"Hidhi kan ijaaramuuf bishaan akka guutamuufi" jedhan dubbi himaan ministeera Haajaa Alaa Itoophiyaa ambaasaaddar Diinaa Muuftii, VOA'tti yoo himan.
Itoophiyaa bakka bu'uun marii biyyoota sadanii irratti kan hirmaatan keessaa tokko kan ta'an Obbo Zarihun Abbabaa, "masriin akka waan hidha ijaaruufi bishaan guutuun gargar ta'eetti hawaasa idil-addunyaa burjaajessaa jirti" jechuun BBC'tti himan.
Waliigalteen qajeeltowwani biyyoonni sadan bara 2015 mallatteessan Itoophiyaan bishaan akka guuttu ni hayyama jechuun falmu.
MAsriin garuu akkasiin miti kan ilaaltu.

Madda suuraa, Waajjira Pireezidantii US
Bara darbe jaarsummaa Ameerikaa fi Baankii Addunyaan biyyooti sadan waliigaluu erga dhabaniin duuba amma Gamtaan Afrikaa jaarsummaan dubbicha qabatee jira.
Itoophiyaan waliigaltee jaarsummaa Ameerikaan yeroos qophaa'e fedhii biyyaalessaashee hin eegu jechuun mallatteessuu didde.
Waliigalteewwan bara kolonii
"Waliigaltee malee hidhicha bishaan guutuu fi sochoosuu eegaluun muddama naannicha keessa jiru dabaluun naannoo duraanuu nageenya amansiisaa hin qabne keessatti walitti bu'iins abiraa dhaluu mala" jedhan Obbo Shuukriin.
Ejjennoo jijjiiruu fi mirga itti fayyadama ammaa waliigaltee bara koloniin walitti hidhuun Masrii kan komattu Itoophiyaan dhimmicha UN caalaa Gamtaan Afrikaa akka qabatu feeti.
MM Abiy Ahimad dhimmichi gara Gamtaa Afrikaatti akka deebi'u ta'uun Itoophiyaan injifannoo dippiloomasii guddaa jechuun paarlaamaatti dubbatan.
Masriin bara 1929 waliigaltee mallattaa'e kan Ingiliiz mirga uumaamaa fi seenaa itti fayyadama bishaan laga Naayil Masriif itti kennite eerti.
Waliigaltichi ijaarsa biyyoota yaa'a olii keessatti lagicha irratti ijaaramuu kamuu irratti murteessuuf Masriif aboo kenna.
Bara 1959 ammoo Masrii fi Sudaan bishaan laga Naayil qooddatanii waliigaltee waliif mallatteessan. Masriin harka guddaa fudhatte.
Waliigaltee lamaanuu keessatti biyyoonni yaa'a Naayil hafan 9 maqaan isaaniituu hin eeramne.

Bishaan lagaa kanaa keessaa harki 80 Itoophiyaa keessaa madduu eeruun Itoophiyaa itti fayyadamuu dhorkuun 'daba seenaati' jedhu Obbo Zarihun.
Masriin waliigaltee bara 1959 keessatti hamma bishaaniif isheef mala jedhamee argataa turte ammas argachuu feeti jechuun qeequ.
Itoophiyaan hamma bishaanii gadi dhiifamu osoo hin xiqqeessiin suuta suuta bishaan hidhicha guutuuf yaaddi.
Hammi bishaanii gadi dhiifamu haala roobaa fi gogiinsa jiru irratti hundaa'as jetti Itoophiyaan.
Hamma bishaanii dhaabbataa ta'e Masriif gadi dhiisuun wayita gogiinsi mudate hidhichi bishaan isaa hir'atee hojii akka dhaabu taasisa.
Lammileen biyyoota lamaanii dhimma kanarraa fedhii guddaa qabu. Waliigalteen garam akka deemus xiyyeeffannaan hordofaa jiru.
Lammileen Itoophiyaa hedduun maallaqa walitti buusanii hidha kana ijaarsisaa turan.
Tibbana danqaaleen siyaasaa hedduun isa mudachaa kan jiru MM Abiy dhimma kana lammilee of duuba hiriirsuuf itti fayyadamuu mala














