Hidhaa Laga Abbayyaa: Sudaan ammallee otoo waliigalteerra hin gahamin Hidhichi akka hin guutamne UN gaafatte

Madda suuraa, The Grand Ethiopian Renaissance Dam
Sudaan dhimma Hidhaa Guddicha Laga Abbayyaarratti ijaaramaa jiruratti marroo haaraan xalayaa Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniif kaleessa Roobii galchiteen, ''Itoophiyaan hidhicha guutuuf adeemuun ishee nu yaaddesseera,'' jette.
Xalayaa Ministirri Dhimma Alaa biyyattii Asmaa Mohaammad Abdallaa mallatteessan, kun akka agarsiisutti biyyattiin ''haga waliigalteerra gahamutti qaamni kamuu hidhicha guutuu akka hin jalqabne ibsuu barbaanna,'' jetteetti.
Xalayaan kunis erga Masrii fi Itoophiyaan walduraa duubaan xalayaa ejjannoosaanii ibsu Mana Marichaatti erga galchanii boodadha.
Guyyootaan duras Ministirri Hajaa Alaa Itoophiyaa Gadduu Andaargaachoo, otoo qaamoleen naannoo fi ardii jiranii Masriin dhimmicha gara UNtti geessuunshee sirrii miti jedhan.
Hidhicha bishaaniin guutuufis ''barri kun carraa gaarii waan taheef,'' guutuu akka jalqabdus beeksisan.
Xalayaa Sudaan barreessite kanaan hojiilee kaka'umsa MM biyyattii Dr. Abdallaa Hamdookiin hojjetaman eerti.
Isaan keessaas mariin dhaabbatee ture akka irra deebiin eegalamuufi taajjabdoota biyyoota Afrikaa Kibbaa, Ameerikaafi Gamtaa Awurooppaa affeeruun maricharra akka hirmaatan godhaniiru jedha.
Caamsaa 19 haga Waxabajjii 17tti mariiwwan torba gama vidiyoo konfaransiin akka taasifamaniifi Sudaanis qaamolee lamaan walitti fiduuf shoora olaanaa taphatteetti jedha.
Dhimmoota teeknikaa ijoorratti qaamoleen hundi waliigaltee sadarkaa barbaachisuurra gahuusaanii Sudaan akka amantu eeruun, wixineen xumura jaarsummaarratti qophaa'e fedhiifi sodaa qaamolee hundaa kan hammate tahus eera xalayaan kun.

''Fedhiin gaarii siyaasaafi kutannoon qaamolee hundaa yoo jiraate, waliigaltee seena-qabeessa tahe kana fiixaan baasna,'' jedha xalayichi.
Haatahu malee, ''Itoophiyaan waliigalteerra osoo hin gahamin Hidhaa Haaromsaa guutuuf adeemuun ishee nu yaaddesseera,'' jedhan Ministirri kun.
Kanas fakkeenyaan deeggaruun ibsu - Hidhaan Roseires Sudaan, Hidhaa Haaromsaa Guddichaa Itoophiyaarraa fageenya km 15 qofarratti argama.
Hidhaa Itoophiyaan ijaartu kana waliin walbira yoo qabamu, hidhaan kun harka kudhan keessaa harka tokkodha, lubbuun namoota miiliyoonaan lakka'amanis balaarra bu'a jedha.
Kanaafis qabxiilee sadi murtee isaanii agarsiisu kaahu:
- Gaggeessitoonni biyyoota sadanii dhimmoota irratti walhingalamiin hiikuun, waliigalteerra akka gahan.
- Qaamoleen hundi wixinee Sudaan dhiyeessite fudhachuun, waliigaltee xumuraaf bu'uura akka godhatan.
- Haga waliigalteerra gahamutti qaamni kamuu hidhicha guutuu akka hin jalqabne ibsuu barbaanna.
Ministirri kun xalayaa isaanii wayita xumuranitti ''Akka amantaa Sudaanitti, carraan waliigalteerra gahuuf jiru hanguma yeroon deemutti dhiphachaa deema,'' jedhan.
Xalayaan Itoophiyaan guyyootaan dura barreessite hoo maal jedha?
Masriin xalayaa UN'tti barreessiteen hidhi Itoophiyaan ijaartu kuni nageenyaafi waliigaltee idil-addunyaaf yaaddessaadha jechuun ibsiteetti.
Ministirri Dhimma alaa Itoophiyaa Obbo Gadduun xalayaa Masriin ergiteen kanaaf deebii kannuuf barreessuuf dirqamuu himan.
Masriin dhimmicha gara UN geessuun ajaa'iba nutti hin taane kan jedhan Obbo Gadduun, galma ga'iinsa marii biyyoota sadiif Masriin gumaachuu hin feetu jechuun ibsan.
Mariicha sadarkaa idil - addunyaatti geessuu isheefis qeeqaniiru.
Obbo Gadduun mariin biyyoota sadanii keessumaa dhimma teknikaa irratti torban muraasa darban fooyya'aa akka dhufe kaasu. Kunis, carraaqqii Itoophiyaan akka raawwate ibsani.
Itoophiyaan mariitti iitti fufuu barbaaddi kan jedhan Obbo Gadduun, inumaa mariin kanarra akka saffisu barbaanna ture garuu 'mirga itti fayyadama' Masriin kaasteetu duubatti nu harkisa jechuun ibsan.
Haa ta'u malee, Masriin waliigaltee bara 1959 Sudaan waliin bishaan Abbayyaa qooddachuuf waliigalan xalayaa Jimaata darbe UN'tti ergite keessatti hin ibsine.
Kana kan qeeqan Obbo Gadduun, sababni ijoo biyyoonni sadan itti waliigaluu dhaban dhimma waliigaltee kanaati jechuun Itoophiyaan waliigaltee waggoota 60 dura ture keessa akka hin jirre ibsaniiru.
Mariin taasifamaa jirus kan qoodinsa bishaanii osoo hin taane dhimma yaaddoo ijaarsa hidha qofaarratti kan xiyyeeffate akka ta'e xalayaa keessatti katabaniiru.















