'Haleellaan Saayibarii sun osoo fashaluu baate biyya balaarra buusa' INSA

Ejensii Nageenya Odeeffannoo Itoophiyaa

Madda suuraa, Ejensii Nageenya Odeeffannoo Itoophiyaa

Sanbataa fi Dilbata darbe gareeleen marsatii cabsanii seenan yookiin hackers biyya Masrii eenyummaansaanii hin beekamne Itoophiyaarratti haleellaa raawwachuu Ejensiin Nageenya Odeeffannoo Itoophiyaa(INSA)n beeksiseera.

Haleellaan kun marsariitii ministira saayinsii fi teeknooloojii duraan itti fayyadamaa ture dabalatee marsariitiiwwan mootummaa fi dhuunfaa 18 irratti kan raawwatame ta’uu Daarektarri Olaanan Ejensichaa Kaffiyaaloo Tafarraa ibsaniiru.

‘’Ka’umsi aggaammii sanii Masrii ta’us eenyu akkaataa kanaan gurmaa’ee haleellaa kana akka raawwate hin beekamu.’’ Jedhan Obbo Kafaaloon.

‘’Gareen kun qindaa’ee yakka kan raawwatuu fi mosaajiiwwan mootummaa kanaan dura kalqamanii lafa taa’aa jiran 18 cabsanii seenan. Mosaajiiwwan kunneen to’atanii ajandaa hololaaf itti fayyadamuu yaadaniiti’’ jedhan qondaalli kun.

Garuu yogguma sana hatattamaan tarkaanfii fudhanneen osoo jarri haleellaa hin raawwatin dhimmicha akka fashalaa’u gooneerra jedhan.

‘’Osoo kun fashalaa’uu baatee haalli kun babal’achaa deemee dameewwan maallaqaarraan miidhaa ga’uu danda’a. Sararoota quunnamtii kan akka Ethio Telecom’faa osoo dhuunfatanii silaa balaa guddaa fiduu danda’a.’’

Haleellaan saayibarsekiyuritii maali? Miidhaa akkamii qaba?

Mosaajiiwwanii fi marsariitiiwwan wayita kalaqaman yookiin haaraa uumaman ulaagaan guutuu qaban keessaa tokko, nageenyummaansaanii mirkanaa’uu qaba kan jedhan Obbo Kaffaaloon, kana ta’uu baannaan qaawwaatu uumama jedhan.

‘’Gareen yakka saayibarsekiyuritiin raawwatan wayita hanqinni uumamu qaawwaa uumame fayyadamanii seenuun abbaa itti ta’u. Abbaa kalaqerraa fuudhanii ofii abbaa itti ta’u. Isa booda waan fedhan irratti maxxansu’’

Gareen haleellaa raawwatan kunneen maxxansaalee xiinsammuu namaarratti dhiibbaa fidan maxxansuun alatti maallaqaa fi qabiyyee namaas ni saamu jedhan Obbo Kaffaaloon.

Balaan inni qaqqabsiisu akka biyyaattis ta’u akka nama dhuunfaatti baay’ee hamaadha kan jedhan Obbo Kaffaaloon,’’Keessattuu sarara telekoomii qabannaan iccitii motummaa fi lammii biyya kanaa to’achuu waan danda’aniif miidhaa garaagaraa biyyattiirraan ga’u’’ jedhan.

Balaan haleellaan saayiberii qaqqabsiisu baay’ee hamaa waan ta’eef, qaamni hojii kalaqa mosaajii fi marsariitii hojjetu dhimma nageenyummaasaaniillee ilaalcha keessa galchuu qaba.

‘’Haguma nu fayyadan miidhaas waan geessisaniif kunis itti yaadamuu qaba. Yeroo kalaqaman qofa osoo hin taane itti fufiinsaan sakatta’amaa, qaawwi yoo argame cufamaa deemuu qaba. Kana ta’uu baannaan balaa ulfaataa qaqqabsiisa.’’

Haleelaawwan akkanaa qolachuuf INSA'n ga’umsa qabaa?

Ergamoota Ejensii Nageenya Odeeffannoo Itoophiyaa(INSA) keessaa inni tokko haleellaawwan saayibsekiyuritii qolachuudha jedhan Obbo Kaffaaloon.

‘’INSAn namoota aggaammii akkanaa qolachuuf dandeettii qabaniin ijaarame. Aggaammiin akkanaa haala walfakkaatuun miti kan deemu, haala jijijjiirrachaa deema. Nutis kanarraa barachaa deemna. Dhaabbatichi of guddisaa deema. Kanaaf haleellaa akkanaan qolachuuf qophiidha’’ jedhan.

INSAn sadarkaa gaariirra waan jiruuf osoo aggaammiin kun balaa hamaa hin qaqqabsiisin akka fashalaa’ukan godhame jedhan.