Hokkarri uumamuun 'marii Hidha Guddichaa Abbayyaa irratti taasifamuuf ture boodatti hambise'

Hidha Laga Abbayyaa

Madda suuraa, Getty Images

Ministirri Bishaanii, Jallisiifi Inarjii Dr. Silashii Baqqalaa mormiin ka'ee jiru marii dhima Hidha Laga Abbayaarratti torbee darbe taasifamuuf karoorfatame hambisuu isaa dubbachuu miidiyaaleen biyya keessaa gabaasan.

Mariin waliigaltee Hidha Laga Abbayyaa irratti Itoophiyaa, Masriifi Sudaan gidduutti taasifamu gufatee turuun Jimaata darbe itti fufe.

Kana malees, naannolee biyyattii jeequmsi itti hammaate keessatti qorannoo koroonaavaayirasiis geggeessuun rakkisaa waan tureef, sochii Ministeerri Fayyaa taasisu irrattis danqaa ture Dr. Silashiin kan dubbataniiru.

Naannoo Oromiyaatti namoonni lubbuu isaanii hambisuuf jecha dhokatanii akka jiran himamaa jira.

Guutuu biyyattiittis yeroo mormiin ka'etti kan kutame intarneetiin, ammas akkuma cufametti jira.

Haacaaluun nama ganna 34 kan ture yoo ta'u, Wiixata darbe erga ajjeefamee booda Oromiyaa akka gootaatti itti ilaalamu keessatti mormiin guddaan taasifamaa ture.

Amma yoonaattis namoonni 160 mormii ka'een lubbuu isaanii dhabaniiru.