Weerarri du'a gurraachaa irra deebiin qaqqabsiisuu malu Chaayinaatti dhalate

Madda suuraa, Getty Images
Akka gabaasa miidiyaalee Chaayinaatti dhibee kanaan wal-qabatee baadiyyaa tokkotti tikeen tokko qabamee adda baafamuun erga turee booda amma bayyaannachaa jiraachuutu ibsame.
Akeekkachiisni ba'e sadarkaa 3ffaa yoo ta'u, dhibeen kun ammaaf yaaddessaa akka hin taane mul'isa jedhameera.
Dhibeen Buubooniik baakteeriyaan kan dhufu yoo ta'u, qorichoota 'antibiotic' fudhachuun salphaatti kan yaalamudha. Haata'u malee yoo wal'aanamuu baate lubbuu galaafachuu danda'a.
Weerarri Buubooniik kun Chaayinaatti jalqaba kan mul'ate Sanbata Xiqqaa Hoospitaala Magaalaa Baayaanuur keessatti dha.
Amma yoonaattis namni dhibee kanaan qabame akkamiin saaxilamuu akka danda'e wanti barame hin jiru jedhama.
Akeekkachiisni sadarkaa 3ffaa anga'ootaan ba'e kun beeyiladoonni dhibee kana daddabarsuu waan danda'aniif adamsuus ta'e soorachuun dhorkaa ta'uufi yoo nama nama mallattoo dhibee kanaa qabu argan dafanii akka eeruu kennan kan hubachiisudha.
Addunyaarratti yeroo garagaraa dhibeen kun kan mul'atee ture yoo ta'u, 2017'tti Maadaagaaskaaritti namoonni 300 ta'an dhukkubsatanii turan.
Bara darbes Mongooliyaatti namoonni lama lubbuu kan dhaban yoo ta'u, foon hantuutaa dheedhii nyaatanii akka qabaman himamee jira.
WHO'n BBC'tti akka himetti, magaalaa guddittii Mongooliyaatti foon hantuutaa dheedhiin kaleef gaariidha jedhamee amanama.
Sanyiin hantuutaa Maarmoot jedhamtu kun baakteeriyaa baachuu qofa osoo hin taane, weerara biyyattiitti mudatan hedduuf ka'umsa akka taate amanama.
Dhibeen Buubooniik mormaafi bobaa jelatti dhiita kan baasu yoo ta'u, torbanoota jalqabaa irratti mallattoowwan isaa salphaatti adda baasuun ulfaataadha jedhama.
Weerarri Buubooniik 'du'a gurraacha' jedhamee kan beekamu yoo ta'u, jaarraa 14ffaa keessa weerarri ka'e namoota miiliyoona 50 ta'an addunyaarraatti galaafachuutu himama.














