Kiraayisiis Giruuppi: 'Rakkoo hamaa Itoophiyaan keessa jirtuuf falli anga'oonniifi mormitoonni walitti fufinsaan mari'achuudha'

Loltoonni Waxabajji 02, 2020 Finfinnee keessa yeroo caqasuuf bahanitti

Madda suuraa, Screen shoot from Crisis Group page

Ajjeechaan artistii qaroofi qabsaa'aa Oromoo Haacaaluu Hundeessaa booda mormii cimaa kaasuun du'aatii namoota hedduuf sababa ta'e kun imalli ce'umsaa biyyattiin ittan jira jettu amallee gatantaraa jiraachuu mul'isa jedhe dhaabbanni Intarnaashinaal Kiraayisiis Giruuppi.

Kanaaf falli, anga'oonniifi gaggeessitoonni mormitootaa tasgabbiin akka uumamuuf waamicha dhiyeessaa, garaa garummaa jiru dhiphisuuf marii walirraa hin cinne taasisuu qabus jedheera dhaabbanni kun ibsa baaseen .

Ummata ajjeechaa artist Haacaaluu dheekkamuun mormiif hiriira bahe irratti tarkaanfii humnaa qaamni nageenyaafi haleellaa warri gareen gurmaa'anii raawwataniin lubbuun namoota hedduu darbeera jedha Kiraayisiis Giruuppi.

Hokkarri dhalate kun ammoo gufuu haaraa imala ce'umsaa gara siyaasa paartii daneessaatti taasifamu duraanuu fuul-durri isaa ifa hin taane kan gatantarsedhas jedha.

Taateen ammaa kun Oromiyaan, kan wiirtuu qabsoo diddaa garbummaa bara 2014-2017tti keessatti finiinee Ministirri Muummee Abiy Ahmad mataan isaa gara aangootti akka dhufuuf karaa baneef keessatti tasgabbii dhabuun akka itti fufu mallattoo agariisu jedha.

Naannoon kun qaamni hidhannoon qabsaa'anis kan keessa jiraniidha jedha Kiraayisiis Giruuppi.

Mootummaafi gaggeessitoonni mormitootaa tasgabbiin akka bu'u gochuu qabu.

Dhimma baayyee ariifachiisaafi irratti waldhaban kan akka yeroo filannoo duraan Hagayyatti karoorfamee yeroo hin beekamnetti darbe dabalatee ifatti waliin dubbachuuf akka danda'amuuf MM Abiy gaggeessitoota paartilee mormitootaa jajjaboo ta'an affeeruu qaba jedha.

Morkattoota isaa hirmaachisuun garaagarummaa jiru daandiitti baasuun rakkoo wal-harkisaa biyyattii keessa jiru gara walitti bu'iinsa hamaatti geessuu malu hambisa akka Kiraasiis Giruuppi jedhutti.

Sababa siyaasaaf mana hidhaa kan ture Haacaaluun, qabsoo diddaa garbummaa jijjiirama siyaasaa biyyattii keessatti dhufe keessatti gumaacha wallee isaatiin taasiseen akka kallacha qabsoo Oromootti ilaalama.

Walleewwan Haacaaluu baayyeen isaa dhimmoota hacuuccaafi diida qabamuu barootaa Oromoorraan gahaa ture kan kaasu akka ta'e Kiraayisiis Giruuppi yaadateera barreeffama baase kana keessatti.

Ajjeefamuun Haacaaluu ka'umsa ta'us mormii dhalate kanaaf rakkoo gadi fagootu jira

Mormii jabaa tibba kana ka'eef ajjeefamuun Haacaaluu ka'umsa ta'ullee, miidhaan ajjeefamuu isaa booda qaqqabe rakkoo daran gadi fagoo duraan jirurraa dhufe.

Akka Kiraayisiis Giruuppi jedhutti, mootummaan Abiy hanga ammaatti fedhiiwwan jijjiiramaa gara garaa Itoophiyaa keessatti wal-dorgomoo ta'an madaalaawaa taasisuuf dhiibaa ture.

Isaan keessaa hawwiin sabboontota Oromoo aangoon giddu-galeessatti kuufame naannootti gadi bu'ee dinagdeerraa qoollifamuun akka hafuufi maqaadhaaf qofa osoo hin taane qabatamaan dorgomaa cimaa ta'uun filannoo dhufuuf of qapheessuu kanneen jedhanidha.

Eebla 2018 yeroo Abiy gara angoo ministira muummeetti ol bahe Oromiyaa keessatti hedduun aangoo siyaasaa isaaniif malu ni argatu, akkasumas bu'aa guddina dinagdeerraas kan isaaniif malu ni qooddatu abdii jedhuun gammadanii turan jechuun ibsa Kiraayisiis Giruuppi.

Atakaaroon biroo haala kana daran hammeessan jiru. Murteen Paarlaamaa dhiyeenya kana filannoo biyyaalessaa Hagayyatti karoorfamee ture sababa Covid-19'n akka hin gaggeeffamne murteesseefi yeroo aangoo mootummaa dheeresse aarii cimseera.

Abbootiin siyaasaa mormitoota keessa jiran jajjaboo ta'an akkamitti filannoon kun akka yeroo biraatti darbu murteessuu keessatti gahee guddaa isaaniif kennuu akka qabutti yaadanii turan.

Atakaaroo TPLF fi mootummaa giddu-galeessaa

Kun ammoo yeroo ce'umsaa of eegannoo addaa barbaadu kana keessattiifi filannoo dorgommiin cimaan keessatti mul'ata jedhamee eegamu keessatti waliigalteen itti deemuun baayyee barbaachisaa waan ta'eef.

Deebii murtee kanaatiif Addi Bilisa Baasaa Ummata Tigiraayi (TPLF) kan duraan adda paartii biyya bulchaa ture keessatti adda duree turee amma Abiyyiin mormaa jiru, Hagayya keessa naannoo isaatti filannoo gaggeeffachuuf itti deemaa jira.

Mootummaan giddu-galeessaa garuu karoorri TPLF kun gara walitti bu'uutti geessa jechuun akeekkachiiseera.

Ajjeechaan Haacaaluufi mormiin isaan booda uumame erga ministirri muummichaa gara aangootti dhufee raafama isa baayyee hamaa ta'edha.

Wanti hamaan deebii aanga'oonni mormii kanaaf kennan rakkoo duraanuu cimaa ta'e daran hammeessuu isaati.

Rakkoo uumamerratti tarkaanfii caalaa hammeessu fudhachuu

Mootummaan interneetii cufuun humna waraanaas bobbaase. Poolisiin ammoo namoota siyaasaa ciccimoo ta'an akka Obbo Jawaar Mohaammadiifi Obbo Baqqalaa Garbaa hidhe.

Poolisiin Obbo Jawaariifi kanneen biroo 34 ta'an reeffi Haacaaluu akka gara magaalaa itti dhalateetti akka hin geeffamneef deebisan jechuun himate jedha Kiraayisiis Giruup.

Isaan garuu kabajniifi gaggeessaan isaaf malu Finfinnee keessatti taasifamuufii qaba jedhan. Obbo Jawaariifi Obbo Baqqalaan to'annaa jala oolfamuun isaanii ammoo mormii cimaa biraa dhale.

Booda ammoo aanga'oonni kunneen Iskindir Naggaa hidhuus ni kaasa dhaabbanni kun.

Mormii guutummaa Oromiyaafi Finfinnee keessatti babal'ateen namoonni nagaa 83 fi poolisoonni afur ajjeefamaniiru jedha Kiraayisiis Giruup ibsa baase kana keessatti.

Deebiin humni nageenyaa kennu dabalaa adaduma dhufeen, aanga'oonni Itoophiyaan akka hin tasgabboofne godhaa jiru jechuun mormitootatti quba qabuu jalqaban.

Himannaan kunis garaa garummaa bal'aa biyyattii keessaa caalaa hammeessaa dhufe jedha gabaasichi. Ajjeechaan ture shira ta'e jedhamee nagaa booressuuf tolfamedha jedhan Ministirri Muummee Abiy.

"Akka sabaatti filannoo lama qabna: Kiyyoo warri masaanota keenyaa nuuf diriisan keessa galuu ykn kiyyoo isaaniirraa deebinee daandii haaromsaa keenya qabachuudha. Isa duraa filachuun badii isaan nuu qopheessan keessatti isaan tumsuudha".

Yakka raawwatameef osoo qorannoon hin xumuramiin quba walitti qabuu

Ministirri muummichaa warra yakka kanaan himatan adda baasanii kan hin dubbanne ta'ellee, gareen isa deggeran ajjeechaa sanaaf TPLFtti quba qabaniiru.

Himannaan akkasii kun ammoo aarii TPLF duraan qabu cimsuun isaa hin oolu sababiin isaa waggaa darbe keessa rakkoo biyyattii mudataa ture kamiifiyyu isaanumatti qubni qabamaa waan tureef jechuun ibsa barreeffamni Kiraayisiis Giruup kun.

Aanga'oonni biroon ammoo Oromoo warra hidhatee bosona jirutti quba qabu. Kanneen biyyattii keessatti akka nagaan hin jiraanneef biyya biraatu ajjeechaa kana raawwate jedhanis jiru jedha.

Kiraayisiis Girupp, erga Ebla 2018 gaggeessitoonni jijjiiramaa gara aangootti dhufanii biyyattiin taateewwan ajjechaafi hidhaa hordofsiisan keessa darbaa jirti jedha.

Waxabajji 2018 hiriira deggersaa Abiyyiif qophaa'erratti haleellaan yaalii ajjeechaadha jedhame raawwateera. Wagguma isaatti ammoo eegdonni qondaalota waraanaa ajjeesan. Yeruma tokkotti pirezedaantii naannoo Amaaraafi aanga'oota biroo naannichaatu ajjeefaman.

Sadaasa 2019 ammoo aanga'oonni eegdota Obbo Jawaar Mohaammad kaasuun isaanii hidhaafi ajjeechaa biroo hordofsiisuu isaa kaasuun ibsa.

Internaationaal Kiraayisiis Giruup wanti dursi kennamuufii maluun muddama jiru kana furanii akka daandiitti deebiyee miidhaa hin qaqqabsiifne gochuudha.

Kana gochuuf ammoo wanti jalqaba ta'uu qabu, aanga'oonniifi gaggeessitoonni paartilee mormitootaa tasgabbiin akka uumamuuf waamicha gochuun wal loluurraa deebiyuudha.

Hundumtinuu garaa garummaa qaban hunda marii nagaadhaan furachuudhaaf qophaa'oo ta'uu qabu jdheeras.

Hokkarawwaniifi miidhaa irra deddebiyanii uumaman hambisuudhaaf ministirri muummuchaa hunda caalaa ilaafi ilaameen deemuu isaan barbaachisa.

Gaggeessitoonni paartilee mormitootaas galma isaaniitiif karaa adeemsa siyaasaatiin taasisuu qabu.

Yeroo waldhabdeen uumamutti deggartootni isaanii ammoo qabeenya dhuunfaa, dhaabbileen mootummaa akka hin mancaafneef, akkasumas lammilee akka isaaniirraan miidhaa akka hin geessisneef dhorkuu qaban jedha dhaabbanni kun.

Keesumaa ammoo addatti, Obbo Jawaar, Qeerroo biratti hedduu fudhatama guddaa waan qabuuf ifatti seera dhabdummaa abaaruu feesisa jedha barreefamichi.

Mootummaan federaalaa ammoo ajjeechaawwan yeroo gara garaatti raawwatamanii imala ce'umsaa wagoota lamaan darban raasaa turan amanamummaafi ifatti qorannoo taasisuu qaba jedha.

Ajjeechaawwan gurguddaa yeroo darban taasifaman yeroo baayyee waan hin goolabamneef shakkiin akka bal'atu taasiseera.

Rakkoo akkasii kana furuudhaaf ammoo komishiniin mirgoota namoomaa Itoophiyaa qorannoowwan walabaa gaggeessuun yeroo isaatti bu'aa qorannoo isaa paarlaamaatiif dhiyeessuudha.

Aanga'oonni ol aanoon ammoo osoo qorannoon gadi fageenyaan hin gaggeeffamiin morkattoonni siiyaasaa ajjeechaa gaggeefame duuba jiru jechuu dhaabuu qabus jedha.

Walumaagalatti Kiraayisiis Giruup, irra deddebiyuun beektota siyaasaa gidduutti mariin walirraa hin cinne baayyee barbaachisaa akka ta'e cimsee hubachiisa.

Egeree biyyaatiif hangam yaadawwan gara garaa qabaatanillee, aangoo giddu-galeessaafi kan naannolee gidduutti madaalawaa taasianii deemuun faladha jedheera.

Mormitoonni waa'een Abiy isaaniif hin liqifamne baayyeen isaanii, gara aangootti dhufuu isaa deggaranillee, murteewwaan baayyee barbaachisuudha jedhaman kan akka guyyaa filannoo murteessuu irratti isaaniin hin hirmaachifne jedha.

Ministirri muumichaafi Paartiin Badhaadhinaa isaan gaggeessan waa'ee adeemsa ofumaan murteessuufi marii bakka bu'oota paartilee gara garaarraa dhufan waliin cimsuu irra deebiyanii yaaduu qaban.

Mariin ammoo dhimma dursi kennamuufiin barbaachisu dura aansuun ta'uu qaba. Fakkeenyaaf, yeroo filannoo tolchuufi adda ba'uu TPLF furuudha.

Kun ammoo falmiifi yaadaaf karaa banuudhaan waldhabdee giddu-galeessaafi naannolee gidduu jiru gara furuutti ni geessa. Gaaffiiwwan annolee gara garaa keessaa ka'an, qocolloo sabboontota Oromoofi Amhaaraa gidduu jiruufi rakkoo riphe loltootaas dhawaataan gara furachuutti geessuu danda'ajechuun yaada dhiyeessa Kiraayisiis Giruup.

Garaa garamuummaa jiru furuudhaaf osoo waliin mariyachuutti hin galamiin dura haal-dureen akka qajeeluuf ammoo aanga'oonni namoota paartilee mormitootaa keessaa hidhaman gadi dhiisuu qabu.

Ce'umsa Itoophiyaa namoota hedduu biyya keessaafi alaatiif madda abdii ta'aa ture. Haata'u malee, walitti bu'insi guyyoota muraasa darban keessa dhalate,akkasumas hokkarri deddeebiyee ka'u daandiin fuula dura jiru sodaachisaa akka ta'u godha.

Aanga'oonni Itoophiyaafi mormitoonni hordoftoonni isaanii waldhabdee qaban gara daandiitti osoo hin baasiin dura dubbiin eessatti akka badde waliin taa'anii walitti fufinsaan mariyachuun furuun yeroon sirriin ammadha jechuun yaada furmaataan goolaba Kiraayisiis Giruup.