Hidha Haaromsaa Itoophiyaa: Ejjennoo hin jijjiiramneefi fedhii dabalataa Masiriitiif mariin xumura hin arganne

Suura Hidha Haaromsaa saatelaayitaan kaafame

Madda suuraa, Maxar Technologies via Reuters

Ejjennoon hin jijjiiramne kan Masiriin agarsiisaa jirtuufi fedhii hedduu dabalataa isheefi Sudaanillee agarsiisaa jiranirraa kan ka'een mariin biyyoota sadan gidduutti dhimma Hidha Haaromsa Laga Abbayaarratti gaggeeffamaa ture miilanaa waliigalteen xumuruamuu hin dandeenye jette Itoophiyaan.

Itoophiyaan irra deebiyuudhaan falli jiru marii qofa akka ta'e cimsitee hubachiisuu ishee ibsi Ministeerri Bishaan, Jallisiifi Inarjii har'a sadarkaa marii biyyoota sadan gidduutti gaggeeffamaa ture ilaalchisuun baase mul'iseera.

Wanti guddaan furmaata hin argatiin jiru, dhiibbaa qajeelfamawwaniifi danbiiwwan jiran egeree itti fayyadama bishaanii kan Itoophiyaa ilaalurrattiidha jedha ibsi ministeerichaa.

Kana ilaalchisuun ammoo, waliigalteen hammataa ta'ee hariiroo Itoophiyaan, Masiriiniifi Sudaan dhimma Laga Abbayaarratti qaban dhibuu isaati jedha ibsichi.

Ejjennoo hin jijjiiramne Masiriin qabdu, akkasumas fedhiiwwan dabalataafi darbaa ta'e Masiriifi Sudaan qaban irraa kan ka'een mariin waliigalteerra gahuuf taasifamaa ture miilanaa kunis xumura hin argatiin hafeera jedheera.

Ibsichi Itoophiyaan gama isheetiin dhimmoonni ammallee fala barbaadan akka furmaata argatanii mariin bu'aan isaa hundaaf ta'u akka argamuuf baayyee dhimmitee hojjetteetti jechuun, ammas bu'aa waloof mariin waliigaltee karaa furmaataa tokkicha ta'uu akeekeera.

"Mariin biyyoota sadan gidduutti taasifamuufi murannoon waliigaltee hundaaf ta'urra gahuuf taasifamu karaa furmaanni bu'aa qabeessa ta'e ittiin argamudha."

Mariin waliigalteerra gahamuuf taasifamu erga bu'aawwan marii hanga ammaatti taasifamanii Dura Ta'aa Gamtaa Afrikaa, Miseensota Biiroo Gamtaa Afrikaafi gaggeessitoota Itoophiyaa, Masiriifi Sudaaniin ilaalamee booda ammas itti fufa jedhamee ergama.

Mariin dura bu'ummaa Gamtaa Afrikaatiin gaggeeffamu kun waliigalteerra gahuudhaaf, akkasumas garaa garummaawwan jiran furuudhaaf hunda caalaa filatamaadhaa jedha ibsi Ministeera Bishaanii, Jallisiifi Inarjii Itoophiyaa.

Dhimmi Hidha Haaromsaa kun mana maree nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniif erga dhiyaatee booda Gamtaan Afrikaa dhimmicha akka duuka bu'u jedhame.

Jaarsummaa Gamtaa Afrikaan biyyoonni sadan torbee lama keessatti waliigalteerra akka gahan ture kan yaadame. Itoophiyaan waliigalteerra gahamus gahamuu baatus hidha kana bishaan guutuu akka eegaltu himtee turte.

Suuraawwan saatalaayitii haaraan Hidhai Haaromsaa Guddichi Itoophiyaa keessatti bishaan dabalaa deemuu agarsiisan.

Suuraawwan Waxabajjii 27 hanga Adoolessa 9 jidduu kaafaman kanarratti hammi bishaanii hidha haaromsaan duubatti qabamee jiru ol ka'uu agarsiisu.

Gaazexeessaan BBC suraalee saatalaayitii kana xiinxalaa ture Benjaamiin Istiriik amma duralle waqtii Gannaa hammi bishaanii ol ka'ee mul'ataa ture jedheera.

Ogeessa qonna naannichaa irraa qulqulleeffachuun akka hubachuun danda'ametti bakka Hidhi Haaromsaa itti argamu Beneshaangul Gumuz, Gubaa keessa roobni cimaan waqtii Gannaa roobaa jira.

Erga biyyoonni sadan waliigalteerra gahuu dhabanii as tarkaanfiin itti aanu maal akka ta'e hin baramne.