Hidha Laga Abbayyaa: Hawwii ibsaa argachuufi yaaddoo bishaan dhabuu lammilee Itoophiyaafi Masrii

Madda suuraa, Getty Images
Itoophiyaan Hidha Haaromsaa Guddicha laga Abbayyaarratti hojjettu bishaan guutuu ykn cimmisuu eegalteetti jedhu oduuwwan waa'ee hidha walfalmisiisaa kanaa dhiyeenyatti haasawamaa jiran.
Suuraaleen saatalaayitii bahaa jiranillee hammi bishaanii hidha kanaa duuba jiru ol ka'uu agarsiisu.
Aanga'oonni garuu hidhichi bishaan qabachuu eegaluu hin mirkaneessine.
Waldhibdeen bishaan laga Abbayyaa biyyoota sadan gidduu jiru ammallee itti fufee jira.
Guyyaa Kibxataa mariin Itoophiyaa, Masriifi Sudaan gidduutti dhimma Hidha kanaarratti gaggeeffamaa ture waliigaltee malee xumuruamuun Itoophiyaan beeksistee jirti.
Itoophiyaan hidhni kun lammiilee biyyattii miiliyoonootaaf humna elektrikaa dhiyeessuun, hiyyummaa keessaa bahuuf akka carraa guddaatti ilaalti.
Masriin ammoo jireenya lammiileeshee laga Naayil irratti hundaa'eef yaaddoo bishaan najalaa hir'ataa qabdi.
Itoophiyaa: 'Waa hunda qoraaniin qopheechina'
Magaalaa Finfinneetti ijaarsaafi misoomni garagaraa saffisaan deemaa kan jiran tahus, magaalaa keessaa bahanii otoo baayyee hin fagaatiin wanti argan garuu faallaadha.
Lammiileen Itoophiyaa miiliyoonotaan lakka'aman ammallee dukkana keessa jiraatu.
Biyyattiin xumura hidhaa kanaa haalan abdatti. Ijaarsa ganna 10n booda Hidhi Haaromsaa xumuramaa jira. Humna elektrikaa meegaawaattii 6000 maddisiisa jedhamee eegama.
Qarqara Finfinnee naannoo Aqaaqii kan jiraataniifi haadha ijoollee saddeettii kan tahan Aadde Jifaaree Girmaa, maatiinsaanii tajaajila ibsaa hin argatan.
''Waa hundaa qoraaniin qopheechina. Nyaannis qoraanumaan bilchaata. Ittoos yeroo tokko tokko kasalaan hojjenna,'' kan jedhan aadde Jifaareen yeroo tokko tokko ammoo gaazii bitachuun akka fayyadamanis ni dubbatu.
Bosona deemuun qoraan akka guran kan dubbatan haati kun ''otoo ibsaan nuu galee, istoovii arganna. Qulqullinas ni arganna,'' jedhu.
''An amma daaraafi aaraan machoofnee baanu kana, [otoo ibsaan jiraatee] foyyoofnee baana.''
Abbaan warraa isaanii Obbo Lammaa Shuumiis, akkuma lammiilee Itoophiyaa birootti ijaarsa hidha kanaaf boondii bituun gumaacha taasisaniiru.
Kanaanis hidhni kun xumuramee ibsaan mandara isaanii akka galu abdatu.
Masrii - 'Abbayyaan dhimma jireenyaafi du'aati'
Kiloomeetira 8000 gama yaa'a bishaanii gadiin qonnaan bultoonni Masrii ammoo rakkoo biraa himatu.
Masriin hangi bishaanii akka hin hir'anne waadaa Itoophiyaa barbaaddi.
''Lammiilee Masrii hedduuf dhimmi kun dhimma jireenyaafi du'aati,'' jette gaazexeessituun BBC Saalii Nabiil.
''Qonnaan bultoonni biyyattii hedduun waggoota muraasaan as hanqina bishaaniin rakkoo keessa jiru,'' jechuun jiruusaaniif akka daran yaadda'an gabaasteetti.
Qonnaan bulaan biyyattii BBCtti dubbate tokko ammumaanuu ''yeroo bonaa bishaan gahaa hin qabnu" jedha.
"Guyyaa guyyaa motorri bishaan harkisu sababa bishaan gahaa hin arganneef hin hojjetu. Maaltu tahuuf akka deemaa jiru ani hin beeku,'' jechuun yaaddoo qabu hima.

Madda suuraa, Sentinel
Itti gaafatamaan Yuniyeenii qonnaan bultootaa Huseen Abdulahmmen waan jedhu, ''Masrii bishaan malee - yoo bishaan qabaanne lubbuun jiraanna, yoo qabaachuu baanne ammoo, egeree hin qabnu jechuudha,'' jedha.
''Qoodni bishaanii keenyaa yoo hir'ate, suutuma suutaan duuna,'' jedha Huseen.
Gaazexeessituun BBC kun waan jettu, yoo hangi bishaan Masrii gahu ni xiqqaata taanaan lafti misoomaa ni hoonga'a.
Biyyattiin oomisha gosoota midhaanii bishaan hedduu fixan, kanneen akka ruuziifi muuzii irratti dhorkaa keesseetti.
Masriin fedhii biyyoota yaa'a gadii eegaa hin jirtu jechuun Itoophiyaa komatti. Itoophiyaan ammoo gamasheetiin irra deddeebiin Sudaan fi Masrii miidhuuf yaada tokkollee akka hin qabne dubbatti.
Masriin mirga waliigaltee bara kolonii mallattaa'ee goonfatte eegsifachuu barbaaddi jechuun komatti.
Biyyoonni sadan kunneen jaarsummaa fi taajjabdoota garagaraan waggoota hedduuf marii taasisanillee, ammas waliigaltee xumuraarra gahuu hin dandeenye. Dhimmoonni teeknikaafi seeraa ammallee hin furamin hafan hedduutu jiru.
Bishaan laga Abbayyaa uummatoota biyyoota garagaraaf madda jireenyaa tahe kanaaf, egereen maal akka tahu ammallee ifa miti.













