"Siyaasa kunuunsuudhaaf jecha seera kabachiisuun dhaabbachuu hin qabu" - Dr Biqilaa Hurrisaa

Madda suuraa, MOFA - Ethiopia
Mariin paartilee siyaasaa rakkoo siyaasaa biyyattii furuun dhimmoota gurguddaa biyyaalessaa irratti waliigaltee uumuuf gumaachaa jira jedhe paartin biyya bulchu.
Kamisa Onkoloolessa 15 2020 paartileen siyaasaa marroo sadaffaaf wal gahanii mari'ataniiru.
Heera mootummaa fi sirna heerawaa, ijaarsa paartilee siyaasaa, sababawwan walitti bu'iinsa biyyattii keessa jiranii fi filannoon dhimmoota paartileen irratti mari'atamanidha.
Paartileen siyaasaa akkaataa biyyattii fi uummataaf malutti ijaarama isaanii irra deebi'anii ilaaluu akka qaban mari'atame jedhan hogganaan qunnamtii uummataa fi idil-addunyaa Paartii Badhaadhinaa Dr Biqilaa Hurrisaa.
"Paartilee ciccimoo yaada gurguddaa qaban, maallaqaanis, humnaanis, miseensaanis ciccimaa ta'an qabaachuun akka murteessaa ta'e marii kanarratti ka'ee jira" jedhan.
Filannoon dhufu dimokiraatawaa ta'ee paartileenis sagalee argatanii paarlamaa akka seenanii fi bu'a-qabeessa akka ta'an gurmaa'insa isaanii sirreessuu akka qaban irratti waliigalame jedhan.
Sabaa fi sab-lammoonni hedduun siyaasa biyyaa keessaa moggaatti dhiibamanii waan turaniif paartileen hedduun maqaa sabaatiin ijaaramani kan jedhan Dr Biqilaan, rakkoon paartilee kana garasitti dhiibe jala jalaa furamaa adeemee paartileen yaada biyyaalessaa fi qajeeltoowwan idil-addunyaa bu'uura godhanii ijaaramuutti dhufuu qabu jedhan.
Paartileen ofuma isaanii gara yaada biyyaalessaa fi idil-addunyaatti akka dhufan malee "halkan tokkotti kan sabaan gurmooftan diigaa yaada jedhu hin qabnu" jedhan.
Paartiin Badhaadhinaa mirga ofiin of bulchuu, afaan ofiitti fayyadamuu fi aadaa fi eenyummaa ofii dagaagfachuu irratti ejjennoo jabaa qaba kan jedhan qondaalli kun, wantoota lama madaala eegsisanii deemuun barbaachisaadha jedhu.
"Sabni kamiyyuu of bulchuu, mataa ol qabatee deemuu fi sabboonuun murteessaadha. Kuni akkuma jirutti ta'ee sabaa fi sab-lammoonni biyya kana keessa jiran biyya waliinii Itoophiyaa jedhamtu ijaaruuf hojjenna."
Fooyya'iinsa heera mootummaa ilaalchisee paartileen irratti haa mari'atan malee dhimmichi kan ummata ilaallatudha jedhan.
Akkaataa heera mootummaa keessa taa'een ummanni irratti mari'atee murteesseeti heerri kan fooyya'u jedhan Dr Biqilaan.
Kunis filannoo bara 2013 dura waan ta'u hin fakkaatu jedhan.
Fooyya'iinsa heera mootummaa keessatti qabxiin ijoon paartileen siyaasaa kaasan, akkaataa sirni federaalizimii biyyattii itti ijaaramudha.
Sirni federaalizimii saba irratti kan bu'ureeffate moo haala teessuma lafaa irratti kan bu'ureeffate haa ta'u kan jedhu murtee ummataati jedhu Dr Biqilaan.
"Sirna federaalizimii sab-daneessaa amma jiru diiganii federaalizimii haala teessuma lafaa bu'uura godhate ijaaruuf yaaluun biyyattii diiguudha jedheen amana" jedhan.
Siyaasaa fi olaantummaa seeraa
Filannoo ilaalchisee paartiin Badhaadhinaa akkuma waadaa ummataaf seene filannoo diimokiraatawaa kan bu'aan isaa paarlaamaa yaadni adda addaa keessatti dhagaa'amu uumuu ta'e gaggeessuudha jedhan.
Qeeqa mootummaan ykn paartiin biyya bulchaa jiru mormitoota filannoo keessaa baasee ofii injifachuuf socho'aa jira jedhu ilaalchisee, "filannoon kun paartii Badhaadhinaaf mo'atanii mootummaa hundeessuun olidha" jedhu.
Biyyattii keessatti olaantummaa seeraa kabachiisuu fi siyaasni wal makee rakkoo uumaa jira jedhan.
"Namoonni hidhaman hundi miseensa paartii siyaasaa waanan ta'eefan hidhamaa jira yoo jedhan, siyaasa kunuunsuuf jecha seera kabachiisuun hafaa deema jechaadha" jedhu.
Siyaasa kunuunsuudhaaf jecha seera kabachiisuun dhaabbachuu hin qabu jedheen amana jedhan.
Dhimmi seera kabachiisuu qaamolee seeraaf dhiifamuu qaba kan jedhan qondaalli kun, siyaasni fi olaantummaa seeraa kabachiisuun madaala isaa eeggatee deemuu qaba jedhan.
Qaamoleen seeraa kunneen walaba ta'anii akka hojjetan riifoormii waggoota lamaan darbaniin irratti hojjetamaa turuu eeranii, hanqinni jiraatus mootummaan kutannoo jabaa qabaachuu himan.















