Beenishaangul Gumuz rakkoo nageenyaa Godina Matakkal furuuf namoota filataman hidhachiisufi

Naannoo Beenishaangul Gumuz godina Matakkalitti haleellaan hidhattoonni namoota nagaarratti raawwataniin rakkoon nageenyaa uumameera. .
Rakkoo kana furuuf Fulbaana 11 eegalee godinni Matakkal komandi posti baatii sadiif turu jala galuu Itti gaafatamaan Waajira Kominikeeshinii Naannoo Beenishaangul Gumuz Obbo Mallasaa Bayyanaa BBC'tti himaniiru.
Rakkoo nageenyaa irra deddeebiin ka’u itti fufinsaan furuuf Ministira Muummee Itti Aanaa Obbo Dammaqaa Mokonnin waliin irra deddeebiin mari'anneera jedhan Obbo Bayyanaan.
MM Itti aanaa Obbo Dammaqaan 'uummanni hidhatee of eeguu qaba' jechuun isaanii dubbii ijoo ta'ee ture.
Dhimma kanarratti kan gaafanne Obbo Mallasaa Bayyanaa, ammatti komaandii poostiin Raayyaa Ittisa biyyaan durfamu nageenya Godina Matakkal harkaa qabaachuu himu.
Rakkoo kana bifa waaraan furuuf garuu hawaasa keessaa namoota filataman leenjisuun hidhachiisuun eegalamuu himan.
‘’Milishaa leenjisaa jirra’’
Namoonni filataman bifa milishaan leenjii loltummaa leenji'aa jiru jedhan. Milishaan kun 'shiftaa' ofirra ittisuuf leenji'uus jedhan.
‘’Kan leenjisu raayyaa ittisa biyyaati, akkataa kamiin shiftaa ofirraa ittisuun akka danda’u irratti leenjisaa jiru’’ jedhan.
Namootni leenji'an saboota hunda keessaa akka filatamanii leenjii milishaa fudhatanillee ibsan.
Milishoota kanneen meeshaa waraanaa hidhachiisun humnoota farra nageenyaa tahan achuma ummata keessa taa’anii akka qolatan taasifama jedhu.
Kanaan dura milishaa tahanii kan tajaajilaa turaniifi umuriin isaanii hin fagaanne dabalatee, namootni haaraanis filatamanii leenji’aa jiraachuu himan.
Naannicha keessa hir’inni meeshaa waraanaa jiraatus garuu bakkeewwan rakkoo nageenyaaf addatti saaxilamoo tahanitti ni hidhachiifna jedhan aanga'aan kun.
Haa ta'u malee, kana jechuun kanneen leenji’an hunda hidhachiisn jechuu miti hanqina meeshaatu naannicha keessa jira jedhan.
Humni raayyaa ittisa biyyaa fi poolisiin federaalaa wayita ammaa naannicha keessa akka socho'aa jiranillee ibsan.
''Humni komandi postii yeroof kan turu waan taheef nageenya itti fufinsa qabuun kan achuma turee kan furu milishaa amma leenjisaa jirrudha'' jedhaniiru.
‘’Mormitootatu nageenya godinichaa jeeqan’’
Rakkoo nageenyaa naannicha keessa jiruuf aanga'aan kun paartilee mormitootaatti quba qabu. Isaanis Paartii Dimokiraasummaa Gumuz fi 'ABO Shaneeti' jedhan.
‘’Aanaalee Godinichaatti aanaa Baatee amma Qorqaa Sombootti sochiin ABO shanee bal’inaan jira" jedhu.
Namoota rakkoo uuman adamsanii to’achuun itti fufeera kan jedhan aanga'aan kun hanga ammaattis yakkamtootni hedduun to’atamaniiru jedhu.
Gama kaaniin waltajjiin marii godinaa hanga gandaatti aanolee torban godina Matakkal keessatti uummata waliin gaggeffamaa jiraachuu dubbataniiru.
‘’Tokkummaan haleellaa dhufu hunda ofirra qolachuun akka danda’amu mari'atame.’’ Kanaanis tasgabbiin hawaasa keessatti uumameera jedhu.














