Rakkoo nageenyaa: Naannoo Beenishaangulitti Gumuzitti wanti mudate maali?

Torbee tokko duraa eegalee aanaalee Naannoo Beenishaangul Gumuz tokko tokko keessatti qaamolee hidhataniifi eenyummaan isaanii adda hin baaneen, haleellaa banameen namootni lakkoofsaan hin beekamne du'uufi qabeenyarras miidhaan gahuu jirattootni BBC'n dubbise himan.
Obbo Haayiluu Addisuu abbaan isaanii kan aanaa Buulan keessa jiraatan haleellaa humnoota hidhatan kanaan ajjeefamuu himan.
Obbo Haayiluun abbaan isaanii ALI Qaammee tokko naannoo sa'aa tokkootti qaamolee hidhataniin ajjeefamuufi torban tokkoo boodallee reeffa abbaa isaanii argatanii awwaaluu akka hin dandeenyes dubbatu.
Reeffa abbaa isaanii fudhachuuf deeggarsa qaamolee nageenyaa gaafataniis qaamoleen nageenyaa ''turaa seenuu hin dandeenye'' deebii jedhu isaaniif deebisuus himaniiru.
Abbaan isaanii obbo Addisuun horii isaanii qe'eetti osoo deebisaa jiranii karaatti ajjeefamu ilmi ni dubbatu. Qaamoleen ajjeechaa kana raawwatan sababa kana godhaniif kan hin ibsine ta'uuf kaayyoon isaanii maal akka ta'e wallaalamuun jiraattotatti bitaa galeera.
Jiraattotni biroon ammoo qaamoleen kun ajjeechaa raawwachuun dabalataan manneen jireenyaa ni gubaniifi qabeenyas ni saamuu jedhan.
Jiraataan nageenya isaaniif jecha maqaa isaanii akka hin ibsine gaafatan, haleellaan kun raawwatamuu eegaluun dura hawaasa bira sodaan akka ture himanii, maatii isaanii naannoo biraatti erganii mana isaanii kophaa eegaa akka jiran dubbataniiru.
Akkuma sodaatan gaafa Qaammee tokko ''naannicha gooluun'' yeroo eegalu baqatanii bosona galuun of baraaruu himaniiru.
Ofii lubbuu baafataniis qabeenyi isaanii fi kan namoota naannicha jiran biroo saamamuullee dubbatan. Namni kun lakkoofsa namoota ajjeefamanii ibsuuf rakkataniis, xiqqaa kan jedhamu akka hin taane himan.
Aanaalee Dibaaxiifi Wanbaraa
Haaluma walfakkatuun Godina Matakkal aanaalee Dibaaxiifi Wanbaraatti haleellaa hidhattootaan raawwatameen, lubbuun namootaa darbuu jiraattotni BBC'tti himaniiru.
Jiraattotni dhimma kanarratti yaada kennan hidhattootni kun lakkoofsaan hedduu ta'uufi naanna'aa haleellaa akka raawwatan dubbatan.
Aanaa Buulan keessatti haleellaan kan raawwatame Qaammee lama yeroo ta'u, xiyyeeffannaa haleellaa kanaa kan turan namoota dhalattoota naannichaa hin taane ta'uun ibsameera.
Wanbaraatti Qaammee lama dura namootni sadii ajjeefamuu achii booda ammoo namootni afur ammoo hidhattootaan butamanii lafa hin beekamnetti fudhatamuullee himan.
Wanbaraatti dubartootni butaman ammallee akka hin deebinee, Buulanitti ammoo kanneen butaman lama gadhiifaman jedhamus magaala akka hin geenye jiraattotni himaniiru.
Lubbuu namaa balaa kanaan darbe hangama akka ta'e BBC'n ifatti bira gahuu hin dandeenye.
Qaamolee nageenyaa naannichaarraa hubachuuf yaaliin goones hin milkoofne.
Waajirri Kominikeeshinii Naannoo Beenishaangul Gumuuz har'a ibsa kenneen Godina Matakkala naannolee tokko tokko keessatti, boora'uu nageenyaa mudate tasgabbeessuufi olaantummaa seeraa kabachiisuuf Raayyaan Ittisa Biyyaa, Poolisiin Federaalaafi humni nageenyaa naannichaa bobba'uu himeera.
Aanaalee akka Buulaniifi Wanbaraa keessatti humnoota farra nageenyaan bora'uu nageenyaa mudatee ture gara tasgabbii fooyya'aatti deebi'eera jedheera.
Hoogganaan Waajirichaa obbo Abarraa Bayyataa haleellaawwan qaqqabaniin lubbuun namoota nagaa darbuu fi lakkoofsa namoota du'anii qorachaa akka jiran ibsaniiru.














