'Benishaangul Gumuzitti hidhattootni 20 namoota 13 ajjeesan to'ataman'

Obbo Abdulaziz Mahaammad

Madda suuraa, BENISHANGUL GUMUZ COMMUNICATIION AFFAIR OFFICE

Naannoo Benishaangul Gumuz godina Matakalitti namootni haleellaa raawwachuun lubbuu namoota 13 galafaafatan 20 tahan to’annoo jala oolan.

Itti Aanaan Biiroo Bulchiinsaa fi Nageenyaa Naannoo Benishaangul Gumuz Obbo Abdulaziz Mahaammad hidhattootni 20 to’annoo jala kan oolan guyyaa kaleessati jechuun BBCtti himan.

Hogganaan kun akka jedhanitti hidhattootni kunneen haleellicha osoo hin raawwatiin dura humni nageenyaa mootummaa tarkaanfii isaan irratti fudhataa ture jedhan.

Tarkaanfii irratti fudhatameen bittinaa’anii haleellaa raawwataniin lubbuu namoota 13 galaafachuus himan.

Hordoffii fi eeruu taasifameen hidhattootni 20 to’annoo jala ooluun meeshaan isaan ittiin fayyadamaman 12 tahus qabamuu himan Obbo Abdullaaziz.

Naannoo rakkoon kun itti dhaqqabe amma tasgabbaa’aa jiraachuu himanii hoggansi naannichaa bakkichatti argamuun uummata tasgabbeessaa jiraachuus himaniiru.

Namoonni haleellicha raawwatan hundinuu to’atamaniiruu kan jedhuuf Obbo Abdulaziz gareen qorannoo gaggeessu ammas hojiitti jiru jedhanii namootni dabalataa biroon to’atamuu aka danda’an himan.

Namoonni BBC’n bakka rakkoon dhalate irraa dubbisee fi maqaan isaanii akka dhahamu hin feene jiraattotni ganda lama tahu irraa gara 200 tahan qe’ee isaanii irraa buqqa’aniiru.

Namoota qe’ee isaanii irraa buqqa’aniif jiraattotni kaanii fi mootummaan naannichaa deggarsa gochaa akka jirus himaniiru.

Kaartaa Matakkal

Manni namoota mana isaanii cufanii baqataniis cabsamee qabeenyi isaani jalaa saamamaa jiraachuus dubbatu namootni dubbisne.

Jiraataan dubbisne magaalli Gubbaa amma nagaatti deebi’uushee himanis gandootni magaalichaan alaa garuu ammayyuu soda keessa jiraachuu himan.

Hoggantootni federaalaa fi naannoo irraa dhufan jaarsolii biyyaa fi dargaggoota waliin mari’achaa jiraachuus himaniiru.

Pirezidaantiin Naannoo Benishaangul Gumuz Obbo Ashaadilii Hasan EBC irratti kaleessa galgala akka dubbatanitti qaamonni haleellicha raawwatan kanneen TPLF iirraa deeggarsa fudhatanii fi daangaa Sudaan irratti leenjii argachaa turanidha.

Torban lamaan darban keessa hidhattoota garee kanaa irratti tarkaanfii fudhatameen hidhattootni 12 yoo ajjeefaman 30 kan tahan ammo to’atamaniiru jedhan

Naannichatti haleellaan akka kanaan duraa akka dhaqabuuf dursamee kan itti qophaa’ame tahus naannoo Amaaraa waliin tahuun tarkaanfiin sirreefamaa fudhatmuus himaniiru.

Dabalataan hoggantoota itti gaafatamummaa isaanii haalaan hin bahanne irrattis tarkaanfiin bulchiinsaa fi ol aantummaa seeraa kabachiisuu ni fudhatama jedhan.

Namoota du’aniif gadda isaanitti dhagahames ibsuun kanneen qabeenyi isaanii jalaa manca’eef ammoo beenyaan akka kaffalamu gochuuf akak hojjetan himaniiru.

Kanaan dura naannichatti irra dedeebiin walitti bu’insa uumamaa tureen namootni hedduun qe’ee isaanii irraa buqqa’anii ture.