Waldhabdee Benishaangulitti saba Amaaraa fi Gumuz gidduutti uumameen namootni 17 ajjeefaman

Kaartaa Benishaangul Gumuzii fi Amaaraa
Ibsa waa'ee suuraa, Kaartaa naannoo waldhabdee Benishaangul Gumuzii fi Amaaraa gidduutti uumame agarsiisu.

Waldhabdee Naannoo BenishaanguL Gumuz godina Mattakal aanaa Daanburitti uumameen namootni 17 ajjeefamuu I/G Biiroo dhimmota Kominikeeshiinii Naannoo Amaaraa Obbo Assamany Asras BBCtti himan.

Sababni ajjeechaa kanaas gaafa guyyaa 17 bara 2011 wal dhabdee namoota lama hojii fe'umsa buusuu fi fe'uu irratti bobba'an gidduuti uumame tahuu Obbo Assamaany himaniiru.

Obbo Assamany akka jedhanitti miseensi poolisii federaalaa naannicha ture waldhabdee namoota lamaan gidduutti uumame tasgabbeessuuf osoo yaaluu rakkoo gidduutti uumameen rasaasni dhukaa'e lubbuu dhalataa Benishaangul Gumuz tokko galaafachuu danda'eera.

Kana irraa kan ka'es wal dhabdichi babal'achuu danda'e jedhan.

''Naannichatti erga Gumuz tokko ajjeefamee namoota bifti isaanii ifaa ykn isaan irraa adda tahe ajjeesuufi haloo bahuu mul'ataa jira.''

Gochaan dhalattoota Amaaraa naannicha jiran ajjeesuu fi qabeenya isaanii saamuu raawwateera jedhan Obbo Assamany.

Waldhabdichi guyyoota afuriif kan ture yoo tahu namoootni 17 tahanis ajjeefamaniiru jedhan.

Namoota ajjeefaman keessaa namootni 11 dhalattoota Naannoo Amaaraa yoo tahan jaha ammo Naannoo Benishaangul Gumuz irraa tahuu dubbatu.

Wal dhabdichi bakka garaagaraa fi yeroo garaagaraatti gaggeefamuu isaa irraa kan ka'e lakkoofsi namoota du'anii dabaluu danda'a kan jedhan Obbo Assammany ammaaf garuu ragaa guutuu of harkaa hin qabu jedhan.

Haalicha tasgabbeessuuf poolisiin federaalaa fi humni nageenyaa naannoo gidduugalus haalli jireenya hawwaasichaa faffaca'aa tahuu fi naannichi bosonaaan kan haguugame tahuun isaa wal dhabdicha dhaabsisuuf yeroo fudhateera jedhan.

Kaleessa manni dhalattoota aanaa Paawwii naannoo Benishaangul keessaa 25 tahu gubachuus himaniiru.

Haa tahu malee har'a ganama irraa eegalee tasgabbaa'uu akka eegaleefi gaggeessitootni naannolee lamaanii dhimmicha furuuf hojjechaa akka jiran himaniiru.

Dhiyeenyas wal dhabdee saboota lamaan gidduutti uumamu hanbisuuf gaggeessitootni naannolee lamaanii magaalaa Injibaaraatti wal arguun mariyatanii ture.

Ammas qondaaltotni Naannoo Amaaraa dhimmuma kana irratti gaggeessitoota naannichaa waliin mar'achuuf gara Asoosaatti qajeeluu isaanii Obbo Assammany dabaluun himaniiru.