'Wal-dhabdee naannoo Amaaraa caasaa nageenyaa naannichaatu hogganaa ture'

Hidhattota ofirraa ittisan

Naannoo Amaaraa Godina Shawaa Kaabaa fi Godina addaa Saba Oromoo keessatti wal dhabdee uumame qaamolee nageenyaatu harka keessaa qaba jedhu ajajaan olaanaa waraanaa kutaa Kaabaa Mejar Jeneraal Geetachoo Guddinaa.

Raayyaan Ittisa Biyyaa guyyoota muraasa dura mallattoo argee gara naannicha akka deemee dubbatu aanga'aan kun ibsa Kibxata galgala EBC'f kennaniin.

Haa ta'u malee humnooti hidhatan gama lamaaniin jiran, naannoo raayyaan ittisa biyyaa hin geenyetti bahanii wal-dhabdeen akka uumamu taasisan jedhu.

Humnooti kun kanuma hawaasa keessa jiran malee qaamni bakka biraati dhufe hin jirus jedhaniiru.

Wal-dhabdee sambattan darbe magaalaa Axaayyee keessatti uumameen qofa yoo xiqqaate namooni 9 ajjeefamuu aanga'oonni naannichaa miidiyaalee biyya keessaaf himaniiru.

"Ajaja olirraa kennamu otoo hin eegiin, loltoota keenya naannoo sana turan walitti qabnee badii guddaa qaqqabuu danda'u hambisneerra" jedhu Meejar Jeneraal Geetachoon.

Humni nageenyaa naannichaa ga'umsa haalicha to'achuu danda'urra hin turre jedhu.

''Humni hidhatee gama lamaaniin wal-waraanaa ture kan qaamolee nageenyaa naannichaafi caasaa gadiirra jiraniin hogganamudha" jedhan.

"Wal dhabdee kanarrattis kallattiidhaan kan hirmaachaa ture qaamoleedhuma kanas" jedhu.

Sababii kanaan wal-dhabdichi itti fufuu danda'eera kan jedhan Meejar Jeneraal Getaachoo Guddinaa otoo raayyyaan ittisa biyya gidduu hin seenne taheetii nagaafi tasgabbiin amma dhufe hin jiraatu ture jedhan.

Balaan silaa mudachuuf tures akka biyyaatti miidhaa guddaa kan geesisu ture jedhu.

Aanga'oonni naannoo Amaaraa Waraana ABO'tu jiraattota naannichaa irratti lola bane, naannichas jeeqaa jira jechuun himataa turani.

Aanga'ooti Godina Addaa Saba Oromoo garuu wal-dhabdichi Liyyuu Hayilii ykn humna addaa Naannoo Amaaraa fi jiraattota gidduutti kan uumame akka ta'e himaa turan.

Addi Bilisummaa Oromoos himata aanga'oota Naannoo Amaaraa balaaleffachuun torbee darbe ibsa baasee ture.

Naannichi wal-dhabdeen akkasii kan itti uumamee hin beeknedha kan jedhan Meejar Jeneraal Geetaachoon, namoota wal-dhabdee kana duuba tahanii oofan seeratti dhiyeessuuf hojiin adda baafannaa hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

Kallattii mootummaan kaa'een koreen ijaaramee adda baafataa akka jirus dubbatu.

Humni hidhatee bakka biraatii dhufe jedhamee oduun afarfamu dubbii kara dabsuufi jedhan Meejar Jeneraal Geetaachoon.