Naannoo Beneshaangul Gumuz godina Matakkalitti haleellaan jiraatotarratti raawatamuu poolisiin ibse

Kaartaa Matakkal

Naannoo Beneshaangul Gumuz Godina Matakkal aanaalee lama keessatti humnoonni gareedhaan gurmaa'an jiraatotarraan miidhaa geessisaa jiraachuu poolisiin naannichaa BBC Afaan Amaaraatti himeera.

Komishinarri Itti-aanaa Komishinii Poolisii Naannoo Beneshaangul Gumuz Komaandara Nagaa Jaarraa akka BBC Aaan Amaaraa'f ibsanitti, humnoonni "farreen nageenyaadha" jedhan aanaa Wandabaraa ganda Malkaa jedhamu keessatti namoota nagaa ugguruudhaan meeshaa waraanaa harkaa butuun qabeenya namootaa saamaniiru jedhan.

Wixata kaleessaa aanaa Bulan ganda Hephaar jedhamtu keessatti humnoonni kunneen jiraattota bakka sanaarraan miidhaa ukkaamsuufi ajjeechaa qaqqabsiisuu Komishinarri Itti-aanaa kun dbbataniiru.

BBCn jiraattonni qe'ee sanaa dubbisuun akka hubatetti haleellaa namoota eenyummaan isaanii hin beekamneen yeroo gara garaa irratti raawwatamurraan kan ka'e hojii guyyuu isaanii yaaddoo keessa ta'uun akka gaggeeffachaa jiranidha.

Haleellaa raawwatamuun lubbuu namaarra, qaamaaafi qabeenya namaarraan miidhaan gahaa kan jiru yoo ta'u, sochiin isaanii waan jalaa daangeffameef bilisummaan bahanii galanii hojii hojjetachuu akka isaan danqellee hojjetaan mootummaa maqaan isaa akka hin eeramne barbaadu tokko dubbataniiru.

Qaamoleen miidhaa qaqqabsiisan kunneen jiraattorraan miidhaa geessuun alattis ogeessota fayyaafi qonnaa ukkamsuuf yaalii taasisaniiru. Yaaloo caasaa mootumaa irraan miidhaa qaqqabsiisuu qaamoleen kun taasisaniin hojjetoonni tokko tokko gara aanaalee birootti baqachuu isaanii Komishinarri Itti-aanaa kun ibsaniiru.

Haleellaa qaqqabaa jiru kana hordofuun poolisiin bakka rakkoo sanaa jiru, humni raayyaa ittisa biyyaafi poolisiin addaa naannichaa waliin ta'uudhaan gara aanaalee sanaa seenuudhaan haleela gaggeeffamu sana dhaabsisuufi warra haleellaa raawwatan jedhaman to'achuudhaaf hojjechaa akka jiran himaniiru.

Komishinarri Itti-aanaa Komaandar Nagaa Jaarraa akka himanitti aanaalee kunneenitti haleellaa miidhaa geessisaa jiru kana kan raawwachaa jiran qaama yeroof maqaa dha'uu hin barbaadne, "garee miseensota paartii mormituu" ta'uu isaaniiti.

Qaamoleen kanneen garuu to'annoo jala oolchaa akka jiran dubbataniiru.

Komishinarri Itti-aanaa kun haleellaa naannicha keessatti bakkawwan tokko tokko keessatti gaggeeffaman waliin walqabsiisee humnoonni "farreen nageenyaa" jedhaman biyya alaarraa dabalatee deeggarsi akka taasifamuuf odeeffannoon argamuu eeruun "dargaggoota ofitti dabaluudhaaf akka socho'an" dabaluun ibsaniiru.

Warreen haleellaa qaqqabsiisan kunneen ganda Malkaan jedhamu keessatti guyyoota muraasa dura namoota 30 ukkaamsanii kan turan yoo ta'u yeroo ammaa namoota ukkaamsan kanneen gadhiisaniiru jedhan.

Gareen kun namoota ukkaamsanii fudhatan kana ammoo akka isaanitti makaman akka taasisan ibsaniiru.

Jiraattuu aanaa Wanbaraa kan taateefi adaadaafi ilmi adaadaa ishee umuriin waggaa 12 ta'e garee kanaan kan jalaa butame akka jettutti, eenyu akka buteefi eessa akka jiran hin beekktu.

Maatiin ishee kun erga butamanii torban tokkoo ol akka ta'e kan dubbattu dubartiin BBCn dubbise kun, poolisiitti beeksisuu qofa malee waan gochuu dandeenyu hin jiru jetti.

Naannoo Beneshaangul Gumuz keessatti yeroo gara garaatti gareen eenyummaan isaanii hin ibsamne jiraattota irraan miidhaa qaqqabsiisuun alatti irra deddeebiin namoota ukkaamsanii fudhachuu isaanii gabaafamaa tureera.

Kana dhaabsisuuf ammoo humnoonni nageenyaa naannichaa humna raayyaa ittisaa biyyattii waliin ta'uudhaan warreen miidhaa geessisan to'achuufi gocha kana dhaabsisuudhaaf yaalaa akka jiran ibsameera.