Beenishaangul Gumuz, Matakkalitti hidhattoonni lubbuu namaa dabarsan 30 ajjeefamuusaanii poolisiin ibse

Kaartaa Naannoo Beenishaangul

Rakkoo nageenyaa Beenishaangul Gumuz tibbanaan walqabatee, mootummaan namoota 'shiftoota' jedhe 30 ajjeesuusaa Komishiniin Poolisii naannichaa BBCtti hime.

Namootni shiftoota jedhamuun tarkaanfiin irratti fudhatame kunis, namoota nagaa 14 ajjeesanii kan turanidha jedhame.

Naannnichatti godina Matakkal aanaa Daanguuritti shiftoonni asiin dura namoota nagaa ajjeesan irratti tarkaanfiin fudhanneerra jedhan komishiinarri Komishinii Poolisii naannichaa Abdulaziiz Mahaammad.

Haleellaan kunis erga ji’a Fulbaanaa as si’a sadaffaadhaaf kan raawwatameedha jedhameera.

'Shiftoonni' 30 tarkaanfiin irratti fudhatame kunis kan du’an yoo ta’u, sadi ammoo harka kennaniiru jedhan Komishinarri kun.

Presentational grey line

Odeessaalee kanaan walfakkaatan kanneenillee dubbisuu maltan:

Presentational grey line

Jarreen ajjeefaman jedhaman kunniiin konkolaataa ummataa fe’ee deemaa turerratti tarkaanfii fudhachuusaanii komishiinarri kun himaniiru.

Namoota nagaa ajjeefaman 14 keessaa tokko lammii Chaayinaa ta’uusaas himameera.

Hawaasnis rakkoon akkanaa irra deebiin akka hin mudanneef humnoota nageenyaa waliin ta’uu hojjachaa jiraachuusaanii dubbataniiru.

'Shiftoonni' kunniin eenyu?

Gareen shiftaa kunis nama al-Xaahir Tigiree jedhamuun akka durfamuu fi Masriirraa leenjii akka fudhatu komishiinar Abdulaziiz Mahaammad BBC’tti himan.

“Namni al-Xaahir Tigiree jedhamu kun Masriirraa leenjii fudhata, innis ergamaa TPLF’tti. Namoonni leenjii fudhatanii tarkaanfiiwwan adda addaa raawwatanis lammiilee Itoophiyaati,'' jedhan.

Torban darbe paartiin biyya bulchu Paartiin Badhaadhinnaa qondaaltota naannichaa aangoorra jiran 40 ol aangoosaaniirraa kan kaase yoo ta’u, 15 ammoo hamma ammaatti maal na dhibdeen yookiin waldhabdee keessaa harka qabaachuu dandeettu jechuun qorannoon irratti taasifamaa jira.

Mootummaan biyyattii rakkoolee nageenyaa biyyattii iddoowwan garagaraatti mudatuuf, paartii naannoo Tigraay bulchutti irra deddeebiin quba kan qabu yogguu tahu, TPLF gamasaatiin rakkoo jedhamu kana keessaa harka akka hinqabne dubbachuun, mootummaan fedeeraalaa rakkoolee nageenyaa biyyattii keessatti mudatan dhaabsiisuuf humna akka hinqabne ibsa.