Benishaangul Gumuzitti qondaaloti 40 hoggansa irraa ari'aman

Kaartaa Naannoo Beenishaangul

Walitti bu’insa naannoo Benishaangul keessatti irra dedeebiin mudataa ture hordofee qondaalonni naannichaa 40 tahan hoggansa irraa ari'amuu paartiin Badhaadhinaa beeksise.

Isaan keessaa 10 kan tahan qoratamaa jiru jechuun waa’ee warra kaanii ibsa bal’aa hin kennine paartichi.

Walitti bu’insaa sabaa naannichatti hammaate to’achuuf aanoleen Naannoo Benishaangul Gumuz shan to’annoo humna waraanaa jala galaniiru.

Walitti bu’insa sabummaa irratti xiyyeefachuun naannichatti uumamaa tureen namootni 'baay’een' ajjeefamanii hedduunis qe’ee isaaniirra buqqa’aniiru.

Komishiniin Mirga Namoomaa mootummaatti hidhata qaba jedhamu walitti bu’insi naannichaa lammiilee nagaa irratti xiyyeefate akka isa yaaddesse ibseera.

Haleellaa Jimaata gara bariitti raawwateen yoo xiqqaate namootni 15 yoo ajjefaman, isaan keessaa afur dubartoota turan.

Haleellaa jalqaba ji’a kanaatti raawwateen ammoo namootni 30 yoo ajjeefaman, aktivistootni tokko tokko ammoo lakkoofsi namoota ajjeefamanii 80 gahuu akka danda’u himuu isaanii ripportera BBC Afaan Amaaraa Qaalkidaan Yibelxaaltu gabaase.

Irra caalaan namoota miidhaan irra dhaqqabee saba Amaaraa fi Agaw irrati jedhame.

Haleellicha duuba qaamni akkamii akka jiru ammatti ifatti waanti himame hin jiru.

Dilbata darbe mootummaan naannoo Amaaraa qondaalonni naannoo Benishaangul Gumuz walitti bu’insicha dhaabsisuuf gahee isaanii karaa guutuu bahataa hin jiran jechuun komatan.

Dubbii himaan naannoo Amaaraa naannoon isaanii ‘’obsa fixachuu’’ dabaluun himan.

Itopphiyaatti walitti bu’insi sabummaa irratti xiyyeefate dabalaa deemuun, Ministira Muummee badhaasa Noobelii Nagaa bara 2019 mo’ataniif qormaata tahuutu himama.