Beenishaangul Gumuzitti haleellaa halkan qaqqabeen namoonni 15 ajjeefaman

Danaa

Naannoo Beenishaangul Gumuuz godina Matakkal aanaa Dongorootti haleellaa halkan Kamisaa raawwatameen lubbuun namoota 15 darbuun dhagaahame.

Bulchaan Ganda Bangiiz Obbo Damilleewu BBC'tti akka himaniitti, haleellaan kan raawwatame halkan sa'aa 10 irrattiyoo ta'u, namoonni 14 ajjeefamaniiru.

Haata'u malee, ibsa Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa galgala kana baaseen, lakkoofsi namoota ajjeefamanii 15 gaheera.

Maal akka mudate ilaalchiisuun BBC kan gaafate bulchaan gandichaa, ''maal beekna waan isaa, halkan sa'aa 10'tti sagalee rasaasaa qofatu dhagaahama, namni akkuma jirutti dhumeera,'' jechuun ibsan.

''Obboleessi koos kaleessa halka ajjeefame,'' jechuun ture waan mudate bulchaan gandichaa BBC'tti kan himan.

Hoogganaan Kominikeeshinii Beenidhaangul Gumuz Obbo Mallas Beyyenee ragaa qindaaye akka hin qabne garuu ammoo haleellaan halkan raawwatamuun mirkana ta'uu himaniiru.

Sabaa himaan naannoo Amaaraa haleellaa namoota eenyummaan isaanii hin beekamneen halkan naannoo sa'aa 10'tti raawwatame kanaan namootni 20 ol ajjeefamuu gabaaseera.

Hoogganaan Kominikeeshinii Beenishaangul Obbo Mallas godina Matakkalitti haleellaa tibba darbe raawwatame hordofee naannichi Komaandi Poostii jala akka jirus dubbataniiru.

Yeroo ammaa gandoota Ayishikkaa fi Buulan jedhaman keessatti Raayyaan Ittisa Biyyaa, Poolisiin Federaalaafi qaamoleen nageenyaa naannichaa bobba'anii akka jiranillee himan.

Obbo Mallas, "Keessaanis, alaanis shiftoota ergama fudhatanii socho'antu haleellaa kana raawwataa," jedhanillee, qaamni isaan himatan kun eenyu akka ta'e ifatti hin dubbanne.

Haleellaan kun saba adda fooyyee kan raawwatame ta'uu gaafatamanii, ''Nama naannichatti aragame hunda ajjeesuu malee akka miidiyaalee irratti haasa'amu sabummaarratti kan xiyyeefate miti,'' jedhaniiru.

Komishininiin Mirga Namoomaa maal jedhe?

Ibsa Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa galgala kana baaseen ammoo, haleellaa haaraa kanaan yoo xiqqaate namootni 15 ajjeefamuu ibseera.

Akkasumas, haalichi itti hammaataa adeemuunsaa yaaddessaa ta'aa jira jechuun ibse.

Komishinichi ragaa hanga sa'aa saddeetiitti walitti qabadheenan hubadhee jechuun, namoota ajjeefaman keessaa 11 dhiira 4 ammoo dubara ta'uu beeksiseera.