Lola Tigray: Abbaay Tsahaayyeefi Siyyum Masfin dabalatee hoggantootni TPLF afur ajjeefaman

Hogganaa Korporeeshinii Sukkaaraa duraanii Itoophiyaa kan turan Obbo Abbaay Tsahaayyeefi Ambaasadar Siyyum Masfin dabalatee hoggantootni TPLF afur ajjeefamuu Humna Ittisaa Itoophiyaa wabeeffachuun miidiyaaleen biyya keessaa gabaasan.
Raayyaan Ittisa Biyyaa Rippabilika Dimokiraatawaa Itoophiyaas 'aanga'oota TPLF kanneen irratti tarkaanfiin fudhatamuufi to'atamuu' isaa fuula Feesbuukii isaarratti baaseera.
Hogganaa Bobbii Humna Ittisaa Itoophiyaa kan tahan Birgeder Jeneraal Tasfayee Ayyaaleew, Ambaasadar Siyyum Masfin dabalatee hoggantootni TPLF olaanoon afur ajjeefamuun gariin to'atamuu himan.
Oppiresshinii barbaacha hoggantoota TPLF gaggeefamaa jiruun guyyoota muraasa duras hoggantootaafi gaggeessitootni TPLF buleeyyiin kan akka Abboy Sibihaat to'annoo jala oolanii ture.
"Gareen TPLF gocha kanarraa of qusachuufi kan kaleessarraa barachuu hin daneenye lola waraana biyyaa irratti banuun, ibidda ofiin jalqabeen gubataa jira," jedhan aanga'aan waraanaa kun.
Aanga'oonni TPLF Sadaasa jalqabarratti duula Maqaleetti gaggeefameen sa'aatii 48 keessatti harka akka kennaniif kadhatamanilleen, of tuulummaan lakkii jechuun bosonatti galusaanii Birgadar Janaraal Tasfaayeen yaadataniiru.
Irra deebiin Raayyaan Ittisa Biyyaa akka harka kennatan, hidhannoo akka hiikkataniifi dhimmisaanii seeraan akka ilaalamuuf jaarsoolii erguun gaafatulleen, diduun hunda eegdootaa qabaniitti amanuun, akkasumas ''deebiinee kaana,'' jechuun umuriisaanii malee bosona keessatti dhokatan jedhan.
Holqatti fayyadamuun bakka Raayyaan Ittisa biyyaa hin agarre dhokachuudhaaf yaalii taasiisaa turanilleen, sakkatta'iinsa Raayyaan Ittisa Biyyaafi humnootiin nageenyaa Federaalaa waliin taasisaniin har'a tarkaanfiin irratti fudhatamuu himaniiru.
Dursanii qarqara laga Takazeetti waraana bobbaasuun Itoophiyaa jeequuf socha'aa, karoorsaafi hoogganaa kan turan aanga'oota TPLF, humnootiin eegdoota isaanii humna mootummaa Federaalaa waliin erga dhukkaasa wal jijjiranii booda eedootaafi hogganttoota loltoota eegumsaa waliin ajjeefamaniiru.
Aangaa'oota TPLF eegdoota isaanii waliin ajjeefaman warra asiin gadiiti.
1. Obbo Siyyum Masfin- Ministira Haajaa Alaa duraanii Itoophiyaa, akkasumas lolicha kan hoogganaaniifi waraanni mootummaa Federaalaa bakkaa gara bakkaatti akka hin sochoone kan ittisaniifi dhumarrattis haleellaan waraanicha irratti akk banamuuf ajaja kan kennan,
2. Obbo Asimalaash Waldasilaasee- aanga'aa olaanaa TPLF kan turan,
3. Obbo Abbaay Tsahaayye- aanga'aa olaanaa TPLF kan turan,
4. Koloneel Kiiros Hagoos kan waraana biyyaa keessaa ganuun bahan eegdoota isaanii waliin ajjeefamaniiru.
Gama biraatiin maqaan loltootaafi aanga'oota naannichaa to'annoo jala oolfaman:
1. Koloneel Gabramasqal Gabra Kiidan- kan raayyaa ittisaa biyyaa ganaan,
2. Koloneen Fisihaa Biraanee- kan raayyaa ittisaa biyyaa ganaan,
3. Koloneel Zara'aabiruuk Taadasaa- kan raayyaa ittisaa biyyaa ganaan,
4. Komaandar Gabrakiidaan Asgidoom - ajajaa waraana kutaa biyyaa humna addaa kan turan,
5. Obbo Mabirhaatoom Kindee Hayiluu- Itti-gaafatamaa Dhaabbata Hojiiwwan Bishaan Naanichaa kan turan.
Ammas aangaa'aan waraanaa Birgaarad Janaraal Tasfaayeen aanga'oonni TPLF holqa keessa dhokatanii jiran harkasaanii akka kennaniif waamicha taasisaniiru.
Ka'umsi maal ture?
Lolli Naannoo Tigraay Sadaasa 04 bara 2020 haleellaa humnoonni TPLF Raayaa Ittisa Biyyaa ajaja Izzii Kaabaa irratti raawwatan hordofuun ture kan eegale.
MM Abiy Ahimad 'seera kabachiisuuf' jechuun Raayyaan Ittisaa biyyaa humnootii TPLF irratti tarkaanfii akka fudhatu ifatti ajaja erga kennaniin booda ture gara lolaatti kan seename.
Lola kanaan boodas aanga'oonni TPLFfi dureewwan humna waraana naannichaa haleellaa buufata Izzii kaabaa irratti raawwatamee keessaa harka qabu jedhaman, akka to'atamaniif Komishinii Poolisii Federaalaafi Abbaa Alanagaa federaalaatiin ajajni irratti bahnsaa ni yaadatama.
Kana hordofees aanga'oonni TPLF muraasni to'atamanii kaan ammoo ajjaafamuu motummaan biyyatti yeroo garaa garaatti beeksisaa jira. Haata'u malee dhimma kana ilaalchisee gama TPLF wanti jedheme omtu hinjiru.
Kana malees erga lolli kun eegalee kaasees namoonni dhibba hedduun lakkaa'aman ajeefamuufi kanneen miliyoonotaan lakkaa'aman bakka jireenyaasanii buqa'aniiru. Akkasumas lammiileen Itoophiyaa 56,000 caalan daangaa qaxaamuruun gara Sudaan baqataniiru jedha odeeeffannoon UNHCR irraa argame.










