Eenyummaa anga'oota TPLF tibbana to'annoo jala oolfamanii gabaabbinaan

Madda suuraa, bbc/Fana
Halellaan buufata waraana federaalaa kan Izzii kaabaa irratti humnootii TPLFn raawwate hordofuun, Sadaasa 4, 2020 irraa eegalee tarkaanfii motummaa federaalaatiin fudhatamuunsaa ni yaatama.
Haleellaa buufata raayyaa ittisa biyyaa irratti raawwatamee kanaafis motummaan federaalaa aanga'oota TPLF fi hooggantoota waraana naannichaa dhibbaan lakkaawaman himachaa ture.
Kanaafu, qaamooleen kunneen to'annoo seeraa jala oolfamuun akka himatamaniif Komishinii poolisii federaalaafi abbaa alangaa federaalaa ajaja to'annoo irratti baasuun isaanii ni yaadatama.
Haaluma kanaanis aanga'ootaa siyaasaafi qondaaltoota waraanaa naannichaa muraasni tibba kana to'annoo jala kan oolfaman yoo ta'u, isaan keessaa eenyummaa aanga'oota shanii akka asii gadiitti dhiyeessineera.
Aaddee Qiddusaan Naggaa
Obboleettii qixusuu Abbooyi Sibihaat Naggaa kan taatee, Aaddee Qiddusaan Naggaa dubartoota qabsaa'oota ALI dhuma bara 1970tti TPLFtti makaman keessaa addee Qiddusaan qabsaa'oota dubartoota ciccimoo keessaa tokko jedhamu.
Addee Qiddusaan tibba qabsoo hidhannootti kutaa hawaasa dadammaqsu ogganaa turan. Kana malees dura teessuu waldaa dubartoota qabsaa'oota naannichaas ta'uun bara dheeraaf tajaajiluutu himama.
Aaddee Qidduusaan bara 1987 erga Dargiin kufeen booda ture miseensa koree Hojii Raawwachiftuu fi koree jiddugaleessaa TPLF ta'un kan filataman.
Hanga bara 1990mootaatti aaddee Qiddusaan dubartii qobsooftuu ejjannoo siyaasaa cimaa qabduufi cimtu akka turan qabsaa'onni waliin turan dhugaa bahuuf.
Haata'u malee wal hiruu dhaabbaticha keessatti bara 1993tti uumamee tureen, abbaa warraa isaanii Obbo Tsagaay Bariha waliin ta'uun eejjannoo Obbo Mallas Zeenaawii kanneen deeggaran keessaa turan.
Kana malees kantiibaa Magaalaa Maqalee ta'uun tajaajilanii kan turan aaddee Qiddusaan, itti aansuun ammoo af-yaa'ii mana maree naannoo Tigraayis ta'un tajaajilaniiru.
Haata'u malee Onkololeessa bara 2011 keessaa aangoo isaanii irraa naannichaan soorama baafaman.
Obbo Abbaay Walduu
Obbo Abbaay Walduu kan qabsoo hidhannoo dhaabbata Bilisa Baasaa Ummata Tigraay (TPLF)tti makaman gara dhuma bara 1969 ture.
Obboleessi isaanii Obbo Awu'aaloom Walduu namoota 11 kanneen TPLF hundeessan keessaa tokko yoo ta'an, hanga waraanni daangaa Itiyo-Eritraa eegalamuttis Eertiraatti Ambaasaaddara Itoophiyaa ta'un tajaajilaa turan.
Bara 1993tti garaa garummaa ejjannoo dhaabbaticha keessatti umameen obboolaa lamaan kunneen ajandaa garaa garaa qabachuun adda bahanii turan. Haaluma kanaanis Obbo Awu'aalam aanga'oota TPLF tibba sana har'isaman keessa turan.
Obbo Abbaay Waldu baroota dheeraaf itti aanaa pirezidaantii Naannoo Tigraay ta'uun kan tajaajilan yoo ta'u, booda ammoo aangoo pireezidaantummaa Obbo Tsagaayee Barhee irraa fudhachuun bara 2002 hanga 2011tti tajaajilaniiru.
Obbo Abbaay osoo pireezidantii naannichaa ta'uun hinfilatamiin duras, bulchaa godina Jiddugalaafi isaan booda ammo Itti gaafatamaa Biiroo Qonnaa naannichaa ta'uun hojjataniiru.
Kana malees dura taa'aan TPLF Obbo Mallas Zeenaawii bara 2004tti erga du'anii boodas, isaan bakka bu'uun hanga bara 2009tti dura taa'aa dhaabasaanii ta'un tajaajilaniiru. Obbo Abbaay Walduu miseensa koree hojii raawwachiiftuu ADWUI ta'unis tajaajilanii turan.
Booda keessa ammo yaa'ii 13ffaa dhaabbatasaaniin erga gamaaggamamaniin booda aangoorraa kan kaafaman yoo ta'u, dargaggoonni naannichaa karaa midiyaalee hawaasumaatiin komii olaanaa irratti dhageessisaa akka turan himama.
Erga isaan aangoo pireezidantummaa naannichaa fi dura taa'ummaa dhaabbatichaa irraa kaafamaniin booda, bakkasaanii Dr. Dabratsiyoon Gabramikaa'eltu bu'ee ture.
Obbo Abbaay erga aangoofi miseensummaa koree jiddugalaa keessaa har'ataniin booda komii qabaachaa kan turan yoo ta'u, aanga'oota TPLF muraasa oggansa Dr Abiy Ahimad waliin makaman keessaa akka turan dubbatama.
Haaluma kanaanis, De'eetaa Ministeera Nagaa biyyattii ta'uun mudamanii tajaajilaa turan.
Gama barnootaatiin ammoo digrii lammaaffaa akka qaban kan himame Obbo Abbaay, afaanoota Tigriffa, Iroob, Affaar, Amaariffaafi Ingiliffa sirriin dubbatu jedhama.

Madda suuraa, Ministeera Ittisaa Itoophiyaa
Maanguddoon hundeessitoota TPLF keessaa tokko turean kun tibbana to'annoo jala kan oolfaman yoo ta'u, maaliifi attamiin gara TPLFtti deebii'anii akka makaman hinbaramne.
Dr. Injiinar Salamoon Kiidaanee
MM Abiy Ahimad bara darbe Amajjii keessa ministiroota mudanii turan kaan kaasuun isaanii ni yaadatama. Tibba sanatti ture aanga'oonni olaanoon TPLF motummaa Federaalaa keessa turan kan aangoo irraa kaafaman.
Dr Injinar Salamoon Kidaanee, Ittaan kantiibaa Magaalaa Finfinneefi ittigaafatamaa Biiroo Geejiba magalattii kan turan yoo ta'u, isaanis aanga'oota TPLF wayituma sana aangoorraa kaafaman keessaa tokko turan.
Gaaffiifi deebii Dr Salamoon tibba sana BBC waliin taasisaniin, kan dorgomanii turan ADWUI bakka bu'uun ta'u himanii, hanga ADWUI mo'atetti teessoon 25% kan TPLF jechuun mormuunsaanii ni yaadatama.
Erga Magaalaa Finfinneetii ari'atamanii boodas naannoo Tigraayiitti Ittigaafatamaa Misooma Magaalaafi Faayinaansii ta'uun tajaajilaa turan.
Dr Salamoon aanga'oota TPLF ifatti bulchiinsa Abiy irratti qeeqa jabaa dhageessisan keessaa tokkodha.
Injinar Salamoon aanga'oota TPLF dargaggooo keessaa tokko yoo ta'u, miseensa koree jidduugalaas turan.
Dr Abrihaam Takastaa
Dr Abrihaam Takasta dhaloota haaraa TPLF/ADWUItti makaman keessaa yoo ta'an, ministira Misooma Maallaqaafi Misooma Dinagdee biyyattii ta'uun tajaajilaniiru.
Akkasumas waggoota lamaan darban keessa ammo erga jijjiramni dhaabbata ADWUI keessatti taasifameen booda, gara naannoo isaaniitti deebii'aniiru.
Isaan boodas naannoo Tigraayitti Itti aanaa pirezidaantii naannichaafi Itti gaafatamaa Biiroo Maallaqaafi Misooma Dinagdee ta'un hojjataa turan.
Dr Abrahaam miseensa koree jiddugalaafi hojii raawwachiftuu TPLF turan.
Obbo Abbaadii Zammu
Aanga'oota TPLF duraanii amma to'annoo jala olfaman keessaa tokko Obbo Abbaadii Zammu ni argamu.
Obbo Abbaadiin naannoo Tigraayitti itti aanaa pireezidaantii ta'un kan tajaajilanii turan yoo ta'u, hanga MM Abiy aangootti dhufanittis Sudaanitti Ambaasaadara Itoophiyaa ta'un hojjatanii turan.
Tibba dhaabni TPLF yaa'ii isaa 12ffaa taasisee turetti gamagamamuun miseensummaa koree jiddugalaafi koree hojii raawwachiftuu TPLF keessaa baafamaniii ture.
Haata'u malee boodarra ammo Akkaadaamii Oggansa Mallas Zeenaawiitti dura taa'aa Boordii Dhaabbilee Maxxansaa ta'anii turan.
Sibihaati Naggaa
Namoota Motummaan federaalaa ajaja to'annoo irratti baasuun barbaadaa tureefi to'ataman keessaa tokko Abbooy Sibhaati Naggaadha.
Abboy SIbhaat deeggaraa malee miseensa TPLF akka hintaanee wayita tajaajilli sagantaa Tigiriffaa BBC haasofsiisee turetti dubbachunsaanii ni yaadatama.
Abbooy Sibhaat erga waggoota lamaan dura Jiddugala Qorannoo Tarsimoo Dhimmota Alaa irraa sooramaan gaggeefamanii booda, aangoos ta'e itti gaafatamummaa motummaa kamu keessa hinturre.
Haata'u malee kanneen bulchiinsa MM Abiy irratti qeeqa dhiyeessan keessa turan.
Maanguddoon waggaa 86 kan ta'an Abbooy Sibhaati barsiisaa, hojjataa motummaa, qabsaa'aa, akkasumas kanneen dhaaba Adda Bilisa Baataa Ummata Tigraay hundeessan keessaa tokkoofi kan dhaabichas waggoota 10'f dura taa'ummaan ogganaan turan.
Abbooy Sibhaat ADWUI fi mootummaa naannichaa keessatti dhaggeettii olaanaa kan qaban akka turanillee himama.
Ka'umsi maal ture?
Lolli Tigraay Sadaasa 04 bara 2020 haleellaa humnoonni TPLF Raayaa Ittisa Biyyaa ajaja Kaabaa irratti raawwatan hordofuun ture kan eegale.
MM Abiy Ahimad 'sararri diimaan darbameera' jechuun Raayyaan Ittisaa TPLF irratti tarkaanfii akka fudhatu ajaja kennan.
Lola kanaan namoonni dhibba hedduun lakkaa'aman yoo ajjeefaman kumoota hedduun kan lakkaa'aman ammoo qe'ee fi qabeenyaa isaaniirraa buqqa'aniiru.
Isaan boodas haleellaa buufata waraana federaalaa irratti raawwatame keessaa kanneen harka qabu jedhamuun shakkaman, aanga'oonnifi qondaaltoonni waraanaa akka to'annoo jala oolfamaniif ajajni itti bahee adamsamaa turan.
Kana hordofees muraasni to'atamuun kaan irratti ammaoo tarkaanfiin fudhatamu motummaan biyyatti yeroo garaa garaatti beeksiseera.
Kana malees erga lolli kun eegalee kaasees lammiileen Itoophiyaa 56,000 caalan daangaa qaxaamuruun gara Sudaan baqataniiru jedha odeeeffannoon UNHCR irraa bahe.














