Poolisiin M/Janaraal Tsaadiqaan dabalate qondaaltoota waraanaa 40 ol irratti ajaja hidhaa baase

Atsixaa Poolisii federaalaa

Madda suuraa, Ethiopian Federal Police Commision

Komishiniin poolisii Federaalaa Itoophiyaa biyya ganuu fi Naannoo Tigraay keessatti miseensoonni poolisii fi raayyaa ittisaa akka ugguraman taasisaniiru jechuun kan shakkee qondaaltoota waraanaa durii olaanoo 40 irratti ajaja hidhaa baasuu beeksiise.

Poolisiin ibsa Jimaata galgala baaseen akka jedheetti, ajajni hidhaa kunis qondaaltoota waraanaa duraanii humna qilleensaa Itoophiyaa, hoggantoota raayyaa ittisaa fi poolisii 40 ol ta'an irratti ajaja hidhaa baase.

Dhimmi itti shakkamanis biyya ganuu fi yakka waraana irratti raawwatameen barbaadamu jedheera ibsichi.

Qondaaltoota olaanoo ajajni irrratti bahe keessaa shuumii Itaamaajoor waliigalaa humnoota waraanaa Itoophiyaa duraanii kan turan Meejar Janaraal Tsaadiqaan Gabratansaay keessatti akka argaman Komishiniin Poolisii Federaalaa beeksise.

Akkasumas Koloneel Barihee Walda Mikaa'eelfi Komishinar Yihidagoo Siyyuum dabalatee kaan biroonis ''uggura miseensoota poolisii federeaalaafi waraana ittisaa naannoo Tigiraayiitti Sadaasa 3, 2020 raawwatame akka hoggananii fi akka qindeessan qorannoo bira gahamu'' poolisiin federaalaa ibse.

Shakkamtoonni kunneenis gareen isaanii kan waraanaa keessaa haaluun bahaniifi kanneen soramaan gaggeeffaman ta'u ibsichi himeera.

Qaamoolee shakkamman kanneeniifi shakkamtoota biraa to'achuufis komaandoofi gareen qorannoo yakkaa gara Magaalaa Maqaleetti ergamuun akka adamsu taasisuun bu'aa isaa ifa akka taasisuu ibse.

Poolisiin federaalaa amma duras Sadaasa 18, 2020 irratti jeeneraaloota, qondaaltoota waraanaa olaanoofi aanga'oota gadii 76 irratti ''TPLF waliin wal ta'uun biyya yakka biyya ganuu raawwataniiru'' jechuun ajaja hidhaa irratti baasuunsaa ni yaadatama.

Kana malees, waldhabee umameen walqabatees akkasumas aanga'oota TPLF shakkaman irratti poolisiin ajaja hidhaa baasuunsaa ni yadatama.

Hanga ammaattis qondaaltoota waraanaa fi poolisii to'annaa jala olfamaniin alattis, aanga'oota TPLF keessaa af-yaa'iin Mana maree duraanii Aaddee Keeriyaa Ibraahim fi Ittaanaa Pirezidaantii duraanii Naannoo Tigraay Dr Addisaalam Baaleemaa ni argamu.

Miseensoonni qondaaloota waraanaafi poolisii to'atamanis dhimmisaanii mana murtiitti ilaalamaa jiraachuun kan himame yoo ta'u, Dr Addisaalam Baaleem yeroo jalqabaatiif Kamisa darbe mana murtiitti dhiyaataniiru.

Maddiisaa maal ture?

Waldhabdeen Motummaa faderaalaa fi TPLF jidduu yeroo dheeraaf ture erga naannoon Tigraay qofaatti filannoo gaggeeffatee kaasee cimaa dhufuun qaamooleen lamaanu seera qabeessummaa wal dhabisiisaa turan.

Sadaasa 3, 2020 ammoo humnootiin TPLF buufata waraana federaalaa naannoo Tigraay keessaa irratti haleelllaa raawwachuu hordoofee ammoo MM Abiy Ahimed tarkaanfiin waraanaa akka fudhatamu ajaja dabarsan.

Halaallee Izzii Kaabaa irratti raawwatameen wal qabatees miseensoonni raayyaa ittisaa federaalaa hedduun ukkaamfamuun rakkina adda addaatiif saaxiamusaanii miseensoonni waraanaa harka humnootii TPLF baraaraman BBCtti himaniiru.

mootummaan federaalaa amma irra caalaa naannoo Tigiraay magaalaa Maqalee dabalatee to'annoo isaa jala oolchee akka jiru ibseera.

Waraanni kun naannoo Tigiraay keessatti erga jalqabeen as naannichatti namootni dhibbaan lakkaa'aman du'uun kumaatamni biyya keessaa fi alatti qe'ee isaanii irraa baqataniiru.

Namootni 40,000 ol tahan Sudaanitti baqachuu dhaabbileen deeggarsa namoomaa kennan himaniiru. Mootummaan isaan dabalatee kannen qe'ee irraa buqqa'an deebiseen dhaaba jechuun himaa ture.

Waraanni mootummaa federaalaa fi humnoota TPLF gidduuti gaggeeffamaa ture magaalaan Maqalee qabamuun akka xumurame himamus humnootni TPLF ammayyuu akka waraanicha hin xumurre Dr Dabretsiyoon G/Mikaa'el himaa turan.