Lola Tigray: Pireezidantiin Tigraay duraaniifi ministirri itti aanaa to’annoo jala oolan

Obbo Abaayi Walduufi Dr Abrahaam Takasta

Madda suuraa, ETHIOPIA OBSERVER/WORLD BANK

Pireezidantiin naannoo Tigraay duraanii, ministira itti aanaa ministeera maallaqaa fi pireezidantiin itti aanaa naannichaa dabalatee hoggantoonni siyaasaa fi waraanaa TPLF to’annoo jala ooluu fi ajjeefamuu Ministeerri Raayyaa Ittisa Biyyaa himeera.

Qondaalli olaanaa waraanaa Birgaadeer Jeneraal Tasfaayee Ayyaalew akka ibsanitti, warra qabaman keessaa miseensota siyaasaa TPLF torbaafi ‘’qondaalota waraanaa Raayyaa Ittisa Biyyaa ganuun kan garee kanatti makaman,’’ ni argamu.

Pireezidantiin duraanii naannoo Tigraay Obbo Abbaay Walduu fi ministira itti aanaa ministeera maallaqaa, boodarra immoo pireezidantii itti aanaa naannichaa kan turan Dr Abrahaam Takastan warreen to’annoo jala oolan keessaatti. argamu

Kana malees Birgaadeer Jeneraal Tasfaayee Ayyaalew Raayyaa Ittisa Biyyaa ganuun garee TPLF waliin hiriiranii turan kan jedhan yoo tahu, hoggantoota olaanaa waraanaa fi abukaatota isaaniirratti tarkaanfiin fudhatamuun ibsameera.

Hogganoota ajjeefamuun isaanii himame keessaa itti gaafatamaan loojistiksii Raayyaa Ittisa Biyyaa duraanii Meejar Jeneraal Abrahaam Abduul Jaliil fi itti gaafatamaan indooktirineeshinii dhaabichaa duraanii Birgaadeer Janaraal Gabirakidaan Gabiramaariyaam akka keessatti argamu.

Naannoo Tigraayitti itti gaafatamummaa garaagaraarra warreen turan keessaa itti gaafatamaa waajira oditaraa kan turan Radaa’ii Barihee, itti gaafatamaa ejensii Istaatistiikii kan turan Dr Mulugeetaa Yirgaa, itti gaafatamaa dhimma amantii Iqubaay Barihee, itti gaafatamaa waajira pireezidantiifi nageenyaa Obbo Getaachew Tafarii akkasumas itti gaafatamtuun dhimma hawaasummaa Aadde Kiroos Hagoos to’annoo jala oolaniiru.

Itti gaafatamaan qajeelcha bobbaasa Raayyaa ittisa biyyaa Birgaadeer Jeneraal Tasfaayee Ayyaalew dabaluun akka himaniitti, janaraaloota lama dabalatee qondaaltoota waraanaa fi eedgoota dhunfaa saanii akkasumas gargaaraa koomishinarii naannichaa kan tureefi namni poolisii ganee ture tokko irratti tarkaanfiin fudhatameera jedhan.

Kana malees Raayyaa Ittisa Biyyaa ganuun TPLF’tti makamanii kan turan qondaaloti jedhaman Koloneel Gabira-Igzi’aabeer Ambaayeefi koloneel Tirfuwaa Asaffaa to’annoo jala ooluu isaanii ibsaniiru.

Hoggantoonni siyaasaa fi waraanaa TPLF to’achuuf Raayyaa Ittisa Biyyaa,Poolisii Federaalaa fi Qindoominnii Odeeffannoo fi Tikaa Biyyaalessaa sakatta’insa taasisaa jiraachuu Birgaadeer Jeneraal Tasfaayee Ayyaalew ibsaniiru.

Kanneen duraan qabaman

Dhuma torbee darbeetti qondaaloti TPLF duraanii to’annoo jala oolan gara Finfinneetti geeffamuusaanii miidiyaaleen biyya keessaa gabaasaniiru.

Kanneen keessaas manguddoon ganna saddeetamoota keessa jiraniifi hundeessaan TPLF Obbo Sibhaat Naggaa tokko yoo tahan isaan waliin hogganoonni olaanoo garee kanaa duraanii ni argamu.

Kana duras humni nageenyaa sakatta’insa taasiseen hogganoota waraanaa fi siviilii ajjeefamanii fi to’annoo jala oolan maqaadhaan ifa gochuun ni yaadatama.

Raayyaan Ittisa Biyyaa ALI Mudde 23 bara 2013 ibsa kenneen ministirri deetaa geejibaa duraaniifi hogganooti waraanaa boji’amuu isaanii beeksisee ture.

Hanga yoonaa hoggantoota ajjeefamuu fi qabamuun isaanii beekamaniin alatti pireezidantii duraanii Naannoo Tigraayii fi Chaayinaatti ambaasaaddara Itoophiyaa kan turan Addisalam Baaleemaa fi af-yaa’iin duraanii mana maree federeeshinii Keeriyaa Ibraahiim dabalatee dhimmi isaanii mana murtiitti kan ilaalamaa jiru hogganoonni siyaasaa fi waraanaa ni argamu.

Itti gaafatamaan qajeelcha bobbaasa Raayyaa ittisa biyyaa Birgaadeer Jeneraal Tasfaayee Ayyaalew

Madda suuraa, EBC

Hogganoota barbaadamaa jiran

Hanga yoonaatti pireezidantii naannichaa kan turan Dr Dabratsiyoon Gabiramikaa'eliis tahe hogganoonni olaanoo biroon haalli keessa jiran hin ibsamne.

Torbee muraasa dura Raayyaan Ittisa Biyyaa hogganoota olaanoo TPLF iddoo jiran nama himeef badhaasa qarshii miiliyoona 10 qopheessuu ibsuun ni yaadatama.

Namoota siviilii fi hogganoota waraanaa mootummaan ajjeefamaniiru ykn to'annoo jala oolaniiru jedhameen ilaalchisuun garee kanaafi qaama walaba ta'e irraa odeeffannoon kenname hin jiru.

Erga magaalaan guddoo naannichaa Maqaleen to'annoo waraana Itoophiyaan jala oolteen booda, hogganootni Tigraay waraana akka itti fufuusaa himuun alatti dhimma yeroo irratti ibsi kennan hin jiru.

Haleellaa humnootiin TPLF buufata waraana federaalaa Izii kaabaa irratti raawwachun hordofuun lola ALI Onkololeessa 24 bara 2013tti naannichatti eegalameen TPLF aangoorraa bu'uunsaa ni yaadatama.

Rakkoo naannoo Tigiraayitti dhalateen walqabatees Abbaan Alangaa waliigala federaalaa fi Poolisiin Federaalaa hoggantoota siyaasaa fi waraanaa TPLF irratti ajaja hidhaa baasuunsaanii ni yaadatama.

Dabalataanis Itaamaajor Shuumiin waliigalaa waraanaa biyyattii duraanii kan turan Tsaadiqaan Gabiratansaay dabalatee, hogganootni olaanoo Humna qilleensaa, Raayyaa Ittisa Biyyaafi hogganootni poolisii biyya ganuun miseensa waraanaa irratti yakka raawwataniin shakkamuun ajajani hidhaa irratti baheera.