Obbo Sibihaat Naggaa dabalatee anga’ootni olaanoo biroon to'atamuun gabaafame

Sibihaat Naggaa

Qondaalaa olaanaa TPLF kan turan Obbo Sibihaat Naggaa dabalatee anga’oota biroo waraanni biyyattii to’achuu tajaajilli oduu Itoophiyaa gabaase.

Obboo Sibihaatiin ''tarsimoo badii TPLF baasuu fi ajjeechaan sukaneessaan waraanaa Itoophiyaarratti akka raawwatuuf hoggansa kennaa turan'' jechuun Raayyaan Ittisa biyyaa himateera.

Hogganaa kutaa bobbii waraanaa Itoophiyaa Birgaader jeneraal Tasfaayeee Ayyaalew wabeffachuun Tajaajilli Oduu Itoophiyaa akka gabaasetti, Obboo Sibihaat iddoo dhokatanii yoo qabaman eegdooti isaanii ajjeefamaniiru.

Obbo Sibihaat Naggaa Adda Bilisa Baasaa Uummata Tigraay keessatti qabsaa'aa idilee irraa kaasee hanga aanga'oo olaanaa kan gahan, TPLF keessatti nama siyaasaa maqaa guddaa qabaniidha.

Bara 2018 wayita MM Abiy Ahimad gara aangootti dhufan namoota siyaasaa soorama bahan keessaa tokkodha.

Obboo Sibaahat sakatta'iinsa waraannii Itoophiyaa fi qaamooleen nageenyaa fedeeraalaa qindoominaan gaggeessaniin to'atamuutu ibsame.

Obbo Sibihaatiin dabalataan haati warra isaanii Letenaant Koloneel Tsahaadu Riich kan dur hakima Xoor Haaaylichii turanii soorama bahanis warra qabaman keessaati.

Koloneel Kinfe Taaddasaa, Koloneel Yamaneeh Kahaasaayi, Assaggid Gabra Kiristoos, Komaandar Barihee Girmaa, Amdamaariyaam Tasammaas kan waraanni Itoophiyaa maqaa dhayee qabamuu isaanii ibse keessaayi.

Birgaadeer Janaraal Tesfaayee Ayyaaleew akka jedhanitti haatii warraa meejar Jeneraal Haayaloom Arayaa kan dhiyeenya Ameerikaarra gara Tigiraayitti imalan aadde Algaanesh Mallas ''oppireeshinii aanga'oota TPLF qabuuf godhamu jalaa osoo miliquuf yaalanii boolla lixuun du'uu'' ibsaniiru.

Gariin namoota qabamanii kun miseensota raayyaa ittisa biyyaa waraana biyyattii ganuun humnoota TPLF'tti makamaniidha jedhameera.